Kitaaba Seena'aa ka 2ffaa 2 - Kitaaba Woyyuu

Qophii Ijaarsa Mana Woyyu'uu(Mot. 1ffaa 5:1-18)

1Mootichi Solomoon maqaa Rabbiitii mana Woyyu'uu fi mana mootumma'aa ijaaru'uuf murteesse;

2kanaafuu worra meeshaa fe'an kuma torba, worra gaara dhaqanii dhagaa baqassan namoota kuma saddeettamaa hujii irratti bobbaasee worra isaan tooyatu namoota kuma sadihii fi dhibba jaha ramadeef.

3Kanaan maayessa mooticha biyya Xiroosii Kiraamitti, «Akkuma hennaa abbaan kiyya mana mootumma'aa ijaaru muka birbirsa libaanosii erga'aafii turte anaallee ergi.

4Ani amma maqaa Rabbii Waaqa kiyyaaf mana woyyuu ijaaru'uuf qophaaya'aara; manni woyyuun kun ka anii fi baniin kiyya hixaana urgaayaa mishaa itti dhiyeessinu, ka xoroshoo woyyoome itti dhiyeessinu guyyaa maraa halkanii fi guyyaa akkasuma Sambata maraa ayyaana jalqaba ji'aatii fi ayyaana biraallee hulee woyyuu Rabbii Waaqa keenna ulfeeffachu'uuf ciincaa ciincawu itti dhiyeessinu ta'a; baniin Israa'elii waan kana baraa haga bara baraa akka raawwatu ajajeera.

5Waandhi keenna waaqolee tolfamaa maraa caalaa guddaa waan ta'eef mana woyyuu guddaa isaa hojjachu'uuf karoorfadheera.

6Namni mana woyyuu Rabbii ijaaruu danda'u eennu? badhinni ardi'iitii fi sami'iillee yoo ta'e Waaqa qabuu hin danda'u; kanaafuu mana hixaanni Rabbii itti aaru ijaaruu malee ka mana woyyuu Rabbi keessa bulu ijaaru'uuf yaalu ani eennu?Mot. 1ffaa 8:27; Sen. 2ffaa 6:18

7Worra ogeeyyii abbaan kiyya Daawiti qopheesse worra anaa fi ogeeyyii biyya Yihuuda'aa, ogeeyyii biyya Yerusaalemii woliin ta'anii hojjatan, nama birri'ii fi worqii, Sibiila diima'aa fi sibiila, ka uffata diimaa dhiilgee dhawu, uffata bulee dhawuu fi nama ogeessa waa babbareechisu naa ergi.

8Worri kee ka muka muru worra ogummaa guddaa qaban akka ta'an hin beeka; kanaafuu birbirsa libaanosiitii fi muka sandalaa naa ergi.

9Manni woyyuun ani ijaaru'uuf karoorfadhe kun guddisee badha'aa fi ka bareede ta'uu waan isa barbaachisuuf ani namoota kiyya worra muka muru hojjattoota kee haa gargaarani'iif ergu'uuf qophaaya'aara.

10Hojjattoota kee ka muka muraniif waan nyaataaf ta'u waan isaan barbaachisu qamadii kuntaala dhibba afurii fi afurtamaa fi garbuu kuntaala dhibba afurii fi afurtama, daadhii woyini'ii liitira kuma afurtamii afurii fi dhadhaa ejersaa liitirii kuma afurtamii afurii sii ergaa» jedhee dhaamsa erge.

11Kiraam mootiin biyya Xiroosiillee «Rabbi banii ufii jaalatee isaan irratti si moosise» jedhee ergamtoota itti erge.

12Kiraam hennaa lammeesso'ootiif Solomooniin «Rabbi Waandhi Israa'elii ka ardi'ii fi samii uume mana mootumma'aallee akka ijaaruuf mucaa ogeessaa fi ka waa hubatu mooticha Daawitii kenne haa ulfaatu!» jedhe.

13«Worra ogeeyyii kee woliin, ogeeyyii Daawitii abbaa keetii woliin akka hojjatuuf nama ogeessaa fi qaroo Kiraam'aab jedhamu sii ergeera.

14Haati isaa nama gosa Daaniiti; abbaan isaa nama biyya Xiroosiiti; inni birri'ii fi worqii, sibiila diima'aa fi sibiila, dhaga'aa fi mukallee, uffata diimaa dhiilge'ee fi uffata bulee, uffata mishaa gad diratanillee hojjachu'uu fi waan gara garaallee midhaassuu hin danda'a.

15Gooftaa kiyya qamadi'ii fi garbuu, dhadhaa ejersaatii fi daadhii woyini'ii ka hin erga jette garboota kiyyaa ergi.

16Nullee muka birbirsa libaanosii haga ati barbaaddu murree markabatti feenee galaana irra gara Iyyoophe'ee sii erginaa; ati gara Yerusaalemii fudhattaa» jedhee Solomoonitti dhaamsa erge.

Akkaataa Manni Woyyuun itti Ijaarame(Mot. 1ffaa 6:1-28)

17Solomoon akkuma abbaan isaa Daawiti worra biyya Israa'eliititti galanii jiraatan laakkaye innillee laakkayee namoota kuma dhibba tokkoo fi shantamii sadihii fi dhibba jaha ta'uu hubate.

18Isaan keessaa worra meeshaa fe'an namoota kuma torbaatamaa, worra gaaratti dhagaa baqassan namoota kuma saddeettamaatii fi worra hujii isaan hojjatan haa tooyatani'iif muudaman garuu namoota kuma dhibba sadihii fi dhibba jahaa muude.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help