1 1:11-12; Tit. 1:3 Namootaan yookaan namaan uduu hin taane Phaawuloos Rabbii Abbaa Kiristoosiin worra du'an keessaa kaaseen ergamaa ta'ee fi
2obboleeyyan na woliin jiran maraa irraa woldoota Kiristaanaa Galaatiyaa jiran maraaf;
3Rom. 1:7; Qor. 1ffaa 1:3; Filph. 1:3 Rabbii Abbaa keennaa fi Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin irraa badhaaninii fi nageenni isinii haa ta'u!
4 2:20; Mat. 20:28; Efe. 5:2; Xim. 1ffaa 2:6; Tit. 2:14; Yoh. 1ffaa 5:19 Akka fedha Rabbii abbaa keennaatitti bara hamaa kana keessaa nu oolchu'uuf jedhee, Kiristoos waan cubbuu keennaatiif dabarsee uf kenne.
5Xim. 2ffaa 4:18 Baraa haga bara baraatitti Aabba'aaf ulfinni haa ta'u! Amiin.
Dubbiin Nagayaa ka Dhuga'aa Tokko6 5:8; Qor. 2ffaa 11:4 Ka badhaadha Kiristoosiitiin isin waame irraa gara galtanii gara Dubbii Nagayaa ka biraatitti ariifattanii deebi'uun keessan na maalalchiisa.
75:10; Hu. Er. 15:1,24 Akkana jechuun Dubbiin Nagayaa ka biraa hin jira jechu'uu miti. Ta'ullee worri Dubbii Nagayaa ka Kiristoosii irraa isin raasu'uu fi isin dabsuu barbaadan namoonni tokko tokko hin jiran.
8Qor. 1ffaa 16:22; Qor. 2ffaa 11:4 Haa ta'uu ammo nullee yoo ta'e, yookaan maleekkaan sami'ii Dubbii Nagayaa ka nu isinitti lallabne irraa ka adda ta'e yoo isinitti hime, ka abaarame haa ta'u!
9 Xim. 1ffaa 6:3 Akkuma dursinee dubbanne akkasuma ammallee irra deebi'ee dubbadha; ka fudhattan irraa waan adda ta'e eennullee yoo isinitti hime, inni ka abaarame haa ta'u!
10 Tas. 1ffaa 2:4 Ani amma nama biratti fudhatama argachuu barbaada mo'o? Rabbiin biratti? Amma yoo nama gammachiisa ta'e, ani garbicha Kiristoosiitii miti.
Ergamaa Ta'uu Phaawwloosii11Obboleeyyan tiyya! Dubbiin Nagayaa ka anaan himame kun, ka namni uf keessaa burqisiise akka hin taane akka beettan barbaada.
12Hu. Er. 9:1-15 Yesuus Kiristoositu naaf ibse malee, ani nama irraa hin fudhanne; hin barannelle'e.
13 Hu. Er. 8:3; 22:4-5; 26:9-11 Hennaa dur amantii Yihuudotaa hordofa'aa ture, attamitti akka jiraata'aa ture dhageettaniirtan. Woldaa Kiristaanaa ta Rabbii akka malee ari'a'aa, balleessa'aa ture.
14Hu. Er. 22:3 Aadaa abbootaatiifillee akka malee hinaafa'aa, firtoota bara kiyya jiran keessaa akka sirna amantii Yihuudotaatiin guddisee isaan caala.
15 Erm. 1:5; Rom. 1:1; Efe. 3:7 Haa ta'uu ammo ka uduu ani gadaamessa haadha tiyyaa keessa jiru na filate, Rabbiin badhaadha ufiitiin na waame, worra Yihuudii hin taane jiddu'utti,
16Dubbii Nagayaa isaa akka himuuf, Ilma ufii akka kiyyatti ibsu'uuf hennaa barbaade, yoosuu ani nama tokkoonillee hin mari'anne. Hu. Er. 9:3-6; 22:6-10; 26:13-18
17Gara worra anaan dura ergamtoota turanii gara Yerusaalemii hin dhandhe. Haa ta'uu ammo gara biyya Arabaa deeme; deebi'ee gara Damaasqo'oo dhufe.
18Hu. Er. 9:26-30 Woggaa sadihiin maayessa Keefaa gaafachu'uuf gara Yerusaalemii bayee isa woliin guyyaa kudha shan ture.
192:9; Hu. Er. 12:17; Mat. 13:55 Haa ta'uu ammo Yaaqoobii obboleessa Goofta'aa malee, ergamtoota keessaa ka biraa tokkollee hin argine.
20Wonti ani isinii barreessu kun soba akka hin taane Rabbi hin beeka.
21Achiin maayessa gara Sooriya'aatii fi gara biyya Kiliqiya'aa dhaqe.
22Worri Kiristoositti amanan woldoonni Yihuuda'aa na hin beekan.
23Haa ta'uu ammo, «Inni duraan nu ari'a'aa ture sun amantii duraan balleessu'uuf barbaadu san lallaba» jedhamee hennaa dubbatamu dhagaya'aa turan.
24Waan kiyyaafillee Rabbiin galatoonfatan.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.