1«Kanaaf onneen tiyya guddiftee dhayatte;
soda'aan sheephifte.
2Laagaa afaan isaatii bayu dhagayaa'a;
dubbii isaa ka akka gigissa'aa gungumu caqasaa'a.
3Bakakkaa Sami'ii gaditti hulee maratti facaasa;
haga daangaa lafaa maraa hin erga.
4Kanaan maayessa laagaa ufii hin dhageessisa;
gungummii laagaa ufiitiinillee hin sodaachisa.
hennaa laagaan isaa ka gaachena qabu dhagayame,
bakakkaan hin mudhata.
5Rabbi laagaa maalalchiisuun gunguma; hin sodaachisa;
waan nu hin hubanne waan guddaa godha.
6Barada'aan ‹lafa irra bu'i;
kirfaffu'uun dirsaa buusi› jedhaan.
7Namoonni inni uume maruu akka hujii isaa beekan;
nama maraa akka hujii ufii dhaabsisu godha.
8Hennaa san bineensonni gara buuraa seenanii;
maandhee ufiititti galan.
9Bubbeen jabaan kibbaa dhufa;
qorri hamaan kaabaa dhufa.
10Hafuurri Rabbii baradaa argamsiisa;
bisaan badhaan wolitti qabamee baradaa ta'a.
11Duumessi akka bisaan baatu godha;
isa keessa bakakkaa gad dhiisa.
12Duumessi waan inni ajaje raawwachu'uuf,
isaan akka ajaja isaatitti asii fi achi naannayan.
13Rabbi wonti rooba roobsuuf
lafa jiisu'uuf, namoota adabu'uu fi
yookaan jaalala ufii mudhisu'uuf.
14«Iyyoob! waan kana dhagayi;
dhaabadhuu maalalee Rabbii yaadi.
15Rabbi akkamitti akka duumessa tooyatu,
bakakkaa duumessa keessaan akkamitti akka hangaasisu beettaa?
16Akkamitti akka duumessi wol qixxaayee deemu;
hujii maalale'ee ka Waaqa beekkumsaan guutuu ta'ee beettaa?
17Hennaa qilleensi gara kibbaa cadhisee,
lafa irratti wonti tokkollee hin sochoone,
uffanni kee si fuursa.
18Samiiwwan akka uf argaa sibiila diimaa
baffamee hojjatameetitti jabaate irraa hojjatame hennaa diriirsu,
woliin diriirsuu hin dandeetta turee?
19Sammuun keenna waan dukkana ta'eef
hajaa keenna ibsachuu hin dandeennu;
waan isaan jennu nutti himi.
20Ani Rabbiin dubbadhuu jedhee gaafachu'uun
maaf akka inni na balleessuuf isa kakkaasa?
21«Amma qilleensi bubbisee haga duumessa qulqulleesseen maayessa
namni ifa adu'uu ka samii irratti ifu laaluu danda'u hin jiru.
22Karaa kaabaatiin ifni akka worqi'ii hin dhufa;
Rabbillee gaachena sodaachisu ka maalale'eetiin mudhata.
23Nu'u Waaqa waa mara danda'u arguu hin dandeennu;
hunni isaa gudda'a;
inni dhugaa murteessa.
24Kanaaf worra yaada ufiitiin nu'u ogeeyyi'i jedhan waan tuffatuuf,
namni maruu isa sodaata.»
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.