1Waandhana!
gurra keennaan dhageenneerra;
abboonni teenna bara durii,
bara isaan turan
waan goote nutti himaniiran.
2Banii harka keetiin ariitee isaan baafte;
abboota teenna garuu isaan dhaabde;
banii hin butuchite;
abboota teenna garuu bilisa baafte.
3Lafa guraadee ufiitiin hin dhaalle;
mootee ka argatan irree ufiitiinii miti;
ati waan isaan jaalatteef harki kee ka mirgaa
irreen teetii fi ifni fuula keetii waan kana godhe.
4Waandhana! ati mootii kiyya;
akka Yaaqoob mooyatu ka murteesse si'i.
5Si'iin diintota teenna uf duuba deebifna;
maqaa keetiin diintota teenna irra deemna.
6Ani eboo tiyya hin hedadhu;
guraadeen kiyyallee na hin oolchu.
7Ati garuu diintota teenna jalaa nu oolchite;
worra nu jibban hin saalfachiifte.
8Hennaa maraa Rabbiin dhaadanna;
baraa haga bara baraa maqaa isaa galatoonfanna.
9Ati amma nu gattee nu salphifte;
nu banii kee worra duulu woliin
bayuu didde.
10Ati diintota teenna afo'oo akka dheessinu nu goote;
diintonni teenna qabeenna qabnu maraa nu jalaa saaman.
11Akka hoolota qalmaaf oofamanii nu goote;
banii gara garaa keessa nu bittinneessite.
12Banii kee gatii salpha'atti gurguratte;
isaan gurguratte'eefillee bu'aa hin arganne.
13Ollaa keenna keessatti akka tuffatamnu,
worri naannoo keenna jiran akka nutti baldanii fi
akka nutti kolfan goote.
14Banii gara garaa keessatti worra mammaakaa nu goote;
namoota jiddu'utti tuffi'iin worra mataa itti raasan nu goote.
15Ani hennaa maraa nama salphinnaati;
guyyaa maraa salphinna keessa oola.
16Kun sababaa worra na arrabsaniitiif,
diinaatiif, worra haluu na bayaniitiif ta'e.
17Uduu si hin irraanfanne;
waadaa keetii fi amanamummaa keenna
uduu hin dhidhanne,
kun maruu nu irra gaye.
18Garaan keenna si amanuu hin dhiifne;
lutti keennallee karaa kee keessaa hin baane.
19Ati garuu hulee yayyiin oolanitti caccabsitee nu gatte;
gaaddisa du'aatiin nu dhossite.
20Uduu maqaa Waaqa keennaa irraanfannee,
harka keennallee gara Waaqa tolfama'aa badhifnee jiraannee,
21Rabbi waan kana beekuu hin dadhabaa?
Inni waan onneen dhossite waan hubatuuf.
22Garuu guyyaa guutuu
waan keetiif du'aan wolitti baana;
akka hoolota goorra'amaniitittillee laakkayamneerra.
23Gooftaa! dammaqi! maaf rafta?
ka'i! baraa haga bara baraa nu hin dhiisin!
24Maaf nu jalaa dhokatta?
dhiphinnaa fi rakkoo keenna maaf irraanfatta?
25Nu'u duddaan gad jennee lafa tuquu geenneerra;
lafatti kufneerra.
26Yabo'oo ka'ii nu gargaari!
waan jaalala kee ka bara baraatiif jedhii nu oolchi!
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.