1Rabbi akkana naan jedhe,
2«Ilma namaa! worra Israa'eliititti hibboo hibbifadhu mammaakaan isaanii ibsi;
3-4Waan ani Rabbiin maraa olii jedhu akka beekan waan kana isaanitti himi; allaattiin bajja jedhamu ka koolaa fi baallii bareeda'aa fi dhedheeraa qabu guddaa tokkotu ture; allaattiin kun gara gaarran Libaanosii bararee muka Libaanosii tokko irra taa'ee haafa isaa kutee gara biyya daldalli itti baay'atuu fidee qachaa worri daldalu itti baay'atu keessa kaaye.
5Achiin maayessa biyya Israa'elii keessaa sanyii fuudhee hulee mishaa bisaan argata'aa itti guddatutti dhaabe.
6Biqiltuun sun guddatee uduu lafa irraa ol hin fagaanne dhaaba woyini'ii ka guddisee lalise ta'e; dameen isaa gara allaattii sanii ol guddatan; hiddi isaa lafa jala gad seene; biqiltuun woyini'ii sun dame'ee fi baala hedduu baase.
7Akkasuma allaatiin bajja jedhamu ka biraa ka koola gugurdaa qabuu fi baallii hedduu qabu guddaa tokkotu ture; ammallee biqiltuun woyini'ii hidda ufiitii fi damee ufii gara allaattii sanii badhise; wonti inni waan kana godheef akka hulee itti dhaabe sanitti bisaan obaasuuf.
8Biqiltuun woyini'ii sun guddatee akka barbaachisutti lalisee daraaraa mishaa akka daraaru huleen mishaan bisaan gayaa itti argatu hin jira.
9«Rabbiin maraa olii akkana jedha jedhii isaanitti himi; biqiltuun woyini'ii ka dhaabame kun biqilee lafa qabataa? allaattiin duraa hidda isaa buqqisee akka daraaraan isaa shamuu fi akka gogu akkasuma baalli isaa ka lalise akka quuru hin godhuu? hidda isaa buqqisu'uuf meeshaa woraanaa jabaa yookaan loltuu jabaa isa hin barbaachisu.
10Biqiltuun woyini'ii dhaabameera; eeganaa inni biqilee lafa qabatee guddachuu danda'aa? hennaa bubbeen lafa gammoojji'ii jabaan isatti bubbise uduma hulee itti dhaaban san jiru sirima hin goguu?
Hiikkaa Mammaakaa11Rabbi akkana naan jedhe,
12«Mee yoo ka hiikkaa mammaakaa beekanii worra dhibaa kana gaafadhu; akka mootichi Baabiloonii gara Yerusaalemii dhufee mooti'ii fi abboota murti'ii gara Baabiloonii fide isaanitti himi.Mot. 2ffaa 24:15-20; Sen. 2ffaa 36:10-13
13Inni maatii mootichaa keessaa nama tokko fuudhee isaan wolii galee akka inni isaaf amanamu kassiise; namoota biraallee worra beekkaman fudhate.
14Inni wonti waan kana godheef mootummaan Yihuuda'aa gara laafumma'aa fi isaa ajajama'aa waadaa isaan wolii galeen jabaatee akka dhaabatuuf.
15Mootiin Yihuuda'aa garuu didee akka farado'oo fi loltoota jajjabaa fidaniifiif worra dhaamsa geessan gara biyya Misirii erge; eeganaa karoorri isaa kun hin ta'aafii? waan kanaan miliqee jalaa bayuu danda'aa? yoo ka wolii galtee diigu ta'e adabbii jalaa hin bayaa?
16Ani Rabbii maraa olii Waaqa jiraataa waan ta'eef sababaa mootichi kun waadaa mootii Baabiloonii ka teessoo ulfinnaa irra ta'e waan diigeef Baabilooniin keessatti du'a.
17Hennaa worri Baabiloonii namoota ajjeesu'uuf boyii qotanii biyyee ol tuulanii kushee ijaartan, mootiin biyya Misirii loltoota ufiitii fi duultota ufii woliin dhufee lolaan isa gargaaruu hin danda'u.
18Inni kakuu san tuffatee waadaa isa woliin gale diigee haga harka kennateen maayessa waan kanniin waan godheef jalaa bayuu hin danda'u» naan jedhe.
19Kanaafuu Rabbiin maraa olii «Ani waan jiraataa ta'eef inni waan kakuu naa kakate tuffatee waadaallee waan diigeef kakuun sun akka isa irra gawu godha.
20Ani woshaadoo isa qabu isa jalatti badhisee akka inni isaan qabamu godha; inni waan na ganeef ani gara Baabiloonii isa fidee isatti murteessa.
21Loltoonni isaa filatamaan dirree woraanaatitti dhuman; worri du'a jalaa hafan garuu hulee gara garaatitti bittinnaayan; hennaa san ka waan kana dubbate akka ana Rabbiin ta'e beettan.»
Dubbii Abdii Ka Rabbi Kenne22Rabbiin maraa olii akkana jedha;
«damee muka Libaanosii irraa haafa tokko fuudha;
isa irraallee luxuu muree
anumti gaara guddaa irratti dhaaba.
23Huleen ani isa itti dhaabu gaara guddaa Israa'eliin keessa jiru irratti;
ani wonti waan kana godhuuf akka inni damee baafatee
daraaraa daraaree akka muka Libaanosii ka bareede ta'uuf;
isa jala simbira gara garaatitu jiraata;
gaaddisa haafa isaa jalatti uumama koola qaban maratuu maandhee ijaarata.
24Mukkiin lafa irra jiran maruu akka ani Rabbiin ta'e beekan;
ani mukkiin dhedheeraa hin gaggabaabsa;
mukkiin gaggabaabaa garuu akka ol dheeratanii guddatan godha;
ani mukkiin lalise hin gossa;
mukkiin goggoge hin lalisiisa;
Ani Rabbi waan kana dubbadhe;
waan hin godha jedhe maraa hin raawwadha»
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.