Kitaaba Mammaakaa 15 - Kitaaba Woyyuu

1Deebiin laafaan lola qabbaneessa;

jechi badaan garuu lola kaasa.

2Arrabni ogeessaa beekkumsa faarsa;

arrabni gowwootaa garuu gowwummaa burqisiisa.

3Ijji Rabbii hulee maraa jirti;

hammeeyyi'ii fi mimmishaallee daguu malee laalti.

4Arrabni dubbii nama jajjabeessu dubbatu muka jireennaati;

arrabni sobu garuu yaada namaa cabsa.

5Gowwaan gorsa abba'aa tuffata;

ka sirreeffama fudhatu garuu hubataa ta'uu mudhisa.

6Manni balchootaa ka qabeenna hedduun guuttame;

galiin hammeeyyi'ii garuu rakkinna isaanitti fiddi.

7Afaan ogeeyyi'ii beekkumsa babadhifti;

garaan gowwootaa garuu akkanaa miti.

8Rabbi ciincaa hammeeyyi'ii hin jibba;

kadhaan qajeellotaa garuu isa gammachiisa.

9Rabbi karaa hammeeyyi'ii hin jibba;

worra balchummaa faanaa deeman garuu hin jaalata.

10Nama karaa irraa dabu adabbii cima'atu isa eeggata;

ka sirreeffama jibbu hin du'a.

11Asaabninii fi adunyaan du'aa Rabbiin afo'otti ka ifa baye;

garaan namaa isa afo'otti hagam beekkaminna!

12Namni baldu sirreeffama jibba;

ogeeyyiillee hin mari'achiisu.

13Garaan gammade fuula namaa ibsa;

gaddi gara'aa garuu yaada namaa cabsa.

14Garaan hubataan beekkumsa barbaada;

afaan gowwa'aa garuu gowwummaa alansha.

15Namoonni gad qabaman barri isaanii maruu hammaata'a;

garaan gammachu'uun guuttame garuu ayyaana qaba.

16Wonti diqqoon sodaa Rabbiitiin argatan;

qabeenna guddaa jeequmsa qabu caalti.

17Bakka jaalalli jirutti shaanaa nyaachuun,

bakka jibbansi jirutti cooma nyaachuu caala.

18Namni biibbayu lola kakkaasa;

namni obsu garuu lola qabbaneessa.

19Karaan nama amshaagga'aa ka qore'een cufame;

karaan qajeellotaa garuu karaa araataa ka haxaayame.

20Ilmi ogeessi abbaa ufii gammachiisa;

ilmi gowwaan garuu haadha ufii tuffata.

21Nama waa wol bira qabuun hanqatuun gowwumma'atu gammachiisa;

namni hubataan garuu karaa qajeelaa deema.

22Gorsi hanqate karoora faalleessa;

gorsitoota hedduun garuu hin milkaaya.

23Namni deebii ta'u kennu'uun gammachuu argata;

deebiin henna'aan kenname akkam misha'a!

24Akka gara asaabaa gad hin buune;

nama ogeessa gara karaa jireennaa masakkiti.

25Rabbi mana nama uf jajuu hin diiga;

daangaa haadha hiyyeessaa garuu akka hin uggamne eega.

26Rabbi yaada nama hama'aa hin jibba;

yaanni qulqullootaa garuu isa gammachiisa.

27Namni dondhi mana maatii ufiititti rakkoo fida;

ka gabbarsuu jibbu garuu lubbu'uun jiraata.

28Garaan nama balcha'aa deebii deebisu wol bira qaba;

afaan nama hama'aa garuu hammeenna lolaasa.

29Rabbi hammeeyyii irraa fago'o;

kadhaa balchootaa garuu hin dhagaya.

30Fuulli ifu garaa namaa gammachiisa;

oduun mishaanillee lafee akka lalisu taasisa.

31Ka gorsa jireenna kennu dhageeffatu

ogeeyyii jidduu jiraata.

32Namni gorsa tuffatu uf tuffata;

ka sirreeffama fudhatu garuu hubannaa argata.

33Rabbiin sodaachuun ogummaa barachu'u;

kasoomuun ulfinna dursiti.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help