1Amma naacha hookkoo qurxummii ittiin qabaniin baaftaa?
arraba isaa hoo haadaan hiitaa?
2Hennaa lafti bari'e funyoo funyaanitti gootee dandeetta mo'o?
boqoo isaa makkalla'aan woraantee qaalawa baasuu dandeettaa?
3Inni dhugamaan si kadhataa?
jecha mishaa sitti dubbataa?
4Amma si woliin waadaa gala mo'o?
bara baraan garbicha isa godhattaa?
5Akka simbira woliin taphattutti isa woliin taphachuu hin dandeettaa?
ijoollee tee ta intalaa akka ittiin taphatan hin hiitaafii?
6Worri daldalu isa bitu'uuf irratti wol mormanii?
mo'o mummuranii adda qoodan?
7Gogaa isaa hulee barbaaddetti lulumaan woraantee bassuu'u;
mataa isaa cuuphe'een woraantee baqassuu hin dandeettaa?
8Mee yoo dandeette harkaan tuqi;
yoo san sirima isaan wondhaansa wolitti bayuu hin irraanfattu;
deebiteellee isaan wondhaansa bayu'uuf hin badaddu.
9Isa tooyadha jechuun waan hin danda'amne;
ijaan isa laaluunuu nama hollachiisa.
10Ka isa sochoosuu uggu hin jiru;
eeganaa ka na afoo dhaabachuu danda'u eennu ree?
11Isa tuqee ka nagayaan deemuu danda'u eennu?
Sami'ii gad eennullee hin jiru.
12Waan nafa isaa; waan hunna isaa jaba'aatii fi
waan nafa isaa misha'aa ani hin cadhisu.
13Gogaa isaa eentu irraa mulqa?
boqoo isaa lamaan keessa eentu seena?
14Afaan isaa eentu bana?
naannaya ilkaan isaa gaachenatu jira.
15Gogaan duddaa akka wontee tartiibaan kaayameeti;
waan guddisanii wolitti dhiyaataniiraniif akka sibiilaa jabaata.
16Waan wolitti maxxananiiraniif;
qilleensi edduu isaanii seenuu hin danda'u.
17Waan wol qabataniiraniif;
womtuu addaan isaan hin baasu.
18Hennaa inni haxxifatu,
waan akka ifaatitu falaqqisa;
Ijji isaa akka aduu ganamaa ifi.
19Afaan isaa keessaa arraba ibiddaatitu baya;
qaanqee ibiddaatitu isa keessaa faca'a.
20Akka distii danfeetii fi akka hunxuxii gubatuu
funyaan isaa keessaa aarri baya.
21Hafuurri isaa cilee bobeessa;
arraba ibiddaatitu afaan isaa keessaa baya.
22Mormi isaa hunna guutuu qaba;
fuulli isaa guddisee nama sodaachisa.
23Gogaan nafa isaa dachaa ta'ee wolitti maxxaneera;
nafti isaa akka sibiilaa jabaata.
24Onneen isaa akka dhaga'aa jabaata;
jabeenni isaa akka dhagaa daaku'uuti.
25Hennaa inni ka'u jajjaboonni hin sodaatan.
sababaa naasu'uutiin maraatan.
26Guraadee, eboo, boda'aa fi woraanaan
uduu itti ka'anii hin mooyataniin.
27Sibiila akka bura'aa,
sibiila diimaa akka muka hururee butucha.
28Buundhe'een ari'uun hin danda'amu;
dhagaan furaanfurrisaallee isaa akka bura'aati.
29Inni ulee tuffatee akka margaatitti laakkaya;
hennaa namoonni ebo'oon darbataniin tuffatee isaanitti kolfa.
30Hennaa dhoqqee keessa deemu gogaan isaa
qarama'aa fi jabaan sun akka maarasha'aatitti lafa baqassa.
31Galaana akka bisaan danfee godha;
akka dhadhaa ejersaa ka ottee keessatti danfuutitti danfisiisa.
32Karaan inni irra darbu hin ifa;
bisaan galaanaallee hin hoomacheessa.
33Inni uumama hin sodaanne waan ta'eef,
uumamni akka isaa sirima adunyaa irra hin jiru.
34Uumama gugurdaa ta'an maraa hin tuffata;
inni mootii worra boonu maraati.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.