1Namni akka nama ogeessaa ta'e eennu?
ka wontoota hiikuu beeku eennu?
ogummaan nama keessaa fuula namaa ibsiti;
nyaara namaallee hin jijjiirti.
Mooti'ii Ajajamuu'u2Mooti'iif hin ajajama jettee waan kakatteef
waan inni si ajaje eegi siin jedha.
3Inni waan fedhe si godhuu waan danda'uuf
akka inni kara'aa si hin dhooggine ati hin jarjarin;
waan hamaa jabaattee itti hin irkatin.
4Dubbiin mooti'ii ka hunna qabu waan ta'eef
eentu «Ati waan kana maaf goota?» jedhee gaafata?
5Yoo ajaja isaa raawwatte miidhamni si irra hin gayu;
hennaa wonti kunniin itti raawwatamu
fooyee ka beeku nama ogeessa calla'a.
6Rakkoon namaa guddaa ta'ullee
wonti maruu hule'ee fi hennaa qaba.
7Namni waan uf afoo ta'u waan hin beenneef;
waan dhufu'uuf jiru eentu itti himuu danda'a?
8Namni hafuura jireennaa hambisuu fi
guyyaa du'aa jijjiiruu danda'u hin jiru;
akkuma eennullee bakka lolaatii nagaya dhaamatee deemuun hin danda'amne
waan hama'aa fi nama waan hamaa hojjatullee gad hin dhiisu.
Haala Nama Misha'aatii Fi Nama Hama'aa9Waan adunyaa tana irratti ta'u maraa guuttadhee laalee kana maraa hubadhe,
namni tokko nama biraa miidhu'uuf hennaa bulchaa ta'utu jira.
10Akkasuma hammeeyyiin hulee woyyuu seena'aa baya'aa turan akka awwaalaman hin arge; bakki isaan jallinna keessatti hojjata'aa turanillee isaan hin qaabatu; kunillee waan gatii hin qabne.
11Nama waan hamaa hojjatu irratti daddafanii waan hin murteessineef garaan isaanii garaa jabaatee waan hamaa hojjate.
12Namni cubbamaan hennaa dhibballee yoo yakka hojjate woggaa baay'ee jiraata; worri Rabbiin sodaatanii fi kabajjan garuu wonti maruu akka isaanii qajeelu hin beeka.
13Cubbamaan garuu Rabbiin waan hin sodaanneef barri isaa akka gaaddisaa dheerata'aa hin deemu.
14Waan hamaa adunyaa tana irratti hojjatamutu jira; hennaa tokko tokko namoonni woyyoonni adabbii worri cubbamtootaa argatantu isaan irrallee gaya; worri cubbamtoonni garuu gatii worri woyyootaa argatan fudhatan; garuu wonti kun waan gatii hin qabne.
15Namni adunyaa tanatti waan nyaatee dhugu waan hujii isaatitti gammaduu malee wonti mishaan biraa waan hin jirreef ani guddisee gammade; adunyaa tana irratti namni umurii Rabbi isaa kennetti dadhaba'aa waan dadhabbii ufiititti gammada'aa jiraata.
16Ani nama ogeessa ta'u'uu fi waan adunyaa tana irratti hojjatamu qoradhee haga beeku'uuf yaale namni halkanii fi guyyaa uduu hara hin baafanne akka jiraatu arge.
17Namni haguma fedhellee yoo waa qorate waan Rabbi godhu beekuu akka hin dandeenne hubadhe; namni haguma fedhe waa qorachu'uuf yoo dadhabellee hiikkaa isaa tokkollee argachuu hin danda'u; namoonni ogeeyyiin «Nu waan kana hin beenna» yoo jedhanillee sirima hubachuu hin danda'an.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.