1Rabbi Muuse'een akkana jedhe,
2«Ijoolleen Israa'elii akka hennaa maraa ibsaa ibsituuf dhadhaa ejersaa ka ibsa'aaf ta'u ka akka misha'atti tumamee cuunfame akka sii fidan ajaji.
3Aaroon galgala maraa ibsaa san hin qabsiisa; inni saanduuqa waada'aa afo'otti hulee woyyittii woyyootaa daasee keessatti golgaan ala afoo Rabbiititti haga bariituuf ifa'aa bula; kun baraa haga bara baraa ijoollee ijoollee teessaniitii seera haa ta'uu.
4Aaroon ibsaa sanniin baattuu worqi'ii mishaa irratti hennaa maraa haa qopheessuu; ibsaan kun hennaa maraa Rabbiin afo'otti ifuu isaanii haa tooyatuu.
Xoroshoo Woyyoome Ka Rabbii Dhiyaatu5«Daakuu mishaa bullaaye iifii kudha lamaa fuudhiitii xoroshoo lamaa godhi.
6Xoroshoo kanniin gabataa worqii mishaa irraa hojjatame irra jaha gama tokkoon, jaha gama biraatiin tarree lamaan kaayi.Yakkaa Fi Adabbii
10Namni tokko ka haadhaan nama Israa'elii ta'e; ka abbaan isaa ammo nama biyya Misirii ta'e tokko ijoollee Israa'elii jidduu bayee nama Israa'elii tokko woliin wol lole;
11Mucaan haadhaan nama Israa'elii maqaa Rabbii waan arrabseef gara Muuse'ee fidaniin; maqaan haadha isaa Saloomiitii mucattii Diibirii nama gosa Daanii turte;
12Haga Rabbi adabbii attamii akka isaa kennan isaanitti himuuf tooyannaa jala oolchan.
13Rabbi Muuse'een akkana jedhe,
14«Namicha maqaa Rabbii arrabsu san ganda keessaa baasaa'a; namoonni hennaa inni Rabbiin arrabsu dhagayan maruu namni sun nama yakka hojjate ta'uu isaa ragu'uuf harka ufii mataa isaa irra haa kaayanii; achiin maayessa baniin Israa'elii maruu dhaga'aan dhayanii isa haa ajjeesanii;
15Ijoollee Israa'eliititti akkana jettee himta; eennullee yoo Waaqa ufii arrabse adabbii argata.
16Namni maqaa Rabbii arrabsu sirima haa ajjeefamuu; baniin maruu dhaga'aan tumee isa haa ajjeesuu; galaan nama biyyaa yoo maqaa Rabbii arrabsellee haa ajjeeffamuu.
17«Eennullee ka nama ajjeesu du'aan haa adabamuu.
23Muuseen haga waan kana maraa dubbatee raawwate namicha Rabbiin arrabse san lafa itti quphatan sanii baasanii dhaga'aan dhayanii ajjeesan; akkaataa kanaan baniin Israa'elii akkuma Rabbi Muusee ajaje godhan.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.