Seera Leewwotaa 11 - Kitaaba Woyyuu

Gosa Busaawaa Nyaatanii(Kes. Deb. 14:3-21)

1Rabbi Muuse'ee fi Aarooniin akkana jedhe,

2«Ijoollee Israa'eliitiin akkana jedhaa'a; busaawaa lafaa irraa maraa keessaa wonti nyaattan kaniin;

3Busaawaa kottee baqaqa'aatii fi ka alala dhayan maraa nyaadhaa'a;

4garuu waan alala dhayu ka kottee baqaqa'aa keessaa kanniin hin nyaatinaa'a. Gaalli alala dhaya; garuu kotteen isaa duudaa waan ta'eef isin biratti batti'i.

5Osoleen alala dhoofti; garuu kotteen isi'ii duudaa waan ta'eef isin biratti battii haa ta'uu.

6Hilleettiin alala dhoofti; garuu kotteen isi'ii duudaa waan ta'eef isin biratti akka batti'ii haa taatuu.

7Booyyeen kotteen isaa baqaqa'a; garuu waan alala hin dhoofneef isin biratti akka batti'ii haa ta'uu.

8Foon busaawaa kanniinii hin nyaatinaa'a; raqa isaaniillee hin tuqinaa'a; kunniin isin biratti batti'i.

9«Waan bisaan keessa jiraatan maraa keessaa waan garbaa fi galaana keessa jiraatan maraa keessaa waan koolaa fi qonyonyaan qabu nyaadhaa'a; garuu kanniinii olitti

10Waan bisaanii fi galaana keessa sosocho'u, waan lubbuu qabu maraa ka koolaa fi qonyonyaan hin qabne maraa hin nyaatinaa'a; waan battii ta'aniif.

11Kunniin isin biratti balfamaa waan ta'eef foon isaanii hin nyaatinaa'a; raqa isaaniituu hin tuqinaa'a.

12Wonti koolaa fi qonyonyaan hin qabne ka bisaan keessaa maruu isin biratti balfama'a.

13«Gosa allaatti'ii keessaa wonti isin biratti balfama'aa ka isin hin nyaanne kanniin; bajja, risaa, abbaa mokkee,

14cuungulullee,

15Harraagessa akkuma gosa isaatiin,

16Guchii, Ebeeroo yookaan daakkiyyee, rumicha,

17-18Urunguu, Huummoo, laakkama, simbira bisaanii,

19Kerkeerii, Anshokora, cuquliisa akka gosa isaatiin, guutulee, raaree, yookaan simbira halkanii fa'a.

20«Wonti bararuu fi ka luka afuriin deemu maruu akkuma gosa isaaniitiin isin biratti batti'i;

21garuu worra bararan, worra luka afur qaban, worra luka cabsatanii lafa irra utaalan, kanniin nyaadhaa'a;

22kanniin keessaa awwaannisa, korophiisa, farda waaqaa, akkuma gosa isaaniitiin.

23Garuu wonti bararu, ka luka afur qabu ka sosocho'u maruu battaaya'a.

24«Kunniin isin batteessa; namni raqa waan kanniinii tuqu maruu haga aduun dhiitutti batti'i;

25Isaan keessaa namni raqa isaanii ol fuudhe maruu uffata ufii haa miicatuu; waan haga aduun dhiituu battii ta'eef;

26horiin kotteen isaa baqaqa'aa garuu ka guutu guutu'utti hin baqandhe, ka alala hin dhoofne isaan maruu isin biratti balfama'a; ka isaan tuqu maruu battaaya'a;

27Busaawaa luka afuriin deemu maraa keessaa ka gana'aan deemu isinii batti'i; namni raqa isaanii tuqu maruu haga galgalaa batti'i;

28namni raqa isaanii fuudhu maruu uffata ufii haa miicatuu; waan isin biratti battii ta'aniif.

29«Wonti ardii irra loowuu fi munyuuqu kunniin tuqaa, hantuuta, lootuu akkaatama gosa isaaniitiin,

30qocaa, naacha, qarchoo, wokkallee, gaararraa,

31wonti lafa irra sosocho'an maruu ka isin biratti batti'ii kanniin; ka raqa kana tuqu maruu haga galgalaatitti batti'i.

32Randhi bineensota kanniinii waan kamuu yoo tuqe, wonti tuqame sun batti'i; meeshaa mukaa uffata, erbeen qaraciiti'ii fi meeshaan itti hojjatan maruu yoo raqa kanniiniin tuqame bisaan keessa haa kaayamuu; waan haga galgalaa battii ta'eef; achiin maayessa hin qulqullaaya.

33Waan battii san keessaa tokko meeshaa faaraa keessa yoo bu'e, meeshaa sanniin maraa cabsaa'a; wonti isa keessa jiru batti'i;

34Bisaan achi keessaa sunillee waan nyaatan marattuu yoo jige, nyaata nyaattamuu fi bisaan dhugan irrattillee yoo jige, maraa hin batteessa; ka achi keessaa dhugu maruu hin battaaya.

35Wonti randhi sun irra bu'e maruu huleen ibiddaa haa diiggamuu, sunsumnillee haa caccabuu; battii waan ta'eef; isin birattillee battii waan ta'eef.

36Garuu burqaan, boolli bisaaniitii fi haroon qulqullu'u; bisaan randhi sun tuqe ammo batti'i.

37Randhi sun sanyii facaafamu yoo tuqe, sanyiin sun qulqullu'u.

38Garuu sanyiin sun haga bisaan tuqeen maayessa yoo randhi tuqe sanyiin sun batti'i.

39«Horii nyaattamu keessaa namni ka ufiin du'e tuqe maruu haga galgalaa batti'i.

40Namni raqa horii sanii nyaate, uffata ufii haa miicatuu, inni haga galgalaa batti'i; ka raqa san ol fuudhellee uffata ufii haa miicatuu haga galgalaa batti'i.

41«Waan lafa irra sosocho'u maraa battii waan ta'aniif hin nyaatinaa'a.

42Ka gara'aan lafa irra looyan, ka luka arfaniin shunquuqu, ka luka heddu qabu, wonti lafa irra socho'an maruu battii waan ta'aniif hin nyaatinaa'a.

43Waan lafa irra munyuuqan maraan nafa keessan hin batteessinaa'a. Isaaniin akka hin battoofne, nafa keessaniin isaan irraa uf eegaa'a;

44Ani Rabbi Waandhi keessan woyyuu waan ta'eef isinillee nafa keessan woyyoomsaa'a, woyyoota ta'aa'a; ani woyyuu waan ta'eef waan lafa irra loowu'uun sosocho'u maraan nafa keessan hin batteessinaa'a.Ser. Lew. 19:2; Phex. 1ffaa 1:16

45Ani Rabbiin isinii ta'u'uuf biyya Misiriitii isin baase; kanaaf ani woyyuu waan ta'eef isinillee woyyoota ta'aa'a.

46Seerri bineensotaa, allaattii, uumama bisaan keessaa, uumama lafa irra socho'uu kana;

47kun waan lubbuu qaban ka batti'ii fi battii hin taane, ka nyaattanii fi ka hin nyaanne akka addaan baafattaniif.»

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help