1Kanaan maayessa mootichi Solomoon
«Yaa Rabbi ati ‹Ani duumessa dukkanaayaa keessa jiraadha?› jetteerta.
2Ani garuu mana woyyuu gaachena qabu
bareeda sii ijaareera.
Manni kun mana ati baraa haga bara baraa
keessa jiraattu» jedhe.
3Hennaa kana baniin Israa'elii isa bira dhaabataniiran; mootichi Solomoon gara isaanii gara galee akka Rabbi isaan eebbisuuf,
4«Rabbii Waaqa Israa'elii galanni haa gawu; inni waadaa abbaa kiyya Daawitiin woliin gale raawwateera; dubbiin abdi'ii ka inni abbaa kiyyaa kennellee akkana jedha;
5‹Hennaa banii kiyya biyya Misiriitii baase irraa jalqabee haga adhaa hulee mana woyyuu kiyya itti ijaaru biyya Israa'elii maraa keessaa qachaa takkallee akkasuma nama banii kiyya Israa'eliin bulchu hin filanne.
6Amma garuu Yerusaalemiin akka maqaan kiyya itti waamamu, akka banii kiyya Isaa'eliin masakkitu si Daawitiin filadheera»
7Abbaan kiyya Daawiti, «Rabbii Waaqa Israa'eliitii mana ijaaru'uuf qalbii ufii keessatti yaadee ture.
8Rabbi garuu abbaa kiyya Daawitiin «Maqaa kiyyaan mana naa ijaaru'uuf waan yaaddeef kana waan mishaa yaadde.
9Garuu ilma kee ka si irraa dhalatutu mana naa ijaara malee ati mana naa hin ijaartu» jedheen.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.