Kitaaba Faaru'uu 124 - Kitaaba Woyyuu

Rabbi Worra Ufii Hin EegaFaaruu Daawitii ka moote'ee;

1Worri Israa'elii akkana haa jedhuu, «Uduu Rabbi nu woliin jiraachuu baatee

silaa maal nuu woyya?»

2«Uduu Rabbi nu woliin jiraachuu baatee

hennaa diintonni teenna nu miidhan

3Hennaa lolli isaanii akka ibiddaa nu irratti bobaye,

silaa hennaa san uduma lubbu'uun jirru nu liqimsan ture;

4Lolaan nu fudhatee bisaan nu irra garagalee ture;

5Bisaan dhufellee silaa nuun lufa ture.»

6Rabbiin akka diinni keenna nu balleessu nutti hin dhiifne

haa galatoomu.

7Lubbuun teenna akka simbira,

siiboo dhadhooltu'uu jalaa,

milixxee baatuutitti milixxee baate;

siiboon hin ciccite, nullee jalaa baane.

8Nu gargaarsa kana

Rabbii ardi'ii fi samii uume irraa arganne.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help