1Kennaan ciinca'aa yoo waan fayyinnaatiif ta'e, loon keessaa yoo korma yookaan goromsa dhiyeessu ka mudaa hin qabne Rabbii haa dhiyeessuu.
2Waan kenna'aaf dhiyeesse san harka ufii mataa isaa irra kaayee balbala daasee wol gayi'ii biratti goorra'a; ijoolleen Aaroonii gadoonni dhiiga horii goorra'amee san fuudhanii naannaya hulee ciinca'aatitti haa facaasanii.
3Ciincaa fayyinnaa san kennaa godhanii haa dhiyeessanii; cooma mi'a gara'aa irra jiru, cooma gara'aa maraa,
4Kalee lamaan, cooma cinaachaa, moora tiru'uu kalee lamaan woliin haa fuudhanii;
5ijoolleen Aaroonii ibidda hulee ciinca'aa irratti haa gubanii; ciincaan kun ciincaa mishaa Rabbitti urgaawu.
6Kennaan ciinca'aa yoo waan fayyinnaatiif ta'e korbeessa hoola'aa yookaan hoolaa dhaltuu haa dhiyeessuu; inni sun ka mudaa hin qabne haa ta'uu.
7Kennaa korbeessa hoola'aa Rabbiin afo'otti dhiyeessa.
8Harka ufii mataa isaa irra kaayee daasee wol gayi'ii afo'otti haa goorra'uu; ijoolleen Aaroonii dhiiga fuudhanii naannaya hulee ciinca'aatitti haa facaasanii.
9Ciincaa fayyinnaa san kennaa ibiddaan ciincawu godhee Rabbiif dhiyeessa; coomaa fi dudda duuba eege'eetii ka'ee haga lafee duddaa qalee moora mi'a gara'aa irra jiru maraa,
10Kalee lamaan, moora cinaacha biraa, moora tiruu irraatii fi ka kalee irraa fuudhee
11gadichi hulee ciinca'aa irratti ciinceessa; kun akka kennaa nyaataa ta'ee Rabbiif haa dhiyaatuu.
12Kennaan yoo ka re'e'ee ta'e Rabbiin afo'otti dhiyeessa;
13harka ufii Rabbiin afo'otti mataa isaa irra kaayee daasee wol gayi'ii afo'otti goorra'a; ijoolleen Aaroonii dhiiga san fuudhanii ciinca'aa fi naannaya ciinca'aatitti facaasan;
14Kana ciincaa gubamu godhee Rabbiif dhiyeessa; cooma mi'a gara'aa dhossu, cooma mi'a gara'aa maraa,
15Kalee lamaanii fi cooma cinaacha bira jiru, moora tiruu irraa, kalee woliin fuudhee
16gadichi ciincaa godhee dhiyeessa; kun ciincaa urgaayaa nyaataati; coomni maruu Rabbiif adda haa bawuu.
17Coomaa fi dhiiga hin nyaatinaa'a; kun maruu bara jiraattan maraa ijoollee ijoollee teessaniitiif seera baraa haga bara baraa haa ta'uu.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.