Gara Ximootewoosii 1ffaa 5 - Kitaaba Woyyuu

Haala Amantoota Itti Bulchan

1 ta waan adunyaa tanaa callaa jaalattu ammo, isiin uduu lubbu'uun jirtuu ta duute.

7Isaanillee mudaa malee akka jiraataniif ajaji.

83:5; Mat. 15:5-6 Worra fira isaanii ta'aniif keessumattuu maatii ufiitii ka hin yaanne eennullee yoo jiraate, inni ka amantii ufii gane, nama hin amanne caalaa hama'a.

9Ta abbaa manaa hin qabne galmee irratti yoo bareeffamtu, umuriin isi'ii woggaa jaahatamaa gadi akka hin taanee fi dubartii abbaa manaa tokko qabdu ta'uu barbaachisa.

10Ibr. 13:2; Yoh. 13:14 Ijoollee guddisu'uun, keessummaa simachu'uun, luka woyyootaa dhiqu'uun, rakkattoota gargaaru'uun, hujii mishaa maraa hordofa'aa hujii mishaa akkanaa godhu'uun ta ragameef ta'uu barbaachisa.

11Ta abbaa manaa hin qabne qacalee kaawwanitti hin makin.

12Fedhii foon ufiitiin mooyatamanii, jaalalli Kiristoosii qaban hennaa jalaa dhidhate heerumuu waan barbaadaniif, amantii ufii ka duraa san waan tuffataniif, isaanitti murteeffama.

13Tas. 2ffaa 3:11; Mam. 10:19 Hujii hin hujan; mana tokkoo gara mana tokkoo deema'aa waan hin taane dubbata'aa odeessitootaa fi worra hujii hiikan callaa uduu hin ta'in, worra waan namaa keessa galan ta'an malee, worra hujii hiiku calla'aallee miti.

142:15; Qor. 1ffaa 7:9,39-40 Eegasuu durboonni qacaleen akka heeruman, ijoollee akka dayanii fi mana ufiillee akka bulchan, worri nu mormu maqaa akka nu hin balleessine isaan kana gorsa.

15Kanaan dura isaan keessaa gari gariin seexana hordofu'uun amantii waan gad dhiisaniif.

16Hu. Er. 6:1 Dubartiin amante takkaa fi dhiirri amane tokko dubartii abbaa manaa hin qabne maatii ufii keessaa yoo qaabatan woldaa Kiristaanaatitti ba'aa akka hin taane isaan haa gargaaraniinii.

17 Filph. 2:29; Tas. 1ffaa 5:12-13 Manguddoonni woldaa seeraan bulchan, keessattuu lallabaa fi barsiisu'uun, worra dadhabanii ulfinna gudda'atu isaan barbaachisa.

18Kes. Deb. 25:4; Qor. 1ffaa 9:9; Mat. 10:10; Luq. 10:7 Kitaabni Woyyuun, «qotiyyoo qotu afaan hin hidhin» akkasuma ammo «hojjata'aafillee mindaan hin barbaachisa» waan jedhuuf.

19Kes. Deb. 17:6; 19:15; Mat. 18:16; Qor. 2ffaa 13:1 Namni lamaa yookaan sadihi yoo itti rageesse malee himannaa manguddoo irratti dhiyaate hin fudhatin.

20Mat. 18:17; Gal. 2:14 Worri biraallee akka sodaatan, worra cubbuu hujan nama maraa afo'otti gorfadhu.

21 6:13-14 Tokkochallee uduu wol hin caalchifne, gara tokkoo uduu hin dabne akka eeddu Rabbii Gooftaa Yesuus Kiristoosii fi Maleekkota filataman afo'otti si gorsa.

223:10; Qor. 2ffaa 6:14 Eennuun irrallee daddaftee harka kee hin kaayin; cubbuu nama biraatitti hin makamin; qulqullinnaan uf eegi.

23Waan garaa keetiitiif waan dhibee sitti baay'atuutiif daadhii woyini'ii diqqoo dhugi malee ammaa achi bisaan callaa hin dhugin.

24Cubbuun namoota gari gari'ii addaata'a; murtii waan mudhisuuf; kaawwan ammo faanaa deema.

25Gal. 5:22-23 Akkasuma hujiin mishaan addaata'a; yoo ifa hin taanellee ammo dhokachuu hin danda'u.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help