Gara Worra Qorontoosii 2ffaa 13 - Kitaaba Woyyuu

Gorsaa Fi Nagaya Dhaamatuu

1Gara keessan dhufuun kiyya kun hennaa sadeesso'ooti; «Wonti maruu ragaa lamaa fi sadihiin mirkanaaya»

2Akkuma hennaa lammata isin laalu'uuf dhufe isin seeree ture; ammallee fagoo taa'ee deebi'ee isin seera; yoo deebi'ee gara keessan dhufu worra asiin dura cubbuu hojjatan ta'ee'e worra kaawwaniillee garaa hin laafu.

3Kun wonti ta'uuf Kiristoos akka na keessaan dubbatu waan ragaa barbaaddaniif. Inni isin jiddu'utti jaba'a malee dadhabaa waan hin turreef.

4Rom. 6:9-10; Filph. 2:7-8; Ibr. 2:9 Dadhabbi'iin fannifameera. Haa ta'uu ammo hunna Rabbiitiin jireennaan jiraata. Nullee akkasumaa isa woliin waan dadhabneef. Haa ta'uu ammo waan isinii ta'een hunna Rabbiitiin isa woliin jireennaan jiraanna.

5 Qor. 1ffaa 11:28; Rom. 8:9-10; Gal. 2:20 Isin amanti'iin jiraatu'uu fi jiraatuu dhabuu keessan uf gora'aa uf laalaa'a; maal laataa yoo ka dandeettii hin qabne waan isinitti fakkaate, Yesuus Kiristoos isin keessa akka jiru hin beettanii?

6Nu ammo worra dandeettii qabu akka hin taane akka beettan abdii godha.

7Akka waan hamaa hin goone Rabbiin isinii kadhanna; Nu worra dandeettii qabu taanee mudhatu'uufii miti. Haa ta'uu ammo nu hagamillee yoo worra dandeettii hin qabne taane, isin hennaa maraa waan mishaa akka gootaniif.

8Hu. Er. 24:16; Qor. 1ffaa 13:6 Nu dhuga'aaf hojjanna malee dhugaa irratti mormii hin qabnu.

9Ibr. 13:21 Nu dadhabnee, isin hennaa jabaa taatan waan gammanneef. Isin guutuu akka taatan, kanaafillee akkasuma Rabbiin kadhatan.

102:3; 10:4,8,11 Ani hennaa gara keessan dhufu wonti Gooftaan baallii naa kenneef isin diigu'uuf uduu hin taane, baallii naa kennametti fayyadamee isin ijaaru'uuf akka isin hin miineef fagoo taa'ee, waan kana isinii barreesseera.

Nagaa Dhaamatuu'u

11 Filph. 2:2; 4:4; Rom. 12:16,18; 15:33 Waan hafeen obboleewwan tiyya! nagayaan taa'aa'a. Guutuu ta'aa'a; gorsa kiyya dhagayaa'a; yaada tokko ta'aa'a; nagayaan jiraadhaa'a; Waandhi jaalalaatii fi nagayaa isin woliin ta'a.

12Rom. 16:16; Qor. 1ffaa 16:20; Tas. 1ffaa 5:26; Phex. 1ffaa 5:14 Dhungoo woyyu'uun nagaya wol gaafadhaa'a.

13 Gal. 6:18; Rom. 5:5 Woyyoonni maruu nagaya isinii dhaamaniiran.

14Ayyaanni Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii, jaalalti Rabbiitii fi tokkummaan Ayyaana Woyyu'uu isin maraa woliin haa ta'u. Amiin!

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help