Raajii Amootsii 6 - Kitaaba Woyyuu

Israa'el Adabamte

1Baniin Israa'elii gargaarsa barbaadanii gara bulchoota ufii dhufan; isaan ammo Tsiyoonii irratti waan bashannana'aa taa'aniif gaara Samaariya'aa irrattillee waan sodaa malee jiraataniif bulchoota beekkaman kanniinii hobbaas!

2Isin mee gara qachaa Kaalne'ee deema'aatii laalaa'a; achillee lufa'aatii gara qachaa guddittii Haamaat jedhamtee waamamtuu fi gara qachaa Gaatii worra Filisxeemii dhaqaa'a; isin isaan caaltanii? bulchiinsi keessan bulchiinsa isaanii caalaa?

3Isin, «Guyyaan hamaan dafee hin dhufu» jettanii yaadu'uun bulchiinsa keessan keessatti hujiin miidha'aa akka dhiyaatu gootan.

4Isin siree ilkaan arbaatiin hojjatame irra raftan; tika hoolotaa keessaa foon korbeessa hoola'aa; gobbuu hori'ii keessaa foon waati'ii nyaata'aa siree gabaabaa irratti hara baafattan!

5Meeshaa sirbaa midhaaffata'aa meeshaa faaru'uu ka laagaa guddaa dhageessisuun sirba faayidaa hin qabne sirbitan; akka Daawitii faaruu qopheessa'aa meeshaa sirbaatiin faarfattan.

6Daadhii woyini'ii bilille'een uduu hin taane waaba'aan dhuddan; urgooftuu gatii gudda'aa dibattan; isin badii banii Israa'eliin irra gayeef sirima hin gadditan; kana maraa waan gootaniif isin hobbaas!

7Kanaafuu isin booji'amtanii deemtanii worra booji'aman keessaa worra jalqabaa taatan; hennaa san quufni keessan ka akka dhabe hin dhaabata.

8Rabbi Waandhi banii maraa, «Ani raaga banii Israa'elii jibbeera; mana mootummaa isaanii ka bareedellee ceem'eera; ani sababaa kanaaf qachatti'ii fi worra isii keessa jiraatan maraa diinatti dabarsee kenna» jedhee ufiin kakateera.

9Maatii tokko keessaa namoonni kudhanii yoo hafanuu isaanillee hin du'an.

10Namni firaa ka worra du'aniitii fi namni seera awwaalaa raawwatu reeffa manaa baasee fudhata; inni hennaa san nama mana san keessatti hafe tokko waamee «Si woliin namni biraa ka hafe jiraa?» jedhee gaafata; namichillee «Eennullee hin hafne!» jedhee deebisaaf; ka gaafatu sunillee «Maqaa Rabbii waamuun waan nu hin barbaachifneef cadhis!» jedhaan.

11Ajaja Rabbiitiin manniin gugurdaan hin diiggaman; manniin didiqqaanillee diiggamee tuulama.

12Namni farda yaabbatu lafa dhaga'aa irra gulufuu danda'aa? qonnaan bulaan sangaa xamadee galaana irratti qotuu danda'aa? isin ammo murtii gara hadha'aatitti jijjiirtaniirtan; dhugaallee akka muka hadhaayuu hadheessitan.

13Isin «qachaa Loodabaar jedhamtu waan mooyattaniif gammaddaniirtan; qachaa Qaarnaayim jedhamtu hunna keennaan qabanneerra» jettanii dhaadattan.

14Rabbi Waandhi banii maraa akkana jedha, «Banii Israa'elii! ani banii biraa ka hunna qabu isinitti kaasa; inni karra seensa Haamaatii ka gara kaabaatii jalqabee gara kibbaatiin haga dhooqa Arabaa ceeyee isin rakkisa.»

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help