1Yaa Rabbi!
akka ati irkoo naa taatuuf gara kee dhufe;
kanaafuu na hin saalfachiisin;
balchummaa keetiin na oolchi.
2Gooftaa kiyya na dhagayii;
daddafii gara kiyya koottuu na oolchi;
irko'oo fi kushee jabaa ta'ii na oolchi.
3Ati irko'oo fi kushee kiyya;
maqaa keetiif jedhii na masakki;
karaa deemullee natti mudhisi.
4Ati waan irkoo kiyya taateef
siiboo diintonni tiyya naa dhaabde jalaa na baasi.
5Yaa Rabbi! Waaqa dhuga'aa!
ani lubbuu tiyya sitti kennadhaa na oolchi.
6Ati worra waaqa tolfamaa gatii hin qabne
waaqeffatan maraa hin jibbita;
ani garuu si hedadha.
7Ati rakkoo kiyya argitee lubbuu tiyya dhiphinna jalaa waan oolchiteef
araara keetiin gammada'aa burraaqa.
8Diintotatti dabarsitee na hin kennine;
miila kiyya hulee badhaa irra dhaabde.
9Yaa Rabbi! waan rakkoo irra jiruuf
naa araarami;
ijji tiyya, lubbuun tiyyaa fi foon kiyya
gaddanii dadhabaniiran.
10Jireenni kiyya gaddaan,
umuriin kiyyallee woyatu'uun dhumate;
sababaa rakko'ootiin hunna dhabe;
lafeen tiyyallee na keessatti baxxe.
11Ani diintota tiyyaaf nama baldaati;
ollaa kiyyaa naasu'u;
worri na beekan na dheessan;
yoo kara'atti na argan na irraa dheessan.
12Akka nama du'ee irraanfatame;
akka meeshaa faaraa ka caccabee gataniititti laakkayame.
13Ani hasaassii namoota baay'e'ee dhagaye;
kolba maraanuu soda'atu jira;
natti mari'atanii
na ajjeessu'uuf karoorfatanii wolii galan.
14Yaa Rabbi! ati Waaqa kiyya;
ani si abdadhe.
15Ani hennaa maraa harka kee keessa jira;
namoota na ari'anii fi diintota tiyya maraa jalaa na oolchi.
16Gara garbicha keetii seeqata'aa laali;
jaalala kee ka bara baraatiin na oolchi.
17Yaa Rabbi!
hennaa si waamu na hin saalfachiisin;
worri hammeeyyiin mullanii
asaaba bu'anii cal haa jedhan.
18Qajeellummaa irratti boonaa fi tuffi'iin
uf jaju'uun waan dubbatuuf
afaan isaanii ka dhara dubbatu cadhisiisi.
19Namoota si jalatti dhokatu'uuf,
gara kee dhiyaatan maraa afo'otti
mishummaan worra si sodaatuuf qopheessite
hagam gudda'a!
20Namoota waan hamaa isaan irratti mari'atan jalaa
gaaddisa mana keetii jalatti isaan dhossita;
arraba hadhaa isaanii jalaallee isaan golgita.
21Qachattii marfamte keessatti
Rabbiin araara ufii ka maalale'ee naa baay'ise
haa eebbifamu.
22Ani waan nayeef
waan ati uf irraa na fageessite seeye;
garuu hennaa gargaarsa araaraatiif sitti iyyadhe
iyya kiyya naa dhageette.
23Isin worri woyyoomtan maruu Rabbiin jaaladhaa'a;
Rabbi amanamtoota hin tissa;
worra uf jajan garuu sirima haluu isaan baya.
24Isin worri Rabbiin abdattan maruu
jabaadhaa'a; cimaa'a.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.