1-2«Isin ijoollee Rabbii Waaqa keessaniiti; ati banii woyyuu Rabbii Waaqa keetii waan taateef orma lafa irra jiraatu maraa irra banii isaa akka taatuuf Rabbi waan si filateef nama du'eef nafa keessan hin butatinaa'a; mataa keessanillee hin haadatinaa'a.Busaawaa Foon Isaanii Nyaatanii Fi Hin Nyaattamne(Ser. Lew. 11:1-47)
3«Waan battaaye maraa hin nyaatin;
4horiin isin nyaattan Sangaa'a, Hoolaa, Re'ee, Borofa, Kuruphee, Siinqillee,
5Gadamsa, Qorkee, Hiddi'ii fi Saalaa fa'a.
6Horii keessaa wonti nyaattan ka kottee baqaqa'aa ka alala dhawu maraa hin nyaattan.
7Garuu worra alala dhayan yookaan ka kotteen isaanii baqaqa'aa wonti isin hin nyaanne kanniin; Gaala, Hilleettii, Osolee hin nyaattan alala hin dhayan; garuu kotteen isaanii baqaqaa waan hin taaneef kunniin isiniif batti'i;
8Booyyee kotteen isaa baqaqa qabaatullee waan alala hin dhoofneef isin biratti batti'i; foon isaa hin nyaatinaa'a; reeffa isaaniillee hin tuqinaa'a.
9«Wonti laga keessa jiraatu ka isin nyaattan waan koolaa fi qola qabu nyaadhaa'a.
10Waan koolaa fi qola hin qabne hin nyaatinaa'a; battii waan ta'aniif.
11«Allaattii maraa keessaa allaattii qulqulluu nyaadhaa'a.
12Wonti isin hin nyaanne kanniin;
13bajja, urunguu, abbaa mokkee, risaa, ebeeroo akka gosa isaaniitiin,
14-15harraagessa maraa akka gosa isaaniitiin, guchii, allaattii caffaa biratti dhoqqee keessaa raammoo nyaatu, daakkiyyee,
16haranqeessaa akka gosa isaaniitiin urunguu, huummoo,
17daakkiyyee, rumicha, laakkama, qottolloo, cuungulullee, shaalloo akka gosa isaaniitiin;
18guutulee, raaree fa'a.
19«Allaattii Samii irra bararu maraa battii waan ta'aniif hin nyaatinaa'a.
20Allaattii qulqulluu ta'an maraa nyaadhaa'a.
21Ati banii Rabbii Waaqa keetiif woyyoome waan taateef waan battaaye maraa hin nyaatin; nama sitti galee biyya kee keessa jiraatuu kennita; yookaan keessummaa keetitti gurguratta; foon ilmoo re'e'ee aannan haadha isaatiin hin affeelin.Seera Kurneessoo Itti Baasan
22«Qonna kee keessaa sanyii wogga wogga'aan argattu maraa keessaa kurneessoo baafta;
23hennaa maraa Rabbii Waaqa kee sodaachuu akka barattu hulee inni maqaa ufii waamsisu'uuf filatetti kurneessoo midhaanii, kurneessoo daadhii woyini'iitii fi ka sayitii ejersaa, hangafa sa'aatii fi ka hoolaa keetii Rabbii Waaqa kee afo'otti nyaadhu.
24Hennaa Rabbi Waandhi kee si eebbise karaanillee yoo fagoo ta'e huleen Rabbi Waandhi kee maqaa ufii itti waamsisu'uuf filate sun yoo si irraa fagaatellee kana baadhattee achi fiduu yoo dadhabde hin gurgurta;
25horii itti gurgurte san guduunfitee harkatti qabattee gara hulee Rabbi Waandhi kee filatee san dhaxxa.
26Achitti horii sanniin waan ufii feete sangaa yookaan hoolaa'a, daadhii woyini'iitii fi dhuddoo jabaa'a, waan qalbiin tee feete maraa bittee Rabbii Waaqa kee afo'otti nyaatta; atii fi maatiin keellee hin gammaddan.
27«Worra Leewwotaa ka gaye'ee fi lafa biyya keetitti hin qabnetti lash hin jedhin.
28Woggaa sadeesso'oo dhumatti midhaan qonna keessanii maraa irraayyuu kurneessoo baasa'aatii qachoota keessan marattuu wolitti kuusaa'a;
29worri Leewwotaa si biratti gaye'ee fi lafa waan hin qabneef worri hiyyeeyyiin sitti galee biyya kee keessa jiraatu haati hiyyeessaallee dhufanii nyaatanii haa quufanii; wonti kana gootuuf Rabbi Waandhi kee hujii harka keetii maraa sii haa eebbisu'uuf.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.