Raajii Isaayyaasii 52 - Kitaaba Woyyuu

Rabbi Yerusaalemiin Hin Oolcha

1Tsiyoon! dammaqi; ka'i!

hunna kee akka uffataatitti uffadhu!

Yerusaalem qachaa woyyittii!

uffata kee ka qandhafaa uffadhu;

ammaa achi namoonni hin gadoomne;

worri hin gadoomnee fi

worri seeraan uf hin qulqulleessine dallawa kee keessa hin seenan.

2Ati Yerusaalemii booji'amte!

ka'ii daaraa uf irraa hargufi;

teessoo ulfinnaa irra taa'i;

isinillee worri Tsiyoonii ka booji'amtan!

haada sibiilaa ka hidhamtaniin morma keessan irraa hiikkadhaa'a.

3Rabbi banii ufiitiin,

«gatii malee garbumma'atti gurguramtanii turtan;

gatii malee deebitan.

4Armaan dura fedhuma keessaniin

gara biyya Misirii baqattanii jiraata'aa turtan;

worri Sooriya'aa garuu

uduu womaa hin kaffalle isin booji'anii

guddisanii isin rakkisa'aa isin bulchan.»

5«Ani uduu baniin kiyya gatii malee fudhatamu arga'aa

wonti ani godhu maaltu jira?

worri isaan bulchu isaanitti baldan;

hennaa maraa maqaa kiyya arrabsan.

6Kanaaf hennaa san baniin kiyya akka ani Rabbiin ta'e,

ka waan kana godhullee akka ana ta'e beekan»

7Namni gaarran irratti waan nagayaatii fi waan fayyumma'aa dubbatu;

ka oduu nagayaa labsu;

ka Tsiyoonitti «Waandhi kee hin mooya!» jedhee himu

lutti isaa attam bareeda!

8Hennaa Rabbi gara Tsiyoonii deebi'u addaataa waan arganiif

hennaa worri qachaa tee eegan laagaa ufii ol qabatanii

faaruu gammachu'uu faarfatan dhagayi.

9Rabbi banii ufii hin jajjabeessa;

Yerusaalemiin hin oolcha;

kanaafuu isin worri Yerusaalemiin jalaa diiggamtan!

tokkumma'aan gammada'aa faarfadhaa'a.

10Rabbi banii marattuu hunna ufii mudhisa;

adunyaan maruu oolchuu isaa argiti.

11Isin worri miya woyyuu mana woyyu'uu baadhattan!

Baabilooniin keessaa bayaa'a; isii irraa fooyamaa'a;

waan battii hin tuqinaa'a;

isii keessaa baya'aa uf qulqulleessaa'a.

12Rabbi waan isin afoo deema'aa isin masakkuuf,

Waandhi Israa'elii duubaanillee waan isin eeguuf

hennaa baatan ariiti'iin dheessitanii hin bayinaa'a.

Hojjataa Rakkinni Irra Gayu

13Rabbi akkana jedha,

«hujiin tajaajilaan kiyya hojjatu maruu hin qajeelaaf;

ulfinni isaa gudda'a.

14Waan nama maraa caalaa nafti isaa miidhameeruuf

namoonni hedduu akka fuulli isaa bade arganii nayan.

15Baniin hedduu waan duraan isaanitti hin himamne waan arganii fi

waan hin dhageenne waan hubataniif

waan tajaajilaa kiyyaa maalalfatan;

mootonnillee isa maalalfatanii waan jedhan dhaban.»

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help