1Rabbi Noohii fi ijoollee isaa akkana jedhee eebbise, «Horaa'a, badhadhaa'a, lafa guutaa'a;
8Kanaan maayessa Rabbi Noohii fi ijoollee isaatiin,
9«Ani waadaa kiyya isinii fi fiixaa keessan ka isiniin maayessa dhufu woliin dhaaba;
10Akkasuma uumama lubbuu qabu ka si woliin markaba keessaa bayan, allaattiiwwan, horii, busaawaa lafa irra jiru maraafuu waadaa gala.
11Akkuma waadaa isinii gale ammaa achi uumamni lubbuu qabu maruu deebi'ee bisaan badi'iitiin hin badu; bisaan badi'ii deebi'ee lafa hin balleessu» jedhe.
12Rabbi, «Anaa fi isin jidduu'u, waan lubbuu qabu ka isin woliin jiru maraa jidduu'u, malkanni waadaa kiyyaa ka bara baraaf dhaabu kana.
13Funyaan karaabaa duumessa irra godha; malkanni waadaa kiyyaa anaa fi lafa jidduu ta'a;
14Hennaa duumessa lafa irratti badhisu funyaan karaabaa duumessa keessaan mudhata.
15Waadaa anaa fi isin jiddu'uu, foon uffataa lubbuu qabu maraa waan yaadadhuuf ammaa achi waan lubbuu qabu maraa bisaan badi'iitiin hin balleessu.
16Hennaa funyaan karaabaa duumessa keessatti mudhatu maraa waadaa kiyya ka bara baraa ka anaa fi foon uffataa lubbuu qabu maraa jidduu jiru hin yaadadha» jedhe.
17Rabbi Noohiin «Malkanni waadaa kiyyaa ka anaa fi uumama lubbuu qabu maraa jidduu jiru ka ani yaadadhu kana» jedheen.
Noohii Fi Ijoollee Noohii18Ijoolleen Noohii ka markaba keessaa bayan Seem, Kaam fi Yaafeet; Kaam abbaa Kana'aaniiti.
19Ijoolleen Noohii sadiin kanniin; horteen amma lafa guute maruu hortee ijoollee Noohiiti.
20Noohi biqiltuu woyini'ii dhaabu'uun qonnaan bulaa jalqabaa ta'e.
21Gaaf tokko Noohi daadhii woyini'ii dhugee machaayee daasee keessatti uffata mulqatee qullaa rafe.
22Kaam abbaan Kana'aanii abbaan isaa qullaa akka ta'e argee diida bayee ilmaan haadhaa ufii lamaanitti hime.
23Seemii fi Yaafeet uffata fuudhanii gurmuu ufii dudda duubatti qabatanii duubaan deemanii qullaa abbaa ufii dhossan; duubaan waan isatti deemaniif qullaa abbaa ufii hin argine.
24Noohi haga machiin irraa bade waan ilmi isaa ka maandha'aa godhe beekee;
25«Kana'aan abaaramaa haa ta'u!
garbicha garboota ilmaan haadhaa haa ta'uu!
26Ammallee akkana jedhe
galanni Rabbii Waaqa Seemi'iitiif haa ta'u!
Kana'aan garbicha Seemii haa ta'u!
27Rabbi daangaa Yaafeetii haa badhisu!
daasee Seemii keessa haa jiraatu!;
Kana'aan garbicha Yaafeetii haa ta'u» jedhe.
28Noohi bisaan badi'iitiin maayessa woggaa dhibba sadihii fi shantama jiraate.
29Noohi woggaa dhibba sagalii fi shantama jiraatee du'e.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.