Raajii Hisqeelii 13 - Kitaaba Woyyuu

Raaga Raattota Sobaa Irratti Raagame

1Dubbiin Rabbii ka gara kiyya dhufe akkana jedha,

2«Ilma namaa! raattota Israa'elii ka matama ufii keessaa fuudhanii raaga dubbatanitti raaga dubbadhu; kana caalaa dubbii Rabbii akka dhagayan isaanitti himi.»

3Wonti Rabbiin maraa olii jedhu Raattota gowwoota matama ufii keessaa burqisiisanii raaga dubbatanii fi uduu mudhata hin argine worra mudhata argine jedhan isaan hobbaas!

4Isin banii Israa'elii! raattonni teessan akka jeedallan hulee diiggame keessa jiraataniiti.

5Isin guyyaa lola Rabbii jala jabaattanii dhaabachuu akka dandeettan gara hulee diiggamee hin baane; yookaan kaloo Israa'elii deebiftanii hin ijaarre.

6Mudhanni isaanii soba; falfalli isaaniillee kijiba; uduu Rabbi isaan hin ergine ‹Rabbi akkana jedha› jedhan; kunillee ta'ee akka waan dubbiin isaanii raawwatamuutitti laalan.

7Hennaa waan ani hin dubbanne ‹Rabbi akkana jedha› jedha'aa dubbattan wonti isin argitan mudhata sobaatii fi falfala falfaltanii miti?»

8Kanaafuu Rabbiin maraa olii akkana jedha, «sobni dubbattanii fi mudhanni keessanillee mudhata kijibaa waan ta'eef ani isinitti ka'a; ka waan kana dubbate ana Rabbii maraa oliiti.

9Ani raattota mudhata arganii fi raattota falfalan irratti harka kiyya diriirsa; isaan gumii banii kiyyaa keessatti hin argaman; siri'ii isaan galmee banii Israa'elii keessatti hin galmaayan; isaan lafa Israa'elii keessa sirima hin seenan; hennaa san isin akka ani Rabbii maraa olii ta'e beettan.

10Raattonni kunniin worra hin amanamne ta'aniiran; uduu nageenni hin jirre ‹nagayatu jira› jedha'aa banii kiyya dogoggorsan; yoo baniin kaloo ijaaru isaan hallu'uu uwwiftan; hojjattoota dhaaba manaa ka jigu'uuf daaqe hallu'uun uwwisanii haarawoomsan;Erm. 6:14; 8:11

11Kanaafuu worra hallu'uun uwwisanitti akka kaloon jigu himi; dirsa'atu bu'a; dhagaa barada'aa guddaa gad dhiisa; haboonbolatti'itu kaasa.

12Hennaa kaloon diiggame baniin «halluun garam deeme? jedhanii isaan hin gaafatanii?»

13Kanaafuu Rabbiin maraa olii akkana jedha, «Balaa kiyyaan haboonbolattii gad dhiisa; lola kiyyaan dhagaa barada'aa erga; sirima badii guddaa woliin gad bu'a.

14Haga bu'uurri manaa buqqa'ee lafaan wol qixxaayutti kaloo isin hallu'uun uwwiftan diigee balleessa; hennaa kaloon jigu isinillee achuma keessa baddan; hennaa san isin akka ani Rabbiin ta'e beettan.

15«Ani kalo'oo fi worra kaloo hallu'uun uwwisan irratti balaa kiyya guddaa buusa; achiin maayessa kaloonii fi worri kaloo hallu'uun uwwisan hin jiraatan isiniin jedha;

16Isaan raattota Israa'elii waan Yerusaalemiitiif uduu nageenni hin jirre nagayatu jira jedha'aa mudhata arga'aa raaga dubbatan; waan kana ka dubbate ana Rabbii maraa oliiti.

Raaga Dubartoota Raaga Sobaa Raaganitti Raagame

17Rabbi akkana jedhe, «Ilma namaa! ammallee dubartoota yaaduma ufii keessaa burqiisisanii banii keessatti raaga dubbatanitti xiinxallii raaga dubbadhu.

18Rabbiin maraa olii akkana jedha jedhii isaanitti dubbadhu; dubartoota irree ufii irratti qudhaama qudhaamatan, dubartoota jireenna namaa balleessu'uuf guftaa gara garaa dhedheeraa qopheeffatanii hobbaas! isin banii kiyya keessaa namoota qabdanii lubbu'uun jiraattanii?

19Isin garbuu cum'oo tokkootii fi buddeena kutaa diqqoo argatu'uuf jettanii banii kiyya ka soba dhagayutti soba dubbata'aa, worra du'uun isaan hin barbaachifne ajjeesa'aa, worra jiraachuu hin barbaachifne akka jiraatan godha'aa banii kiyya keessatti akka maqaan kiyya arrabamu gootaniirtan.»

20Kanaafuu Rabbiin maraa olii akkana jedha, «Qudhaama isin banii ittiin balleessitan hin jibba; qudhaama harka keessan irra jiru kukkutee lubbuu isin akka simbirraniititti qabdan bilisa baasa.

21Haguugguu keessan biinxee banii kiyya harka keessan keessaa baasa; lammata isaan isin harkatti hin kufan; isinillee akka ani Rabbiin ta'e beettan.

22Isin worra balchaa ani hin gaddisiifne sobaan waan gaddisiiftaniif; cubbamaan karaa ufii ka cubbu'uu irraa deebi'ee lubbuu ufii akka hin oolfanne cubbuu isaatiin waan isa jajjabeessitaniif;

23Kanaafuu isin ammaa achi mudhata sobaa hin argitan; hujii falfalaallee hin hojjattan; banii kiyya harka keessan keessaa hambisa; hennaa san akka ani Rabbiin ta'e beettan.»

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help