1Baqannee woggaa sagaleesso'oo ji'a kudhaneesso'oo guyyaa kudhaneesso'ootitti Rabbi akkana jedhee natti dubbate,
2«Ati ilma namaa! guyyaan adhaa ka mootiin Baabilloonii Yerusaalemiin marsuu jalqabu waan ta'eef guyyaa kana galmeessi.Mot. 2ffaa 25:1; Erm. 52:4
3Mammaaka ani Rabbiin maraa olii waan isaaniitiif mammaake kana banii dhibu kanniinitti himi;
‹Keree sibiilaa ibidda irra kaayii bisaan itti buusi;
4Gumaa foon harkaatii fi ka lukaa mimmishaa mummuri,
lafee mimmishaallee caccabsii keessa kaayi.
5Tika hoolotaa keessaa hoolaa mishaa fuudhii qali;
ibidda keree sibiilaa jala qoraan kaayi;
haga foonii fi lafeen sun bilchaatutti affeeli.› »
6Rabbiin maraa olii qachaa worri nama ajjeesu keessa guutee hobbaas! isiin akka keree sibiilaa ta hin qulqulloofneetii fi ta sirima qulqullaayuu hin dandeennee taateerti; foon keree sibiilaa kana keessa jiru uduu hin filanne tokko tokkoon baasi.
7Qachattii keessatti nama ajjeesaniiran; dhiiga isaanii ka jissan lafa daara'aatii miti; garuu dhiinni isaanii ka jige dhagaa womaa isa hin dhossine irratti.
8Dhiinni isiin jissite akka hin dhokanne akka dhagaa womaa isa hin dhossine irratti akka jigu ka godhe akka guddisee haluu bayuuf jedhe.
9Kanaafuu Rabbiin maraa olii qachaa worri nama ajjeesu keessa guutee hobbaas! qoraan anuu eda'ee ibidda keessa kaaya.
10Qoraan heddu fuudhi; ibidda bobeessii foon affeeli; bisaan foonii urgooftuu gara garaatiin mi'eessi! lafee garuu gubi.
11-12Baay'inni dammeessawu'uu ibiddaanillee waan gad hin dhiifneef xaariin maruu duwwaa ta'e; kanaafuu keree sibiilaa ka sibiila diimaa irraa hojjatame barbadaa cile'ee irra kaayi; haga gubatee barbadaa fakkaatutti haa oo'ee diimatuu; akkaataa kanaan battummaan baqa; dammeessawuunillee hin bada.
13Ati Yerusaalem! sagaagaluun kee si batteesseera; ani yoma si qulqulleessuu barbaadellee ati battummaa kee irraa hin qulqulloofne; hunni lola kiyyaa haga gara si galchuu ati hin qulqullooftu.
14Ani Rabbiin maraa olii hennaan waan tokko hojjadhu dhiyaateera; irraa uf hin dhooggu; garaa hin laafu; yaada kiyya hin jijjiiru; akka jireennaa fi hujii keetiitiin sitti murteessa jedha» jedhee dubbadheera.
Haati Manaa Raattichaa Duute15Rabbi akkana jedhee natti dubbate,
16«Ati ilma namaa! haati manaa tee ta ati jaalattuu fi ta hennaa laaltu si gammachiiftu dimmaa qoomamtee si jalaa duuti; kanaan hin gaddin; imimmaan jissa'aa hin booyin.
17Gadditee hirqiffattee booyuu kee namni hin dhagayin; ta duuteef hin booyin; waa mata'atti maradhu; kophee kee miilatti godhadhu; afaan hin qabatin; buddeena gaddaa hin nyaatin.»
18Ani ganama namoota woliin dubbata'aa ture; gaafasuma galgala haati manaa tiyya duute; isiin duutee guyyaa lammeesso'ootitti akkuma inni natti hime godhe.
19Namoonni «Akkana godhuun kee nu woliin tokkummaa maal qaba?» jedhanii na gaafatan.
20Anillee akkana jedhee isaanii deebise, «Rabbi akkana jedhee natti dubbate.
21‹Rabbi Gooftaan banii Israa'eliititti akkana jedhii dubbadhu naan jedhe; mana kiyya woyyuu dhaaduu ulfinna keessanii, abdii ija keessaniitii fi gammachuu onnee keessanii ta'e akka batteessitaniif isin dhiisa; ijoolleen teessan ta dhiiraatii fi ta intalaa ta Yerusaalemitti hafan woraanaan dhuman.
22Hennaa san isin waan ani godhe maraa hin gootan; afaanitti hin marattan; buddeena gaddaa hin nyaattan.
23Waan mata'atti marattan hin mulqattan; kophee keessan lukaa baafattanii miila qullaa hin deemtan; hin gadditan, yookaan hin boottan, sababaa cubbuu keessaniitiif hin huqqattan; isin maruu woliin mari'ata'aa worwaattan.
24Akkaataa kanaan Hisqeel malkata isinii ta'a; waan inni godhe isinillee hin gootan› jedhee natti hime; hennaa wonti kunniin raawwatu akka ani Rabbii maraa olii ta'e beettan.»
25Rabbi akkana jedhe, «Ati ammallee ilma namaa! ani mana woyyuu ka isaan hennaa maraa yoo argan jaalatan ka bira dhaquu hawwan, ka dhaadataniinii fi ka guddisanii itti gammadan isaan irraa fudhadha; ijoollee isaanii ta dhiiraatii fi ta intalaallee isaan jalaa fudhadha.
26Ani guyyaa waan kana godhu badii san caalaa namni dhufee waan badii kanniin maraa sitti hima.
27Guyyama san dubbii armaan dura dubbachuu hin dandeenne dubbatta; ati isa woliin dubbatta; kunillee bani'ii malkata ta'a; isaanillee akka ani Rabbiin ta'e beekan.»
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.