Kitaaba Mammaakaa 19 - Kitaaba Woyyuu

1Dureessa gowwaa dubbii micciiramaa dubbatu irra;

hiyyeessa mudaa malee jiraatu woyya.

2Beekkumsa uduu hin qabaatin

hawwa callaa qabaachuun

misha'aa miti;

jarjaruun karaa nama dogoggorsa.

3Namni gowwummaa ufiitiin jiruu ufii balleessa;

garaa ufii keessatti garuu Rabbitti mararama.

4Qabeenni jaalalloo heddu argamsiifti;

hiyyeessa garuu jaalalloon isaatuu irraa siiqa.

5Ragaan sobaa adabbii jalaa hin bayu;

ka kijiba odeessullee adabamuu hin hafu.

6Namoonni hedduu gaachena argachu'uuf bulchaa afo'otti biriifatan;

nama kennaa namaa kennuu maruu jaalallo'o.

7Hiyyeessi fira ufii ka foonii maraa birattuu jibbama'a;

eeganaa jaalalloon isaa hagam isa dheessan!

faanaa deema'aa yoo isaan shelatellee sirima isaan hin argatu.

8Namni ogummaa horii ufii godhatu lubbuu ufii jaalata;

ka hubannaa jaalatu hin milkaaya.

9Ragaan sobaa adabbii jalaa hin bayu;

ka kijiba odeessullee hin bada.

10Gowwaan qanani'ee jiraachuun isaa hin ta'u;

garbichi bulchaa abboota murti'ii yoo ta'e hagam mufachiisa!

11Ogummaan obsaa nama taasifti;

yakka tuffatee dhiisuun kabajjaa isaati.

12Lolli mooti'ii akka leenca aaduuti;

isa afo'otti gaachena argachuun akka fixeensa baala irraati.

13Ilmi gowwaan abba'aa badi'i;

haati manaa nyakkiftuun akka xoxa adda hin cinneeti.

14Manaa fi qabeenna abboota irraa dhaalan;

haati namaa ta qalbii qabdu garuu Rabbiin biraa argamti.

15Amshaagguun hirriba guddaa namatti buusa;

namni hujii hin jaalanne hin beelaya.

16Namni ajaja kabajju jireenna ufii eega;

namni karaa Rabbii tuffatu garuu hin du'a.

17Namni hiyyeessaa waa kenne akka waan Rabbii liqeesseeti;

waan mishaa inni godhe san Rabbi hin deebisaaf.

18Ijoolleen waan deebi'uu danda'aniif,

uduu ijoollumma'aan jiran isaan adabi.

19Nama biibbayu akka gatii mufi'ii argatu dhiisi;

yoo rakkoo isaa keessaa isa baasu'uuf badadde;

hennaa biraallee inni akkasuma godha.

20Gorsa dhagayi; qajeelcha fudhadhu;

maayessa ogeessa taataa.

21Garaa namaa keessa yaada heddutu jira;

ka raawwatamu garuu yaada Rabbiiti.

22Namni jaalala jabduu hawwa;

kijibaa ta'uu irra hiyyeessa ta'uu woyya.

23Rabbiin sodaachuun gara jireennaa nama geessa;

namni akkanaa hashu jedhee hara baafata;

rakkoonillee isa hin argatu.

24Amshaaggaan harka ufii qorii keessa kaaya;

garuma afaaniituu fiduu hin dadhaba.

25Ka baldu dhaani; ka bilchinna hin qabnellee hubannaa barataa;

nama hubatu xixi beekkumsa bitataa.

26Ka abbaa ufii saamu,

ka haadha ufiillee ari'u ilma saalaa fi

salphinnaati.

27Ilma kiyya! haga gorfamteen maayessa

beekkumsa irraa hin gorin.

28Namni soba ragu haqatti balda;

afaan worra hammeeyyi'ii yakka liqimsa.

29Nama balduu adabbiin;

dudda gowwootaatii shabbeenni qophaayeera.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help