1Yaa Waandhana; na oolchi;
bisaan morma na gayeeraa.
2Hulee ijjata lukaa hin qabne;
leephoo gad fagoo keessatti liqimfameeraa;
bisaan xiillaa keessa seene;
dambaliin na liqimse.
3Iyyee dadhabe;
kokkeen na goge;
Waaqa kiyya uduu eegu
ijji na dimimmifte.
4Worri sababaa malee na jibban;
rifeensa mataa kiyyaa irra baay'atan;
worri jireenna kiyya balleessuu barbaadan;
worri duwwamatti na jibba hin baay'atan;
waan ani hin hanne deebisii fidi jedhan.
5Yaa Rabbi! ati gowwummaa kiyya ati hin beetta;
yakki kiyyallee si jalaa hin dhokanne.
6Yaa Gooftaa'a! Waaqa duula maraa!
worri si abdatan
sababaa kiyyaaf hin saalfatin;
Waaqa Israa'elii!
worri jabeessanii si barbaadan;
sababaa kiyyaaf haa salphatan.
7Siif jedhe arraba obseera;
saalfadhee mataa ol qabachuu dadhabe.
8Obboleewwan tiyyaaf akka nyaaphaa;
ijoollee haadha tiyyaatitti akka keessumma'aa ta'e.
9Hinaaffaan mana keetii na nyaate;
arrabni si arrabsan na irra oole.
10Hennaa lubbuu tiyya soomaan mararsiise;
isaan na arrabsan.
11Hennaa uffata gaddaa uffadhe;
nama mammaakaa na godhan.
12Worra balbala dallayaa taa'anitti
mata duree qaaqaa;
worra machaayanii ka ittiin sirban ta'e.
13Yaa Rabbi! ani ammo
sa'aatii ati jaalattetti
si kadhadha;
Waandhana! jaalala kee ka bara baraatiin;
fayyinna kee ka dhuga'aatiin naa deebisi.
14Leephoo keessaa na baasi;
akka liqimfamu na hin dhiisin;
bisaan xiillaa irraa;
worra na jibban sanniin irraa na oolchi.
15Lolaan na irra gara hin galin;
bisaan xiillaan na hin liqimsin;
boolli fottoqee natti hin cufamin.
16Yaa Rabbi! jaalalli kee ka bara baraa
waan mishaa ta'eef naa dhagayi;
haguma baay'inna gara laafummaa keetiitiin gara kiyya deebi'i.
17Fuula kee garbicha kee jalaa hin dhoffatin;
rakkoo keessa waan jiruuf daddafii naa deebisi.
18Natti dhiyaadhuu na oolchi;
diintota tiyya jalaa na furi.
19Arraba, saalaa fi
salphinna na irra gaye hin beetta;
diintota tiyyallee tokko tokkoon beetta.
20Arrabni onnee na miidheera;
abdiin kiyyallee dhumateera;
ka na jajjabeessu soqe; garuu hin arganne;
ka na booharsu soqe; garuu tokkollee hin turre.
21Nyaata kiyya hadhooftu'uun wolitti makan;
dheebonnaan dhangaggaayaa naa kennan.
22Nyaanni isaanii dhiyaate siiboo isaanitti haa ta'u;
gumii isaaniitittillee sakaallaa haa ta'u.
23Ijji isaanii akka hin arginetti itti haa dukkanaawu;
duddi isaanii hennaa maraa gad haa gogu.
24Dheekkamsa kee isaan irratti roobsi;
balaan lola keetii dimmaa isaan irra haa gawu.
25Qe'een isaanii ona haa ta'u;
ka daasee isaanii keessa jiraatu hin argamin.
26Worra ati dhaante waan ari'aniif,
worra ati madeessitetti rakkinna baay'eessan.
27Yakka isaanii irratti yakka eda'i;
gara balchummaa keetiillee hin seenin.
28Galmee jireennaa irraa haa haqaman;
balchoota woliin hin laakkayamin.
29Ani ammo rakkinnaa fi hucuucama keessa jira;
Waandhana! fayyisuun kee irkisee na haa qabu.
30Maqaa Rabbii faaru'uun jajadha;
galataan isa kabajja.
31Sangaa caalaa;
jibicha gaafaa fi qeensa baase caalaa
kun Rabbiin gammachiisa.
32Hiyyeeyyiin kana argan; hin gammadan;
isin worri Rabbiin barbaaddan
garaan keessan haa gammadu.
33Rabbi worra rakkatan waan dhagayuuf;
banii ufii ka hidhaa keessa jirullee hin tuffatu.
34Samiinii fi ardiin; galaannillee;
wonti isaan keessa sosocho'u maruu
isa haa galatoonfatanii.
35Rabbi Tsiyooniin hin oolcha;
qachoota Yihuuda'aallee deebisee ijaara;
baniin achi keessatti quphatee dhaala.
36Fiixaan garboota isaa isii dhaalan;
worri maqaa isaa jaalatan achi keessa jiraatan.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.