Gara Worra Rooma'aa 9 - Kitaaba Woyyuu

Rabbii Fi Namoota Isaa

1 Xim. 1ffaa 2:7 Gadda gudda'aa fi dhiphachuu addaan hin cinnetu garaa kiyya keessa jira yoo jedhu, Kiristoosiin keessa ta'ee dhugaa dubbadha.

2Hin sobu; sammuun kiyya ka Ayyaana Woyyu'uun masakkamullee, akka ani hin sobne naa raga.

3Ser. Ba'u. 32:32; Qor. 2ffaa 12:15 Waan worra fooniin gosa kiyya ta'anii, waan obboleeyyan tiyyaatiif, Kiristoosiin irraa fooyamee ani ka abaarame akka ta'u Rabbiin kadhata'aa ture.

4Ser. Ba'u. 4:22; 9:4; Kes. Deb. 7:6; 14:2; Rom. 3:2; Efe. 2:12; Ibr. 9:1 Isaan worra Israa'elii waan ta'aniif ilmummaa, ulfinna, kaku'uunillee seerri kennamuun, sirni mana woyyu'uu dubbiin abdi'iilee ka isaaniiti.

51:3; Mat. 1:1-16; Luq. 3:23-38; Yoh. 1:1; Ibr. 1:8-10; Xim. 1ffaa 3:16 Abboonnillee ka isaanii waan ta'aniif isaan keessaa Kiristoos fooniin dhalate; Inni waa maraa ol ta'ee, bara baraan Waaqa eebbifama'a! Amiin.

6Ser. Lak. 23:19; Rom. 2:28 Haa ta'uu ammo dubbiin Rabbii ka diiggamee miti; kunniin worri Israa'eliin irraa dhalatan maruu Israa'eloota waan hin taaneef.

7Ser. Uma. 21:12; Mat. 3:9; Yoh. 8:39 Fiixaa Abrahaamiillee waan ta'aniif isaan maruu ijoollee isaatii miti. Haa ta'uu ammo «fiixaan kee Yisaaqiin sii waamama» jedhame.

8Gal. 3:7; 4:23,28 Kana jechuun worri ijoollee Rabbii jedhaman ijoollee fooniitii miti; haa ta'uu ammo worri ijoollee Abrahaamiiti jedhaman ijoollee abdi'iiti.

9Ser. Uma. 18:10,14 Dubbiin abdi'ii kunillee, «Ani hennaa kana dhufa, Saaraanillee ilma deetti» ka jedhu.

10 Ser. Uma. 25:21 Kana calla'aa miti; Ribqaan akkasuma abbaa keenna tokkocha Yisaaqiin irraa hennaa ulfoofte,

118:28-29; 11:5-6 ijoolleen isaa lakkoonni uduu hin dhalatin, yookaan waan mishaa ta'ee'e waan hamaa uduu hin godhin, yaanni Rabbii akka filanno'oon jabaatu huji'iin uduu hin taane ka waame irraa waan ta'eef,

12Ser. Uma. 25:23 «Hangafni maandha'aa ajajama» isi'iin jedhame.

13Mil. 1:2-3 «Yaaqoobiin jaaladhe;

Eesawuu ammo jibbe» jedhamee akkuma barreeffame.

14 Ser. Uma. 18:25; Kes. Deb. 32:4 Eegasuu maal jenna? Rabbiin bira haammeenni hin jiraa? miti.

15Ser. Ba'u. 33:19 Rabbi Muuse'een, «Ka araaramu maraafuu hin araarama; ka garaa laafu maraafuu garaa laafa» waan jedhuuf.

16Efe. 2:8-9 Eegasuu araarri worra jaalateefii miti; yookaan ka fiigeefii miti. Rabbii araara namaa kennu irraa malee.

17Ser. Ba'u. 9:15-16 Kitaabni, «Fari'ooniin ani hunna tiyya sitti mudhisu'uuf, maqaa kiyyallee biyya lafaa maraa irratti akka dubbatamu kanaaf si kaase» waan jedhuuf.

1811:30-32; Ser. Ba'u. 4:21; 7:3; 8:15; Phex. 1ffaa 2:8 Eegasuu Rabbi ka araara fedhuuf hin araarama; ka hin feene ammo mataa jabeessa.

Dheekkamsa Rabbiitii Fi Araara

19 Iyyo. 9:12 Eegasuu «Maaf haga ammaa Rabbi dogoggora nu irraa barbaada ree? Ka fedha isaa mormu eennu?» naan jetta ta'a.

20Isa. 29:16; 45:9 Haa ta'uu ammo ati nama nana, ati ka deebii Rabbiif deebiftu eennu? Hujiin abbaa hujuun, «Maaf akkana gootee na hujje?» jedhaanii?

21Erm. 18:6; Xim. 2ffaa 2:20 Yookaan ka faara huju dhoqqee kutaa tokko irraa meeshaa tokko ulfinnaaf, tokko ammo salphinnaaf dhoqqee huju irratti baallii hin qabuu?

22-232:4-5 Haa ta'uu ammo Rabbi dheekkamsa ufii mudhisu'uuf, hunna ufiillee mudhisuu fedhee mi'a dursee ulfinnaaf qopheesse, mi'a araaraa irratti durummaa ulfinna ufii mudhisu'uuf, mi'a badi'iif qophaayan yoo obsa gudda'aan danda'e attam ree?

241:16; 3:29-30 Meeshaan dhiifamsaa Yihuudota calla'aafii miti; haa ta'uu ammo worra Yihuudii hin taane keessaallee akkasuma worri waamamne nu'u.

25Hose. 2:23; Phex. 1ffaa 2:10 Akkasuma ammo Hoosee keessatti

«Ummata kiyya ka hin taane

‹Ummata kiyya› jedhee

ta hin jaalatamnellee,

‹Ta jaalatamte› jedhee waama.

26 Hose. 1:9 Hulema,

‹Isin banii kiyyaa miti› jedhaman sanitti,

‹Ijoollee Rabbii jiraata'aa› jedhamanii waamaman» jedha.

27 Isa. 10:22-23 Isaayyaasillee laakkobsi ijoollee Israa'elii hagamillee akka xindhacha galaana keessaallee yoo ta'e, worri hafan hin fayyan;

28Gooftaan dubbii ufii lafa irratti daddafee waan raawwatuuf jedhee, waan Israa'eliitiif hin iyya.

29Isa. 1:9 Isaayyaasillee akkasuma, «Gooftaan maraa danda'u uduu fiixaa nuu hambisuu dhabaatee silaa akkuma Soodomiitii fi Gomoora'aa banna» jedhee firrisee dubbate.

3010:20 Eegasuu maal jenna? worri Yihuudii hin taane ka qajeellummaa hin hordofne qajeellummaa argatan. Inni ammo qajeellummaa amanti'iin ta'e.

Israa'elii Fi Dubbii Gammachu'uu

31 10:2-3; 11:7-8 Israa'el ammo qajeellummaa seeraatitti bula'aa seera bira hin geenne.

32Qor. 1ffaa 1:23; Phex. 1ffaa 2:8; Isa. 58:2 Israa'el ammo seera qajeellumma'aa worri hordofan gara seeraa hin geenne. Kun maali'iif? Huji'iin malee, qajeellumma'aan amantii waan hin hordofneef.

33«Kunoo! dhagaa gufachiisu,

dhagaa qarsa'aa Tsiyooniin keessa kaaya,

ka isatti amanu hin saalfatu» jedhamee akkuma barreeffame

dhagaa gufachiisuun gufatan.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help