Ergaa Yaaqoob 5 - Kitaaba Woyyuu

Uf Eeggannaa Dureeyyi'iif Kenname

1 keessan dammeessayeera. Dammeessayuun sunillee ragaa isinitti ta'a. Foon nafa keessanii akka ibiddaatitti nyaata. Isin bara dhumaa qabeenna wolitti qabattaniirtan.

4Ser. Lew. 19:13; Kes. Deb. 24:14-15; Mil. 3:5 Mindaan isin worra midhaan keessan haaman dhooggattan sun hin iyya; iyyi worra midhaan keessan haamanii gurra Gooftaa banii maraa seeneera.

5Luq. 16:19,25; Erm. 12:3; 25:34 Isin lafa irratti qanani'ii fi gammachu'uun jiraattaniirtan; seebaruu keessa jiraattan. Guyyaa qalamtaniif uf gabbiftaniirtan.

6Isin nama qajeelaa isin hin morminetti murteessitanii ajjeeftaniirtan.

Rakkinna Keessatti Obsuu'u

7 Tit. 2:13; Kes. Deb. 11:14; Iyyu. 2:23 Eegasuu obboleeyyan tiyya! haga Gooftaan dhufuuf obsaa'a. Qonnaan bulaan haga rooba duraatii fi ka maayessaa argatuuf obsa'aa daraaraa lafaa kabajjamaa eeggata.

8Phex. 1ffaa 4:7 Isinillee akkasuma obsaa'a! guyyaan dhufa Goofta'aa waan dhiyaateeruuf jabaadha'aa dhaabadhaa'a.

9Obboleeyyan tiyya! Akka isinitti hin murtoofneef wolitti hin gururi'inaa'a! Kunoo abbaan murti'ii balbala afoo dhaabateera.

10Mat. 5:12 Obboleeyyan tiyya! raattota maqaa Goofta'aatiin dubbatanii turan san akka fakkeenna rakkinna obsu'uutitti laalaa'a!

11Iyyo. 1:21-22; 2:10; 42:10-16; Far. 103:8; 111:4; Ser. Ba'u. 34:6 Worra obsaan dhaabatan «eebbifamtoota» isaaniin jenna. Iyyoob obsee akka Gooftaan raawwateef dhageettanii argitaniirtan; sababnillee waan Gooftaan araarama'aa fi gara laafessa ta'eef.

12 Mat. 5:34-37 Obboleeyyan tiyya! waa maraa dura ardi'ii fi sami'iin waan biraatiinillee yoo ta'e womaanuu hin kakatinaa'a! Haa ta'uu ammo akka murtii jalatti hin kufne dubbiin keessan yoo ee ta'e, «Ee» jedhaa'a; yoo wa'aa ta'e, «Wa'a» jedhaa'a.

Faatee Amanti'ii

13 Far. 50:15; Qol. 3:16; Efe. 5:19 Isin keessaa namni rakkoon irra gaye eennullee yoo jiraate inni haa kadhatuu. Ka gammade eennullee yoo jiraate inni haa faarsuu.

14Mar. 6:13 Isin keessaa ka dhukkubsate eennullee yoo jiraate, bulchitoota Woldaa Kiristaanaa gara ufii haa waamatuu; maqaa Goofta'aatiin sayitii ibsanii haa kadhataniifii.

15Mar. 16:18 Kadhaan amanti'ii dhibamaa san hin fayyisa; Gooftaanillee hin kaasaan; yoo cubbuullee hujee jiraate hin dhiifamaaf.

16Far. 145:18-19; Mam. 15:29; Hu. Er. 12:5 Cubbuu keessan wolitti himadhaa'a; akka fayyitaniifillee tokko ka biraatii haa kadhatuu. Faateen nama qajeela'aa hunna waan qabduuf waan guddaa gooti.

17Hu. Er. 14:15; Mot. 1ffaa 17:1; 18:1; Luq. 4:25 Eliyaas namuma akka keennaa ture, akka Roobni hin roobne jabeessee Rabbiin kadhate. Biyya lafaa irratti woggaa sadihii fi ji'a jahaa hin roobne.

18Mot. 1ffaa 18:42-45 Ammallee deebi'ee Rabbiin kadhannaan roobni roobe. Laftillee daraaraa baafte.

19 Gal. 6:1 Obboleeyyan tiyya! Isin keessaa eennullee yoo dhugaa irraa gore, namni biraa gara dhuga'aa yoo isa deebise,

20Mat. 18:15; Far. 51:13; Mam. 10:12; Phex. 1ffaa 4:8 Nama cubbamaa san cubbuu irraa waan deebiseef, lubbuun cubbamaa sanii cubbuu jalaa hin fayyiti, cubbuu hedduufillee akka inni araara argatu akka godhe haa beekuu.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help