1Ka ulee lola isaatiin;
rakkoo arge ana.
2Uf afo'oo na baase;
ifaan uduu hin taane
akka karaa dukkanaatiin deemu na godhe.
3Dhugama guyyaa maraa deddeebi'ee
harka ufiitiin na adabe.
4Inni foonii fi gogaa kiyya hin jaarse;
lafeewwan kiyyallee hin caccabse.
5Mararo'oo fi dadhabbi'iin
dallawa natti ijaare;
naannaya kiyyallee hin marse.
6Akka worra du'anii turaniititti
akka dukkana keessa jiraadhu na godhe.
7Dallawa keessatti natti cufe;
kanaaf jalaa bayuu hin dandeenne;
hidhaa haada sibiilaallee natti jabeesse.
8Gargaarsa barbaadee yoo waamuu fi yoo iyyadhullee;
kadhaa kiyya dhagayuu hin barbaanne.
9Karaa kiyya dhagaa bocameen cufe;
daandii kiyya hin dabse.
10Akka doobbaa riphee ciisuutitti;
akka leenca dhokateetitti;
11harkisee karaa irraa na baase;
na mummure; gargaarsa malee na hambise.
12Buundhee ufii natti qabe;
eboowwan ufii natti deebifate.
13Buundhee qolaa baafatee
uffaa na woraane.
14Ani ka baniin kiyya itti baldu ta'e;
isaan guyyaa guutuu coora'aa natti faarsan.
15Hidda hadhaayaa na nyaachise;
hadhooftuu na quubse.
16Dhaga'aan ilkaan na cabse;
daaraa keessatti na dhiite.
17Lubbuun tiyya nagaya dhabde;
gammachuun maal akka ta'e irraanfadhe.
18Kanaafuu «Ulfinni kiyya;
wonti ani Rabbitti abdadhe maruu deemeera» jedhe.
19Ani rakkachu'uu fi dhiphachuu kiyya;
mararo'oo fi hadhaayaa yaadadha;
20hennaa maraa yoo waan kana dhudhumu;
lubbuun tiyya na keessatti dhiphatti.
21Ta'ullee hennaa waan kana yaadadhu;
abdi'iin guuttama.
22Nu'u wonti hin banneef
sababaa araara Rabbiitiif;
gara laafummaan isaa waan hin dhumneef.
23Ganama ganama haarawa;
amanamummaan keellee gudda'a.
24Ani akkana ufiin jedhe, Rabbi gayee kiyya;
kanaafuu isa abdadha.
25Worra isa abdataniif;
nama isa barbaaduuf Rabbi misha'a.
26Namni uduu cadhisee
fayyisuu Rabbii abdatee misha'a.
27Namni dargaggumma'atti
uduu qambaraa baadhatee misha'a.
28Rabbi waan itti baachiseef
cadhisee hojjuma ufii haa taa'uu.
29Abdi'iin jiraachuu waan danda'uuf
gad uf haa qabuu.
30Nama isa dhabanaasutti boqoo ufii haa kennuu;
arraballee haa obsuu.
31Baraa haga bara baraa
Rabbi waan nama hin ganneef;
32yoma leelalchellee garaa laafa;
jaalalli isaa guddaan waan hin jijjiiramneef;
33ta'e jedhee rakkoo yookaan
leelaluu ilmaan namaatitti waan hin finneef.
34Hidhamtoonni lafaa maruu
hennaa lukaan dhiitaman;
35Rabbii guddaa afo'otti
nama yoo mirga dhooggatan;
36nama yoo handhi jalaa dhidhatu
Gooftaan waan akkanaa kana hin arguu?
37Rabbi yoo ajaje malee
ka dubbatee raawwatuu danda'u eennu?
38Waan hamaa ta'ee'e mishaa'a
waan afaan Rabbiitii bayuu mitii?
39Namni jiraataan yoo cubbuu ufiitiif adabamu;
maaf guguunguma?
40Karaa keenna qorree haa laalluu;
gara Rabbii haa deebinuu;
41Garaa keenna harka woliin
gara Waaqa keenna ka samii jiruu haa kaafnuu;
akkana haa jennuu;
42«Dinneerra; cubbuu hojjanneerra;
ati nuu hin dhiifne;
43«Ati lolaan uf golgite;
nu ariite;
gara laafinna malee nu ajjeefte.
44Akka kadhaan keenna si bira hin geenne;
duumessaan uf golgite;
hulee bulti'ii keellee duumessaan dhossite.
45Ati worra Yihuudii hin taane jiddu'utti
xuri'ii fi huura nu taasifte.
46Diintonni teenna maruu
afaan nutti banatan.
47Nu'u badi'ii fi diiggamu'uun;
rakko'oo fi raafamaan rakkanne.
48Baniin kiyya waan dhumeef
lolaan imimmaanii ija kiyyaa jige.
49Hara baafannaa malee;
uduu wol irraa hin cinne;
ija tiyya keessaa imimmaan yaa'a;
50haga Rabbi
ol samii gubba'aa argutti.
51Waan dubartoota qachaa tiyya keessa jiran
maraa irra gaye arguun kiyya;
gadda hadhaaya'atu na irra gaye.
52Worri sababaa malee diina natti ta'an;
akka simbiraatitti na adamsan;
53lubbuu tiyya boolla keessatti
balleessuu yaalan;
dhagaa na gubbaa kaayan.
54Bisaan guutee mataa kiyya irra gara gale;
ani bade jedhee yaade.
55Uduu boolla gad fagoo keessa jiru;
yaa Rabbi! ani maqaa kee waame.
56Kadhaa kiyya hin dhageette;
«Gargaarsa barbaadee yoo iyyu
na jalaa dhagayuu hin didin.»
57Ani hennaa si waame natti dhiyaatte;
akkasuma «Hin sodaatin!» naan jette.
58Gooftaa kiyya! ati naa falmite;
lubbuu tiyyallee hin furte.
59Yaa Rabbi! miidhaa na irra gaye argitee
murtii naa murteessi!
60Haluu bayuu isaanii maraa;
mala isaan na irratti yaadan argiteerta.
61Yaa Rabbi! arraba isaanii maraa;
mala isaan na irratti yaadan maraa dhageetteerta;
62Kunniin waan diintonni tiyya
guyyaa maraa natti malanii fi
waan isaan natti gunguma'aa oolan.
63Mee isaan laali!
taa'anii yookaan dhaabatanii
sirbaan natti baldan.
64Yaa Rabbi! waan harki isaanii hojjateef
gatii isaan barbaachisu deebisii isaanii kenni.
65Golga garaa isaaniititti golgi;
abaarsi kee isaan irra haa ta'u!
66Samiiwwan Rabbiitii gaditti
lola keetiin isaan ari'i; isaan balleessi!
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.