1 18:1; Phex. 2ffaa 2:4 Kanaan maayessa Maleekkaan furtuu ashuuteetii fi haada sibiilaa harkaa qabu hennaa sami'ii bu'u arge.
212:9; Ser. Uma. 3:1 Bofa duraa, Jawwee, inni ka daabiloosii fi seexana jedhame qabee,
3Woggaa kumaa hidhee qilee ashuuteetitti gate; worra Yihuudii hin taane duranaa akka hin dogoggorsine haga woggaan kumaa raawwatamuuf isa irratti cufee chaappaa itti godhe. Achiin maayii hennaa gabaaba'aaf hin hiikkama.
4 6:9; Dan. 7:9,22,27; Qor. 1ffaa 6:2 Kanaan maayessa teessoowwanillee hin arge; worra isa irra taa'anii baalliin kennameef, waan ragaa Yesuusiitiif, waan dubbii Rabbiitiif namoota mataan isaanii irraa murame, worra bineensaa fi fakii isaatii hin saganne, worra malkata kallacha isaaniitii fi harka isaanii irratti hin godhanne arge. Kiristoosiin woliinillee woggaa kumaa mooyanii jiraatan.
5Qor. 1ffaa 15:23-24 Worri du'an ammo haga woggaan kumni sun raawwatamutti lubbu'uun hin jiraanne; kun du'aa ka'uu duraati.
65:10 Worri hiree du'aa ka'uu duraa qabu eebbifamtootaa fi woyyoota. Duuti lammeesso'oo isaan irratti baallii hin qabdu; gadoota Rabbiitiif ka Kiristoosii ta'anii isa woliin woggoota kumaa kana mooyan.
Mooyatamuu Seexanaa7Woggaan kumaa yoo raawwatame Seexanni hidha'aa hiikkama.
8His. 7:2; 38:2,9,15 Worri Yihuudii hin taane gosa Gogii fi Magoogiin dogoggorsu'uuf kallattii lafaa arfanii bayan. Laakkobsi isaanii akka xindhacha qarqara galaanaati.
9His. 38:22; 39:6 Gara badhinna biyya lafaa bayanii ganda woyyootaatii fi qachaa jaalatamtuu marsan; ibiddi sami'ii Rabbiin biraa bu'ee isaan nyaate.
1019:20; 14:10; Mat. 25:41 Daabiloosiin isaan dogoggorse sun hulee gara busaaya'aa fi raanni sobaa jiran gara galaana ibiddaatii fi dhagaa bobayuutitti gatame. Baraa haga bara baraa halkanii fi guyyaa rakkatan.
Murtii Dhumaa11 4:2; Mat. 25:31; Phex. 2ffaa 3:7,10,12 Kanaan maayessa teessoo gudda'aa fi ka teessoo san irra taa'eerullee hin arge; Ardi'ii fi samiinillee isa afo'oo dheessan. Huleen isaanii hin argamne.
123:5; Dan. 7:9-10 Worra du'an didiqqa'aa fi gugurdaa teessoo isaa afoo ka dhaabatan arge; kitaabbileen banaman, kitaabni biraallee hin baname; innillee kitaaba jireennaati, worri du'anillee akkuma kitaabbilee irratti barreeffame akkuma hujii isaaniitiin qoodaman.
13Yoh. 5:28-29 Galaannillee worra du'an ka isa keessa jiranii kenne; duutinii fi ibiddi asaabaallee worra du'an ka isaan keessa jiruu kennan. Martinuu akkaatama hujii isaaniitiin qoodaman.
14Qor. 1ffaa 15:26,54-55 Duutinii fi asaabnillee galaana ibiddaatitti gataman. Galaanni ibiddaa kunillee du'a lammeesso'ooti.
15Eennullee ka galmee jireennaatitti hin barreeffamne galaana ibiddaatitti gatame.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.