1Ani achiin maayessa akkana isaaniin jedhe, «Isin bulchoota ijoollee banii Israa'eliitii fi masakkoota banii Israa'elii! dhagayaa'a! murtii qajeelaa beekuun isin hin barbaachisuu?
2Isin ammo waan mishaa jibbitanii waan hamaa jaalattan; banii kiyya dhaabatatti gogaa isaanii irraa quunciftan; foon isaanii lafee isaaniitiin gar gar baaftan.
3Gogaa banii kiyyaa quunciftanii lafee isaanii caccabsitanii akka foon ibiddatti woddaniitii fi otte'etti affeelanii isaan gootan; foon isaanii nyaattan.
4Hennaan isin rakkattanii gara Rabbii iyyitan hin dhufa; garuu inni isinii hin deebisu; waan hamaa waan hojjattaniif kadhaan keessan isinii hin dhagayamu.»
5Rabbi waan raattota sobaa waan bu'aa itti argatan yoo ta'e nageenni isinii bu'a jedha'aa lallaban; hennaa bu'aa hin arganne ammo lolatu isinitti gala jedha'aa labsa'aa banii dogoggorsan.
6Kanaafuu halkan isaan mudhata itti hin argine hin dhufa; dukkana isaanii hin ifne isaanitti ta'eera; ammaa achi mudhata hin argan; raagallee hin dubbatan.
7Worri mudhata hin argina, raaga hin dubbanna jedhan maruu waan isaanii hin milkoofneef hin salphatan; Rabbi waan deebii isaanii hin kennineef saalfatanii harkaan fuula dhoffatanii deeman» jedha.
8Ana ammo Rabbi Hafuuraa fi hunna ufiitiin na guuteera; Inni akka ani banii Israa'elii yakkaa fi cubbuu isaanii maal akka ta'e akka isaan beessisu ifatti murtii qajeelaa akka murteessu jabeenna naa kenneera.
9Isin bulchoonni banii Israa'eliitii fi masakkoonni ijoollee Yaaqoobii haqa jibba'aa waan qajeelaa maraa dabsitan waan kana dhagayaa'a.
10Isin dhiiga namaa jissa'aa Tsiyooniin, yakka hojjata'aa Yerusaalemiin ijaartan.
11Worri jajjabaan qachattii keessa jiran horii fudhata'aa murteessan; gadoonni gatii malee hin barsiisan; raattonnillee qarshii malee raaga hin dubbatan; isaan waan kana maraa godha'aa «Rabbi waan nu woliin jiruuf wonti hamaan woyiituu nutti hin dhufu jedha'aa» Rabbiin dhaadatan.
12Kanaafuu sababaa keessaniif Tsiyoon akka maasa'aatitti qotamti; Yerusaalem diiggamtee tuulamti; huleen manni woyyu'uu itti ijaarame bosona jaamaa ta'a.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.