Gara Worra Rooma'aa 3 - Kitaaba Woyyuu

Amanuu Dhabuu Ayihuudotaa

1Eegasuu Yihuudii ta'uun maali'i? Yookaan gadoomuun faayidaa maal qaba?

29:4; Kes. Deb. 4:7-8; Far. 147:19-20 Kanaafuu Yihuudii ta'uun bu'aa heddu qaba. Waa maraa dura jechi Rabbii yaboo isaanitti kenname.

39:6; 11:29; Xim. 2ffaa 2:13 Eegasuu maali'i ree? Worri hin amanne yoo jiraatan amanuu dhabuun isaanii amanamummaa Rabbii hambisaa?

4Far. 116:11; 51:4; Tit. 1:2; Yoh. 3:33 Sirimaa hin ta'u!

namni maruu sobaa,

Rabbi garuu ka dhuga'aa haa ta'u;

Akkuma, «Sababaa dubbii keetiitiif nama dhuga'aa,

murtii afo'ottillee injifataa taata» jedhamee barreeffame.

5 9:14 Haa ta'uu ammo hammeenni keenna qajeellummaa Rabbii yoo ka mudhisu ta'e maal jenna ree? Rabbi waan cubbuu keennaatiif yoo nu adabe, murteessaa dhuga'aatii miti jechu'uu? Ani akka yaada namaatiin dubbadha.

6Ser. Uma. 18:25; Isa. 11:3-4 Akkasuu hin ta'in, yoo akkas ta'e Rabbi adunya'atti attamitti murteessa?

7Soba kiyyaan ammo dhugaan Rabbii ulfinna isaatiif yoo caale, maaf akkasuma haga ammaa akka cubbama'aatitti natti murteeffama ree?

86:1 «Maali'iif akka wonti mishaan dhufu hamaa hin hojjanne ree?» akkanumaan nu arrabsan. Gariin akkanumaan akka waan jennuu waan dubbataniif murtiin isaanii qajeela'a.

Namni Maruu Cubbama'a

9 1:18—2:24; Gal. 3:22 Eegasuu maal haa ta'u? Nu isaan tarraa? Horomaa hin ta'u! Yihuudiillee namoonni Giriikiillee maruu cubbuu jala akka ta'an dursinee waan isaan himanneerruuf.

10 Far. 14:1-3; 53:1-3 Akkana jedhamee akkuma barreeffame,

«Namni qajeelaan tokkollee hin jiru,

11ka hubatullee hin jiru;

ka Rabbiin soqullee hin jiru.

12Maruu dogoggoraniiran

martinuu worra bu'aa hin qabne ta'aniiran;

Ka arjoomu tokkollee hin jiru;

13 Far. 5:9; 140:3 dubbii nama miidhu dubbatu'uuf,

afaan isaanii akka awwaala banameeti;

arraba ufiitiin hin soban;

hidhii isaanii jala hadhaa bofaatitu jira;

14 Far. 10:7 Afaan isaanii keessa abaarsaa fi hadha'atu guuteera.

15 Isa. 59:7-8; Mam. 1:16 Lutti isaanii dhiiga jissu'uuf ariifatti.

16Bakka isaan dhaqan maraa badi'ii fi rakkoo hama'atu jira.

17-18Karaa nagayaallee hin beekan.

Ija isaanii afoo sodaan Rabbii hin jiru.»

19Afaan maruu akka cufamu; adunyaan martuu akka murtii Rabbii jala taatu wonti seerri dubbatu maruu worra seera jala jiraniif akka dubbatu hin beenna.

207:7; Far. 143:2; Gal. 2:16 Kunillee hujii seeraa hojjachu'uun, ka foon uffate maruu isa afo'otti waan qajeelaa hin taaneef cubbuunillee seeraan waan beekkamuuf.

Amanti'iin Qajeelaa Ta'uu'u

21 1:17; Hu. Er. 10:43 Amma ammo ka seeraa fi raattonni ragaa bayaniif qajeellummaan Rabbii seeraan ala mudhateera.

22Gal. 2:16; Filph. 3:9 Innillee ka worra itti amanan maraa qajeellummaa Rabbii ka Yesuus Kiristoosiititti amanu'uun argamu.

233:9; Yoh. 1ffaa 1:8 Garaa garummaan hin jiru, maruu cubbuu waan hujaniiraniif ulfinni Rabbii isaan irraa dhidhateera.

245:1; Efe. 2:8-9; Tit. 3:7 Isaan badhaadha karaa Yesuus Kiristoosiitiin ta'een akkanumaan kennaa isaatiin qajeellota ta'an.

25Ser. Lew. 16:5-15; Efe. 1:7 Isallee Rabbi dhiifamsa cubbu'uu karaa amantii dhiiga isaatiin argamuun godhee dhaabeen; kanallee Rabbi cubbuu dura hojjatame dandeettii Rabbiitiin dhiifama qajeellummaa ufii mudhisu'uuf kana godhe.

26Innillee qajeelaa akka ta'u ka Yesuusitti amanullee qajeelaa akka taasisuuf bara kanallee qajeellummaa akka mudhisuuf.

27 8:2; Qor. 1ffaa 1:31 Eegasuu boonuun kee meeti ree? Inni hafeera; Seera kamiin? Seera huji'iitiinii? Miti seera amanti'iitiin malee.

28Gal. 2:16; Hu. Er. 13:38-39 Namni seera huji'iitiin malee amanti'iin akka waan qajeellumma'aatitti waan laakkoofnuuf,

29-3010:12 Moo Rabbi, Waaqa Yihuudotaa calla'aa? Waaqa worra Yihuudii hin taaneetille'ee mitii? Ee nu worri gadoomne, amanti'iif worri hin gadoomnellee Waandhi amanti'iin qajeelaa nama taasisu tokko waan ta'eef akkasuma Waaqa worra Yihuudii hin taaneeti.

318:4; Mat. 5:17 Eegasuu seera amanti'ii diinnaa ree? miti. Seera jabeessinee qabanna malee.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help