Kitaaba Faaru'uu 105 - Kitaaba Woyyuu

Rabbii Fi Banii(Sen. 1ffaa 16:8-22)

1Rabbiin galatoonfadhaa'a;

maqaa isaa waamaa'a

hujii isaa banii jiddu'utti ibsaa'a.

2Isa weeddisaa'a; isa faarfadhaa'a;

hujii isaa maalalchiisaa maraa himaa'a.

3Maqaa isaa woyyu'uun boonaa'a!

worra Rabbiin soqan garaan isaanii

haa gammaduu!

4Rabbii fi jabeenna isaa soqaa'a;

hennaa maraa fuula isaa barbaadaa'a.

5Hujiiwwan isaa maalalchiisaa;

ajaa'iba isaatii fi murtii afaan isaatii bayu

yaadaa'a;

6Isin fiixaan Abrahaamii tajaajilaa isaa;

ijoollee Yaaqoobii ta inni ufiif isin filate;

qaabadhaa'a.

7Inni Rabbi Waaqa keenna;

murtiin isaallee ardii maraa irratti.

8Waadaa ufii baraa haga bara baraa;

abdii kennellee haga dhaloota kumaa

hin qaabata.

9Waadaa Abrahaamiin woliin gale;

abdii kaku'uun Yisaaqii kennellee

hin irraanfatu.

10Kanallee Yaaqoobiif seera godhee,

Israa'eliifillee waadaa bara haga bara baraa

godhee akka ta'u dhaabeef.

11Akkana jedhe, «Gayee ristii keetii taasisee,

lafa Kana'aanii sii kenna»

12Uduu laakkobsi isaanii hago'oo;

guddisanii hago'oo fi uduu keessummaa ta'nii jiran;

13Banii biyya tokkoo irraa gara banii biyya biraa hennaa raantayan

mootummaa tokko irraa gara mootummaa biraa yoo jal jal jedhan;

14Eennullee akka daba isaan irratti raawwatu hin eeyyamneef;

waan isaaniitiif akkana jedhee moototaan lole;

15«Worra ani dibe hin tuqinaa'a;

raattota tiyya irratti waan hamaa hin godhinaa'a.

16Ardii irratti beela waame;

nyaanni akka hin dhiyaanne dhaabsise.

17Nama akka garbichaatitti gurgurame;

Yooseefiin isaan afoo dursee erge.

18Lutti isaa haada sibiilaatiin quunca'an;

qolaa sibiilaa mormatti godhan.

19haga dubbiin inni jedhe isaa raawwatamuuf;

dubbiin Rabbii isa qore.

20Mootichi ergee isaa hiissise;

ka banii bulchu bilisa baaseen.

21Gooftaa mana ufii;

bulchaa qabeenna ufii maraa taasiseen.

22Kunillee akka worra baallii qaban

karaa ufii fedhuun deemsisuuf

akka gugurdootallee ogummaa barsiisuuf.

23Israa'el gara biyya Misirii gale;

Yaaqoob biyya Kaamiititti galaa ta'e.

24Rabbi banii ufii guddisee baay'eesse;

diintota isaanii caalaa isaan jabeesse.

25Akka banii jibban;

garboota isaa irratti akka hammaatan;

garaa isaanii jabeesse.

26Garbicha ufii Muusee;

Aaroonii filatellee hin erge.

27Isaan malkata ajaa'ibaa isaan jiddu'utti;

wontoota maalale'ee

lafa Kaamiititti hojjatan.

28Dukkana ergee lafa dukkaneesse;

isaanillee diddaa dubbii isaa dhiisan.

29Bisaan isaanii gara dhiigaa jijjiire;

qurxummiiwwan isaanii hin fixe.

30Ardiin isaanii; manniin mootota isaanii uduu hin hafne;

raachi keessa yaa'e.

31Inni hennaa dubbate tuunni tiisisaa dhufe;

biimbeen lafa isaanii irra gara galan.

32Rooba isaanii baradaa godhe;

lafa isaanii maraa irratti bakakkaa buuse.

33Woyini'ii fi muka isaanii ka hurbu'uu hin dhaye;

muka biyya isaanii hin kukkute.

34Hennaa inni dubbate awwaannifni dhufe;

korophiifni laakkobsaa olii hin duude.

35Biqiltuu isaanii maraa hin nyaate;

daraaraa lafa isaanii mucuq godhe.

36Akkasuma hangafa biyya isaanii jiru

maraa;

hangaffan hunna oo'a'aan uumatan maraa hin dhaye.

37Akka baniin Israa'elii meeti'ii fi worqii fe'atee bayu godhe;

worra isaanii keessaa tokkollee hin gufanne.

38Guddisanii waan isaan sodaatanii turaniif;

bayanii hennaa deeman Misir hin gammadde.

39Duumessa akka golgaatitti isaanii badhise;

halkan ibidda isaanii ibse.

40Hennaa isa kadhatan goota naasisa isaanii fide;

buddeena sami'ii isaan quubse.

41Dhagaa baqasse; bisaan hin burqe;

akka lagaa lafa gammoojji'ii keessa yaa'e.

42Dubbii abdi'ii woyyuu

ka Abrahaamii garbicha ufiitii kenne

waan qaabateef.

43Banii ufii gammachu'uun;

worra ufii ka filate ililta'aan isaan baase.

44Lafa banii kaawwanii isaanii kenne;

daraaraa dadhabbii waan kanniinii dhaalan;

45Kunillee akka ajaja isaa eeganiif;

akka seera isaa raawwataniif.

halee luyaa.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help