Raajii Ermiyaasii 20 - Kitaaba Woyyuu

Ermiyaas Gadicha Pooshuur Jedhamuun Wol Morme

1Hennaa ilmi Imeerii Paashuur bulchaan mana woyyu'uu hennaa ani waan kana dubbadhu dhagaye;

2akka qabanii na tuman ajaje; mana woyyuu cinaa gubba'aatiin balbala kolba dallawa Biiniyaamii gudeelchatti akka na hidhan godhe.

3Barsiisaa san haga hidhaa haada sibiilaa na irraa hiikeen maayessa «Ammaa achi Rabbi Paashuur siin hin jedhu maqaan inni sitti baase ‹raafama bakka maraati› ka jedhu.

4Rabbi sii fi goshoota teetiifillee nama raafamaa si taasisu'uuf ta'a; ati hennaa isaan maruu guraadee diintota ufiitiin dhuman hin argita; banii Yihuuda'aa maraa baallii mootummaa Baabiloonii jala isaan taasisa; inni banii garii hidhu'uuf gara Baabiloonii fida; worra hafan garii garuu asumatti isaan ajjeesa.

5Akkasuma diintonni isaanii qabeenna qachaa tanaa maraa akka saaman, qabeennaa fi meeshaa isaan kuufatan maraa, galmee qabeenni mana meesha'aa ka biyya Yihuuda'aallee uduu hin hafne maraa haxaayanii gara Baabiloonii akka fidan godha;

6Paashuur! ati fi maatiin kee maruu uduu hin hafne booji'amtanii gara biyya Baabiloonii dhaxxan; worra ati sobaan raaga dubbattee fi jaalalloota tee woliin achitti awwaalamta.»

Mararoo Ermiyaas Rabbitti Himate

7Yaa Rabbi! ati na sobde;

anillee hin sobame;

ati na caalaa jaba'a;

hunni keellee guddisee na irratti gudda'a;

namni maruu guyyaa guyya'aan na riqa'aa natti dhaadatan.

8Ani hennaa dubbadhu maraa

wonti ani dubbadhu didda'aa fi balleessa'a;

Waandhana! dubbii raagaa ka ati natti dubbatte waan raageef,

ani hennaa maraa hin arrabama; nama itti baldan ta'eera.

9Garuu ani hennaa «Rabbiin hin qaabadhu,

maqaa isaatiinillee homaa hin dubbadhu» jedhu

dubbiin raagaa ka inni naa kenne

akka ibiddaa na keessaa bobaya;

uf keessatti dhossee qaba jedhee yoo yaadellee ukkaamsee qabuu hin danda'u.

10Namoonni hedduu sodaatanii hasaasa'aa hennaa

«nu amma Ermiyaasiin himachu'uuf hennaa misha'a!» jedhan dhagaye;

worri jaalalloo isaati jedhamanuu dogoggora kiyya eegan;

Maal laataa Ermiyaas sobamuu danda'a;

yoo ka sobamu ta'e qabnee haluu baanaan» jedhan.

11Rabbi garuu akka loltuu gar jabeessaa fi jannaatitti na woliin jira;

kanaafuu worri na ari'an dadhabanii gufatanii

akka malee kufanii guddisanii salphatan;

salphinni isaanii hennaa dheeraa yaadatama.

12Waaqa banii maraa!

ati nama qajeelaa qortee adda baafatta;

yaada gad fagoo garaa namaallee hin qorta;

iyyannoo kiyya sitti dhiyeeffadheera;

kanaafuu hennaa diintota tiyya haluu baatu akka argu na taasis.

13Rabbii faarfadhaa'a!

Gooftaa galatoonfadhaa'a!

Inni rakkattoota hunna namoota hammeeyyi'ii jalaa hambisa.

14Guyyaan ani itti dhaladhe ka abaarame haa ta'u!

guyyaan haati tiyya itti na deette sun guyyaa eebbaa hin ta'in!

15Namni abbaa kiyyaan, «Ilmi sii dhalateeraa gammadi!»

jedhee hime sun abaaramaa haa ta'u!

16Namni sun akka qachoota Rabbi araara malee balleessee ta'ee haa hafu;

ganamaan huuruu booyaa haa dhagawu;

guyyaa oduu lolaatiin haa raafamu.

17Maal uduu gadaamessi haadha tiyyaa na ajjeesee

awwaala naa ta'ee achitti hafee!

silaa gadaamessi haadha tiyyaa awwaala guddaa naa ta'ee jiraata.

18Ani maaf gaddaa fi dadhabbii argu'uuf,

bara kiyyallee salphinnaan fixu'uuf dhaladhe?

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help