1Haga ijoolleen Aaroonii lamaan Rabbiin afoo dhiyaatanii du'aniin maayessa Rabbi Muuse'een,
2«Obboleessa kee Aaroonitti ani duumessa keessaan qadaada saanduuqa araaraa irratti waan mudhadhuuf akka hin duune gara hulee golga keessaa, gara hulee saandundhi araaraa jiruu hulee hennaa maraa woyyu'uu akka hin seenne itti himi.
4«Aaroon hennaa achi seenu nafa ufii dhiqatee qambisaa qulqullaayaa jirbii irraa hojjatame, boggee talbaa irraa hojjatameen mudhii hidhatee, sabbata mata'atti maratee uffata qulqullaayaa kanniin haa uffatuu.
5«Baniin ijoollee Israa'elii waan araara dhiifamsa cubbu'uutiif korbeeyyii re'iinii lamaa fi korbeessa hoola'aa tokko Aaroonitti haa fidanii.
6Aaroonillee jibicha ciinca'aa ka inni jedheen dhiyeessa; ufii fi maatii ufiitiillee araara kadhata.
7Achiin maayessa korbeeyyii re'iinii lamaa balbala daasee wol gayi'ii ka Rabbi itti waaqeffamu afoo haa fiduu.
8Aaroon re'iin lamaan sanniinitti hixaa buusa; ka hixaan qabe ka Rabbiiti; ka hixaan hin qabne ammo gad dhiifama.
9Aaroon re'ee hixaan qabe Rabbii fidee waan cubbu'uutiif ciincaa godha.
10Re'ee akka gad dhiifamu hixaan hambise Rabbiin afo'otti dhiyeeffamee akka araara cubbu'uu ta'u lafa raasa'aatitti gad dhiifama; Rabbiin afoo lubbu'uun jiraata.» jedheen.
11Aaroonillee waan cubbuu ufiitiif jibicha ciinca'aa dhiyeessa; maatii ufiitiifillee araara gaafata; cubbuu ufiitiifillee jibicha ciinca'aa dhiyeessee Rabbiin afo'otti goorra'a.
12Barbadaa ibiddaa ka Rabbiin afoo jiru girgira'atti guuta; hixaana tumame urgaayaa ganaa guutuu fuudhee gara woyyittii woyyootaa fida.
13Inni akka hin duune hixaanni saanduuqa waada'aa akka dhossu hixaana Rabbiin afo'otti ibiddatti buusa.
14Dhiiga jibichaa fuudhee gara hulee ciincaa dhiifamsaa gara baya biiftu'uutitti qubaan facaasa; dhiiga qadaada saanduuqa waada'aa afo'otti hennaa torbaa facaasa.
15Achiin maayessa re'ee ciinca'aa ka waan cubbuu bani'iitiif ciincawu goorra'a; dhiiga isaallee gara woyyittii woyyootaa fidee akkuma dhiiga jibichaa san godhe godha; qadaada saanduuqa waada'aa afo'oo fi duubattillee hin facaasa.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.