Raajii Isaayyaasii 39 - Kitaaba Woyyuu

Ergamtoota Biyya Baabilooniitii Dhufan(Mot. 2ffaa 20:12-19)

1Baroota sanniin keessa mootiin Baabiloonii ilmi Baldaanii Marodaak Baldaan akka mootichi Hisqiyaas dhibamee fayye dhagayee kennaa woliin xalayaa ergeef.

2Hisqiyaas gammadee mana meesha'aa, birrii, worqii, urgoo gara garaa, urgooftuu, meeshaa lolaatii fi mana kuusaa meeshaa maraa itti mudhise; mana mootichaa keessatti meeshaa ta'ee'e qabeenna mootumma'aa ka hulee maraa jiru maraa wonti Hisqiyaas isatti hin mudhifne hin jiru.

3Hennaa san raattichi Isaayyaas gara Hisqiyaasii mootichaa dhaqee «Namoonni kunniin maal siin jedhan? eessaa dhufan?» jedhee gaafate.

Hisqiyaasillee, «Biyya fagoo Baabilooniin irraa dhufan» jedhee deebiseef.

4Isaayyaasillee «Mana kee keessatti maal argan?» jedheen.

Hisqiyaas, «Waan mana kiyya keessa jiru maraa arganiiran; wonti mana mootummaa kiyyaa keessaa ani isaanitti hin mudhifne hin jiru» jedheen.

5Isaayyaas Hisqiyaasiin «Dubbii Rabbii Waaqa banii maraa dhagayi.

6Wonti mana kee jiru, qabeenni abboonni tee dur irraa jalqabanii haga adhaa kuufatan maruu uduu wonti tokkollee hin hafne hennaan gara biyya Baabiloonii booji'aman hin dhufa; wonti tokkollee isinii hin hafu.

7Ijoolleen ati uumattellee booji'amanii mana mootii Baabiloonii keessatti sangoomsanii hojjachiisan.» jedhe.

8Mootichi Hisqiyaas bara ufii jiraatu maraa nagayaan jiraachuu waan hubateef raatticha Isaayyaasiin «Dubbiin ati Rabbiin irraa dhageettee natti himte misha'a» jedheen.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help