Seera Uumamaa 3 - Kitaaba Woyyuu

Namni Ajajamuu Dide

1Bofni bineensa Rabbi Waandhi lafa irratti uume maraa caalaa hamaa ture; kanaafuu inni dubartitti'iin, «Dhugamaan Rabbi daraaraa muka hulee biqiltu'uu kana keessa jiran maraa hin nyaatinaa'a isiniin jedheeraa?» Jedhee isii gaafate.

8Isaan hennaa galgalaaye Rabbi Waandhi hulee biqiltu'uu keessa uduu deemu laagaa isaa dhagayanii Aadamii fi haati manaa isaa Rabbii Waaqa afo'oo hulee biqiltu'uu keessatti jalaa dhokatan.

9Garuu Rabbi Waandhi Aadamiin waamee «Eessa jirta?» Jedhee isa gaafate.

10Innillee, «Hulee biqiltu'uu keessatti laagaa kee dhagayee waan qullaa jiruuf si sodaadhee dhokadhe» jedheen.

11Rabbillee, «Akka qullaa taate eentu sitti hime? dhugamaan daraaraa muka ani irraa hin nyaatin jedhee si ajaje irraa fuutee nyaattee?» jedheen.

12Aadamillee «Intala ati akka na woliin jiraattuuf naa kennitetu daraaraa mukaa san irraa fuutee naa kennitee nyaadhe» jedhe.

13Rabbi Waandhi dubartitti'iin «Wonti ati goote kun maali'i?» Jedhee isii gaafate; isiinillee, «Bofatu na sobee nyaadhe» jette. Murtii Rabbii

14Kanaan maayessa Rabbi Waandhi bofaan,

«Ati waan kana gooteef busaawa'aa fi bineensota maraa irraa adda baatee abaaramaa taata;

adha irraa jalqabii gara'aan lafa irra looyi;

bara jiraattu maraa biyyee nyaatta;

15Si'ii fi dubartii tana jidduu, fiixaa keetii fi fiixaa isi'ii jidduu diina akka ta'an godha.

Inni mataa kee mushurussa;

atillee koomee isaa iddita» jedheen.

16Dubartitti'iinillee,

«Hennaa ulfoofte rakkinna sitti guddisa;

hennaa deettullee ciniinsuu sitti jabeessa;

hawwiin kee gara abbaa manaa keetii ta'a;

inni si bulcha» jedheen.

17Aadamiinillee,

«Ati jecha haadha manaa teetii dhageettee

daraaraa mukaa ka ani ‹Hin nyaatin› jedhee si ajaje fuutee

waan nyaatteef;

sababaa keetiif ardiin ta abaaramte haa taatu;

ati bara jireenna keetii maraa isii irratti

hojjattee dadhabbi'iin nyaatta.

18Ardiin qore'ee fi ashookallaa baafti;

atillee waan lafaa biqile nyaatta.

19Haga gaafa biyyee irraa uumamteetitti deebitutti,

hojjattee fuuruu keetiin nyaatta;

biyyee waan taateef

gara biyye'ee deebita» jedheen.

20Aadam haati manaa isaa waan uumama lubbuu qabu maraaf haadha taateef «Hawwaa» jedhee maqaa itti baase.

21Rabbi Waandhi Aadamii fi Hawwaa gogaa irraa uffata hojjatee isaanitti uwwwise.

Aadamii Fi Hawwaan Jeennata Keessaa Ari'aman

22Rabbi Waandhi, «Aadam waan hama'aa fi waan mishaa gara gara baasee beeku'uun kunoo akkuma keenna ta'e; ammallee deebi'ee harka ufii hiixatee daraaraa muka jireennaa san irraa fudhatee akka hin nyaanne; baraa haga bara baraallee akka hin jiraanne» jedhe.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help