1-3Dubbiin Rabbi balbala mana woyyuu afoo dhaabadhuu banii Yihuuda'aatitti dubbadhu naan jedhe, «Hujii keessanii fi haala jireenna keessanii jijjiiradhaa'a; ani lafa tana irra akka jiraattan isin taasisa.
4Dubbii, ‹kun mana woyyuu Rabbiiti! kun mana woyyuu Rabbiiti; kun mana woyyuu Rabbiiti! nu nagayaan jiraanna› jedha'aa duwwaa dubbattan hin abdatinaa'a.
5«San irra hujii keessanii fi haala jireenna keessanii jijjiiraa'a; jaalala fayyaalummaa uf keessaa qabduun wol qabadha'aa jiraadhaa'a.
6Worra isinitti galee isin keessa jiraatu, ijoollee abba'aa fi haati jalaa du'an, dubartoota abbaan worraa isaanii irraa du'e saamu'uun hin miidhinaa'a; namoota qulqulluu biyya tana keessa jiraatan dabaan hin ajjeesinaa'a; akka hin banneef waaqolee tolfamaa sobaatii hin sagadinaa'a.
7Yoo akka kanaan jijjiirama ka mudhiftan ta'e lafa abboota teessan ta duriitii baraa haga bara baraa kenne keessa akka jiraattan isin taasisa.
8«Laalaa'a! isin bee jecha duwwaa soba ta'e hedattan;
9Sababaa kanaaf hin hattan, hin ajjeeftan, hin seebartan, kakata'aa soba rageessitan, waaqa tolfamaa ba'aalii ciincaa dhiyeessitan, waaqolee tolfamaa armaan dura hin beennellee hin waaqeffattan.
10Waan ani jibbu kanniin maraa haga raawwattaniin maayessa gara mana woyyuu kiyyaa dhuftanii na afoo dhaabattanii ‹nu badii irraa hafneerra!› jettan.
11Manni woyyuun kiyya kushee hattoonni itti dhokatan seetanii? ani waan isin gootan maraa argeera.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.