Seera Bayu'uu 27 - Kitaaba Woyyuu

Akkaataa Hulee Ciinca'aa Itti Hojjatan(Ser. Ba'u. 38:1-7)

1«Hulee ciinca'aa ka dheerinni isaa ciqilee shanii, dalgillee ciqilee shanii muka ajo'oo irraa hojjadhu; inni ka roga afurii qabu haa ta'uu; hojjaan isaa ciqilee sadihii haa ta'uu.

2Roga arfanittuu gaafa godhiif; gaafni sunniinillee ka isaan wolitti hojjatame haa ta'uu; sibiila diima'aan uwwisi.

3Xuwweewwan daaraa ibiddaa itti buusan, ka ibidda ittiin qabsiisan, kereewwan, qadhabaawwan, girgiraawwan ibidda itti bobeessanillee hojjadhu; meeshaa sanniin maraa sibiila diimaa irraa hojjadhu.

4Sibiila akka gingilcha'aatitti hojjatameen kali; kaloo saniif roga arfaniifuu qaalofni isaa arfanuu ka sibiila diimaa irraa hojjatame haa ta'uu.

5Kaloon sun haga hulee ciinca'aa wodhakka'aan bawutti qacce'ee gadi godhi;

6hulee ciinca'aatiif loosaa muka ajo'oo irraa hojjadhuutii sibiila diima'aan uwwisi.

7Loosaa qaalawwan keessa naqi; hennaa waan ciincaa irratti dhiyeessan baadhattan, loosaan sunniin gama lamaaniinuu haa bawuu.

8Akkuma fakkeenna gaara irratti sitti mudhiseetitti hulee ciinca'aa cufanaa irraa hojjadhu; keessi isaa akkasuma duwwaa haa ta'uu.

Daangaa Raasaa Itti Gad Bayan Ka Daase'ee(Ser. Ba'u. 38:9-20)

9«Hulee bulti'ii afoo ka raasaa itti gad bayanii gara bita'aatiin golgaa waan mishaa irraa hojjatame godhiif; dheerinni gama tokkoo ciqilee dhibbaa haa ta'uu.

10Utubaawwan diddamaatii fi miila diddamaa ka sibiila diimaa irraa hojjataman godhiif; huleen itti fannisanii fi soomayyuun isaa ka birrii irraa hojjatame haa ta'uu.

11Akkasuma gara mirgaatiinillee golgaa dheerinni isaa ciqilee dhibbaa ta'e, utubaawwan diddamaa ka sibiila diimaa irraa hojjatamee fi miila diddamaa godhiif; utubaawwan sanniinitti fannoo birri'iitii fi soomayyuu hojjadhuuf; luka diddamaa godhiif;

12Golgaan hulee itti gad bayanii ciqilee shantamaa, utubaawwan kudhaniitii fi miila kudhanii haa qabaatanii.

13Gara bariisa'aatiin badhinni hulee itti gad bayanii ciqilee shantamaa haa ta'uu.

14Gama tokkoon dheerinni golgaa ciqilee kudha shan haa ta'uu; utubaanii fi miilli sadihi sadihi haa ta'u.

15Gama kaaniinillee dheerinni golgaa ciqilee kudha shan haa ta'uu; utubaanii fi miilli sadihi sadihi haa ta'uu.

16Golgaa hulee itti gad bayanii afo'oo carqii bulee akka Sami'ii, diimaa dhiilgee, uffata mishaa jirbii irraa hojjatamee fi ka jirbiin carqi'ii irratti saamsame ciqilee diddamaa haa ta'uu; utubaawwan isaa afur, miilli isaallee afur haa ta'uu.

17Utubaawwan naannaya hulee itti gad bayanii jiran maraa soomayyuu birri'ii itti godhi; makkallaawwan birrii irraa, miila isaanii sibiila diimaa irraa hojjadhu.

18Dheerinni hulee itti gad bayanii ciqilee dhibbaa, badhinni ciqilee shantamaa haa ta'uu; ol dheerinni golgaa ciqilee shan, golgaanillee uffata mishaa jirbii irraa hojjatamee fi miilli isaa ka sibiila diimaa irraa hojjatame haa ta'uu.

19Meeshaan tajaajilaa ka hulee bulti'ii maruu, xiribbaawwan hulee itti gad bayan dhaabaniin maruu ka sibiila diima'aa haa ta'uu.

Uf Eeggannoo Ibsa'aaf Taasifamu(Ser. Lew. 24:1-4)

20Ati hennaa maraa akka isaan ibsaa ibsan sayitii ejersaa ka dhimbiibame ijoolleen Israa'elii akka sii fidan ajaji.

21Aaroonii fi ijoolleen isaa galgalaa haga ganamaa daasee itti wol gayan keessatti golgaa saanduundhi waada'aa taa'uun alatti Rabbiin afo'otti akka ifu haa qopheessanii; seerri kun Israa'elii fi ijoollee ijoollee isaaniitii seera bara baraa haa ta'uu.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help