Kitaaba Faaru'uu 67 - Kitaaba Woyyuu

Faaruu GalataaFaaruu Daawitii ka bulchaa faarfattootaatiif dhiyaate ka kiraarran sagalee guddaa dhageessisaniin faarfatamu; maahileeti.

1Rabbi garaa nuu haa laafu; nu haa eebbisu;

fuula ufii nu irratti haa ibsu.

2Karaan kee lafa irratti;

fayyisuun keellee banii maraa jiddu'utti

haa beekkamuu.

3Yaa Rabbi! namoonni si haa galatoonfatan;

namoonni maruu galata sii haa dhiyeessan.

4Bani'ii waan qajeellumma'aan murteessituuf;

namootallee waan lafa irratti masakkituuf;

baniin haa gammadanii; ililfata'aa haa faarfatanii.

5Yaa Rabbi! namoonni si haa galatoonfatanii;

namoonni maruu galata sii haa dhiyeessanii.

6Lafti daraaraa ufii kennite;

Rabbi Waandhi keennallee nu eebbisa.

7Rabbi nu eebbisa;

daangaan lafaa maruu isa sodaatan.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help