1Bara Ooziyaan biyya Yihuuda'aa irratti, Iyyoorbi'aam ilmi Yoo'aasii Israa'eliin irratti mooyan dubbiin raagaa ka tissee Tequha'atti argaman keessaa Amootsi uduu lafti hin raafamne woggaa lamaan dura waan Israa'eliitiif dubbate kana.
2Amootsi akkana jedhe,
«Rabbi gaara Tsiyoonii irra dhaabatee
akka leenca aaduu
laagaa ufii ka nama sodaachisu dhageessisa;
dubbiin isaa Israa'eliin keessatti dhageessisa;
margi tisseen horii itti bobbaafatanillee hin quura;
margi lalisaan gaara Qarmeloosii irratti argamu hin goga» jedhe.Murtii Rabbi Ollaa Israa'elii Jiran Irratti MurteesseSooriyaa
3Rabbi akkana jedha, «Ani waan baniin Damaasqoo keessa jiran deddeebi'a'aa cubbuu hojjataniif mamii malee isaan adaba; isaan banii Gala'aadii gaarii fardaa ka ilkaan sibiilaa qabuun xamadanii isaan rakkisan.Eedoom
11Rabbi akkana jedha, «Baniin Eedoomii waan deddeebi'a'aa cubbuu hojjataniif ani mamii malee isaan adaba; isaan obboleewwan ufii worra Israa'elii guraade'een ari'aaniiran; haga qabaniin maayessallee garaa isaanii hin laafne; lolli isaan irra jiru hin qabbanoofne.Isa. 34:5-17; 63:1-6; Erm. 49:7-22; His. 25:12-14; 35:1-15; Abd. 14; Mil. 1:2-5
12Kanaafuu ani qachaa Teemaamii irratti ibidda gad dhiisa; ibiddi sun kusheewwan Bootsiraanii hin guba.»
Amoon13Rabbi akkana jedha, «Baniin Amoonii waan deddeebi'a'aa cubbuu hojjataniif ani mamii malee isaan adaba; marfama isaan bulchiinsa ufii babadhifatu'uuf godhaniin dubartoota biyya Gala'aadii keessa jiran garaa isaanii tarsaasaniiran.Erm. 49:1-6; His. 21:28-32; 25:1-7; Sofo. 2:8-11
14Kanaafuu ani dallaya dhaga'aa ka qachaa Raaba'aa irratti ibidda gad dhiisa; ibiddi sun kusheewwan isi'ii maraa hin guba; achiin maayessa guyyaa lolaa san iyyansaa fi raafamatu baay'ata; lolli sun akka qilleensa bubbisuu ariifata.
15Mootichi isaaniitii fi abboonni murti'ii booji'amanii deeman.»
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.