Raajii Ermiyaasii 51 - Kitaaba Woyyuu

Adabbii Ammallee Baabilooniin Irra Gawu

1Rabbi akkana jedha, «Ani bubbee guddaa Baabiloonii fi banii isi'ii balleessu isaanitti kaasa;

2Ani diintota alaa ka akka midhaanii isii gingilchuu fi ka lafa isi'ii balleessu gara Baabiloonii erga; isaan hennaan isiin itti baddu yoo gaye hulee maraayyuu balaa isi'itti buusan.

3Haga loltoonni isi'ii eboo ufii midhaaffatanii fi haga isaan uffata lolaa uffatanii hennaa hin kennina'aaf; ka'imman isaaniitiifillee garaa laaftanii isaan hin dhiisinaa'a; loltoota isi'ii maraa balleessaa'a.

4Loltoonni isaanii karaa qachoota isaanii maraa irratti madaayanii du'an.

5Yoma lafti isaanii ana woyyuu isaanii afo'ottillee yakka qabaatte ani Gooftaan banii maraa Waandhi isaanii Israa'elii fi Yihuudaa hin irraanfadhu.

6Baabilooniin keessaa dheessaa'a! lubbuu teessan oolfatu'uufillee miliqa'aa jalaa bayaa'a; isin sababaa Baabiloon cubbuu hojjatteef isin duwwamatti hin dhuminaa'a! hennaan kun hennaa ani adabbii isii barbaachisu isi'ii kennu.

7Baniin adunya'aa maruu haga isii harkaa dhugee machaayutti isiin harka kiyyatti akka ciicoo worqii irraa hojjatameeti; baniin ormaa maruu daadhii woyini'ii isi'ii dhuganii machaayan

10Worri Israa'elii akkana woliin jedhan, «Rabbi waan murtii qajeelaa nuu murteesseef koottaa'a! gara Yerusaalemii deemnee waan Rabbi Waandhi keenna godhe maraa himnaa.»

11Kaayoon Rabbii waan mana woyyuu'uuf haluu bayuu ta'eef Baabilooniin balleessu'uuf mootota Meedoonii kaaseera; kanaafuu eboo keessan qaradhaa'a! wontee keessanillee kaasaa'a!

12Malkata Baabilooniin irratti balaa buusaa'a jedhu mudhisaa'a! midhaassa'aa eegaa'a! worra gaadan qopheessaa'a! worra dhokatanii lolanillee qopheessaa'a, wonti waan kana gootaniif waan Rabbi banii Baabiloonii irratti karoorfatee fi waan dubbate waan raawwatuuf.

13Ati Baabiloonii dureettii laga gugurdaa ladda jirtu! barri murti'ii ka ati itti baddu gayeera.Dhaamsa Worra Israa'elii Ka Baabilooniin Keessa Jiranii Ergame

50Rabbi banii Baabilooniin keessa jiraniin akkana jedha, «Isin baniin kiyya ka du'a irraa haftan! uduu hin turre deemaa'a! biyya fago'oo keessa taa'a'aa ana Rabbiin qaabadhaa'a! Yerusaalemiin onnee teessan keessatti yaadaa'a!

51‹Nu'u waan arrabamneef hin saalfanne hulee woyyittii mana woyyuu Rabbii keessa namoonni ormaa waan seenaniif salphannee mataa keenna gad qabanneerra› jedhaa'a.

52Wonti ani Rabbi jedhu kana; hennaan ani waaqolee tolfamaa Baabiloonii irratti murteessuu fi hennaan worri madaayan ka biyyattii keessa jiraatan laagaa rakkinnaa dhageessisan hin dhufa.

53Yoma Baabiloon gara sami'ii ol baatee kushee ufii jabeeffattellee ka isii diigee balleessu hin erga; ka waan kana dubbate ana Rabbi.»

Badii Lammeesso'oo Ka Baabilooniin Irra Gayu

54Rabbi akkana jedha, «Baabilooniin keessaa laagaa iyyansaa,

biyya Kalaadaawotaa keessaa laagaan badii gudda'aa hin dhagayama.

55Loltoonni akka dambalii galaanaa fiigu dimmaa Baabilooniin irra gayee

dhaadata'aa balaa itti buusa;

ani akka kanaan isii balleessee isii cadhisiisa.

56Worri waa balleessan Baabilooniin irratti waan duulaniif

loltoonni isi'ii hin booji'aman;

buundheen isaaniillee hin caccabe;

ani Waaqa nama maraafuu akka gatii hujii isaatitti kennuuf waan ta'eef haguma Baabiloon badii ufii hojjatteetiin gatii isi'ii kenna.

57Ani abboota isi'ii ka murti'ii, ogeeyyii isi'ii, bulchoota isi'ii, ajajoota loltootaatii fi loltoota isi'ii

akka dhuganii machaayan taasisa;

achiin maayessa hin rafan;

baraa haga bara baraa hirribaa hin dammaqan; ka waan kana dubbate ana mooti'i;

maqaan kiyyallee Waaqa banii maraati.

58Dalloofni Baabiloonii badhaan kufee lafa ta'a;

dalloofni isi'ii ka ol dheeressanii ijaaran ibiddaan gubatan;

dadhabbiin banii isi'ii duwwaa ta'a;

wonti baniin itti dadhabe maruu ibiddaan gubata;

ka waan kana dubbate ana Waaqa banii maraati.»

Dhaamsa Ermiyaas Gara Baabiloonii Erge

59Sarayaan ilmi Neeriyaa ilma ilma Ma'iseeya'aa tajaajilaa mooticha Sedeqiyaasii ture; Sedeqiyaas biyya Yihuuda'aa irratti mooyee woggaa arfeesso'ootitti Sarayaan isa woliin gara Baabiloonii dhaqe; ani Ermiyaas hennaa san seera kenneef.

60Badii Baabilooniin irra gayu akkasuma dubbii waan isi'iitiif dubbatame kitaaba irratti barreesse.

61Ani Saraya'aan «Ati akkuma Baabilooniin geetteen waan kitaaba kana keessatti barreeffame maraa laagaa kee ol qabadhuutii bani'ii dubbisi.

62Achiin maayessa ‹Yaa Gooftaa'a! ati akka hulee kana balleessitu dubbatteerta; kanaafuu wonti lubbuu qabu ka sosocho'u maruu isii keessa hin jiraatan, waan namninii fi busaawaanillee dhumuuf baraa haga bara baraa ona taati› jedhi.

63Sarayaa'a! kitaaba kana haga bani'ii dubbiftee fixxeen maayessa kitaaba kana dhaga'atti hidhii laga Efraaxisiititti gati.

64Akkasuma Baabiloonillee sababaa Rabbi badii isi'itti fiduun kuftee hafti; deebitee ka'uu hin dandeettu› jedhi» jedheen.

Dubbiin Ermiyaas dubbate as irratti dhumate.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help