1Boo'eez gara baadaa qachatti'ii bayee taa'e. Namichi fira dhiyo'oo ka Abemelekii ka Boo'eez tanaan dura waan isaa dubbate ka bira lufa'aaru waamee, «Koottuu na bira taa'i» jedheen; innillee dhufee isa bira taa'e.
2Achiin maayessa Boo'eez jaarsota qachatti'ii keessaa namoota kudhanii waamee «As taa'aa'a» isaaniin jedhe; isaanillee hin taa'an.
3Boo'eez namicha fira ufii ka fooniitiin Nuhaamiin biyya Moo'aabiitii deebite lafa obboleessa keenna Abemelekii dhaalchisu'uuf taati.
4Atillee waan kana beekuu si barbaachisa jedhee waan yaadeef amma namoota as taa'anii fi jaarsota banii kiyyaa afo'otti ka oolfatuu barbaachisu si waan ta'eef gatii kennii oolfadhu, yoo hin barbaanne ammo qurxii natti himi ani hin oolfadhaa; Innillee hin oolfadha jedheen.
5Achiin maayii Boo'eez «lafa Nuhaamiiniitii fi intala biyya Moo'aabii irraa guyyaa gatii kennitee oolfattu maqaa namicha du'ee waamsisu'uuf mana isaallee wolumaan fudhatta» jedheen.
6Namichi fira foonii kun ammo yoo akkana ta'e, qabeenni kiyya waan baduuf ani hin oolfadhu atummaan oolfadhu» jedheen.
7Bara durii keessa Israa'eliin keessatti wonti akka lafa gurguru'uu fi dhaalu'uu ka mirkanaayu namni tokko kophee ufii baafatee nama biraatii yoo kenne calla'a; akka kanaan seerri bitu'uu fi gurguru'uu Israa'eliin keessatti raawwatama.
8Firrisee namichi fira foonii Boo'eeziin «Atummaan oolfadhu» jedhee kophee luka ufii irraa baase. Fiixaa Dhaloota Daawitii
13Akka kanaan Boo'eez Ruutiin fuudhee haadha manaa isaa taate; inni bira gaye Rabbi akka isiin ulfooftee ilma dhiiraa deettu taasise.
14Dubartoonni Nuhaamiiniin, «Rabbiin nama intala ilma keetii dhaalu ka si hin dhabsiifne haa eebbifamu! maqaan isaa Israa'eliin keessatti haa waamamu!
15Intalti ilma keetii guddiftee si jaalatti; waan ijoolleen torbaa sii gootu caalaa sii gooteerti; amma ammo nama jireenna haarawoomsuuf ka bara jaarruma keetii si gargaaru ilma dhiiraa sii deetteerti» jedhaniin.
16Nuhaamiinillee daa'ima fudhattee ammattee guddiftuu taateef.
17Dubartoonni olla'aa Nuhaamiinii ilmi dhiiraa dhalateeraaf jedha'aa maqaa ‹Iyyoobeed› jedhanii itti baasan; inni ka Isseyii abbaa mooticha Daawitii ta'e uumate.
18Fiixaan Faareesii kana; Faarees Eesroomiin uumate;
19Eesroom Aaraamiin uumate, Aaraam Aminaadaabiin uumate.
20Aminaadaab Na'aasooniin uumate; Na'aasoon Solomooniin uumate,
21Solomoon Boo'eeziin uumate, Boo'eez Iyyoobeediin uumate,
22Iyyoobeed Isseyiin uumate, Isseyi Daawitiin uumate.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.