1Ani hulee kiyya ka itti eeggadhu irra dhaabadha; qaccee goom'ee dhaga'aa kiyya irra dhaabadha; Rabbi maal akka naan jedhu, gaafii kiyyaafillee maal akka naa deebisu eeggadha.
2Rabbi akkana jedhee naa deebise, «Mudhata ani sitti mudhisu barreessi; akka misha'atti akka dubbifamutti gabatee irratti barreessi.
3Sababaanillee mudhanni hennaa isaa murtaayee waan eeguuf, inni waan guyyaa raawwatamuu dubbata; sobni keessa hin jiru; yoma waan turu fakkaatellee eegi; dhugamaan guyyaan sun hin gaya; hin turulle'e.
4Ati mee worra uf jajan laali; yaanni isaanii qajeela'aa miti; namoonni qajeelaan ammo amanti'iin jiraatan» Akkaataa Namoonni Hammeeyyiin Itti Kufan
5Dhugama qabeenni nama soba; namni uf jaju sirima hara hin baafatan; inni hin quufu akka awwaalaati; akka du'aallee nagaye waan hin jenneef mootota maraa ufitti fudhata; baniillee hin booji'a.
6Namni maruu namoota akkanaa kanniin irratti worra mammaaka'aa itti balda'aa, «Ati ka waan kee hin taane guurattu si hobbaasi! haga meeshaa akka qabdi'iititti fudhataniin uf duroomsitu haga yoomiiti?» jedha.
7Worri isin irraa liqaa qaban dunnuu hin ka'anii? ka'anii isin hin muddamsiisanii? achiin maayessa isaan isin booji'an.
8Isin qabeenna banii hedduu waan saamtaniif worri isaan irraa hafan qabeenna keessan saaman; isaan wonti waan kana godhaniif waan isin namoota ajjeeftanii, biyyattii, qachootaa fi worra isaan keessa jiraatan balleessitaniif.
9Nama akka miidhaan isa irra hin geenneef hulee jireenna ufii hulee ol ka'u irratti ijaaratuu fi nama galii seera male'eetiin mana ijaaratuu hobbaasi!
10Ati dhara karoorsitee namoota hedduu ajjeeftee mana keetitti salphinna fiddeerta; lubbuu teellee badii irra geessiteerta.
11Kanaaf dhagaan manaan ijaaran dhaaba manaa keessaa iyya; akkasuma utubaawwan mukaa laagama kana uf keessaa dhageessisa.
12Isin worri nama ajjeesa'aa qachaa ijaartan yakka hojjata'aa qachaa guddaa ijaartaniif hobbaas!
13Wonti namoonni hojjatan akka gubatu; waan mootonni itti dadhaban akka bu'aa hin qabne ka taasisu Waaqa banii maraatii mitii?
14Akkuma bisaan wol gayee galaana ta'ee lafa guutu, akkasuma ardiin beekkumsa ulfinna Rabbiitiin guuttamti.
15Ati namni goshoo kee qaama isaa ka saalaa argu'uuf waan nama macheessu obaaftee waan hamaa isa irratti raawwattu si hobbaas!
16Atuu machooftee gatantarta; koree keetitti ulfinna caalaa salphinna uffatta; Rabbi akka ati mijuu adabbi'ii guddaa dhuddu si taasisa; ulfinna kee gara salphinnaatitti jijjiira.
17Badiin ati Libaanositti fidde si irra gaya; badiin ati busaawaa irratti raawwatte si naasisa; sababaan wonti kun maruu si irra gawuuf waan ati nama ajjeeftee, biyyoota, qachootaa fi waan isaan keessa jiran maraa balleessiteef.
18Amma bu'ammaan waaqolee tolfama'aa maali'i? inni bee waan harka namaatiin bocamee hojjatamee; isa bira sobaa achi wonti biraa hin argamu; Eeganaa nama isa bocee hojjatee waaqa tolfamaa womaa dubbatuu hin dandeenne kana hedachuun maal isa fayyade?
19Ati ka waan muka irraa bocamee hojjatameen ‹Dammaqi› waan dhagaa irraa bocamee hojjatameen ‹ka'i!› jettuu si hobbaas! dhugamaan amma waandhi tolfamaan waan dhossa'aa sii ibsuu danda'aa? waaqa tolfamaan birri'ii fi worqii itti maxxansanii hojjataniiran; inni garuu sirima hafuura jireennaa hin qabu.
20Rabbi ammo hulee woyyuu ufii ka woyyoome irra jira; kanaafuu baniin adunyaa irra jiran maruu isa afo'otti haa cadhisanii.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.