1Bara Faaquheen ilmi Roomeeliyuu Israa'eliin irratti mooye woggaa kudha torbeesso'ootitti ilmi Iyyoo'aataamii Aka'aaz mootii Yihuuda'aa ta'e.
2Hennaa mooyu umuriin isaa woggaa diddama ture; inni teessoo ufii Yerusaalemiin godhatee woggaa kudha jahaa Yihuudaa bulche; inni Rabbiin afo'otti akka abbaa ufii Daawitii waan mishaa hin goone.
3Karaa hamaa mootonni Israa'elii irra deeman faana deeme; ilma ufiillee uduu hin hambifne waaqolee tolfama'aaf ciincaa godhee dhiyeesse; hennaan inni waan kana godhe hennaa worri Israa'elii gara biyya waadaa isaanii galameetitti galu'uuf uduu deema'aaran orma Rabbi biyya san keessaa buqqisee balleesse hamaa isaan hojjatan san hojjateeti.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.