Gara Ximootewoosii 1ffaa 4 - Kitaaba Woyyuu

Barsiisota Sobaa

1 Tas. 2ffaa 2:9-10; Xim. 2ffaa 3:1; Phex. 2ffaa 3:3; Yoh. 1ffaa 2:18; Yihu. 18 Baroota dhumaa keessatti gari gariin amantii gananii akka hafuurran sobaatii fi barumsa jinni'ii duukaa deeman Ayyaanni Woyyuun addaata'atti dubbata;

2Barumsi akkanaa kun worra sammuun isaanii akka sibiila ibiddaan diimatee gubameetitti hadoode, worra uf tuultotaatii fi sobdoota irraa dhufa.

3Ser. Uma. 9:3; Qor. 1ffaa 7:28,36,38; 10:30-31; Qol. 2:16,20-23; Yoh. 2ffaa 1 Worri sobu kun akka namni wol hin fuune dhooggan; worri amananii dhugaa beekan galata woliin akka fudhatanii hin nyaanne, nyaata Rabbi isaanii uume irraa akka fagaatan godhan.

4Ser. Uma. 1:31; Hu. Er. 10:15 Wonti Rabbi uume martinuu mishaa waan ta'eef galata woliin yoo fudhatan wonti gatamu hin jiru.

5Dubbii Rabbiitii fi faate'een ka woyyoome waan ta'eef.

Hojjataa Mishaa Yesuus Kiristoosii Ta'uu'u

6 Xim. 2ffaa 2:15; 3:15 Kanaafuu obboleeyyan uduu yaadachiiftee amanti'ii fi dubbii barumsa mishaa hordofteen yoo dubbii barsiifte, tajaajilaa mishaa Yesuus Kiristoosii taata.

71:4; 6:20; Xim. 2ffaa 2:16,23; Tit. 1:14; 3:9 Haa ta'uu ammo tapha xuraayaa adunyaa tanaatii fi oduu dubartoota jaartee irraa fagaadhu; bikka san jireenna Rabbitti tolu jiraachu'uuf tattaaffadhu.

86:6; Mat. 6:33; Far. 37:4 Nafa jabeessu'uuf uf leenjisuun bu'aa diqqoo qaba. Jiruu Rabbi fedhu jiraatu'uuf uf leenjisuun ammo jiruu ammaatii fi ta dhuftuttillee abdii waan qabduuf gara maraanuu bu'aa qaba.

9Dubbiin kun amanama'a; namni martuu fudhatuu barbaachisa.

10Nu'u Waaqa jiraataa fayyisaa nama maraa ta'e; keessumattuu ka worra amananiititti waan abdannuuf, hin dadhabna, hin arabamnalle'e.

11-12 Qor. 1ffaa 16:11; Tit. 2:15; Xim. 2ffaa 2:22 Kanniin ajaji; barsiisille'e; worra dubbii jireennaa jaalalaa fi amanti'iin, qulqullumma'aan amanan maraafuu fakkeenna ta'i malee ijoollummaa keetiif eennullee si hin tuffatin.

13Haga ani dhufuuf dubbisuu, gorsu'uu fi barsiisuu irratti jabaadhu.

141:18; 5:22; Xim. 2ffaa 1:6; Hu. Er. 6:6; 8:17-18 Kennaa hennaa manguddoonni harka si irra kaayanii sii kadhatan sii kenname, raaga sii dubbatamee fi kennaa badhaadhaa ka si keessa jirutti lash hin jedhin.

15Guddinni kee waan maraanuu akka mudhatu yaadi; waan kanniinitti hennaa maraa jabaadhu.

16Hu. Er. 20:28; Rom. 11:14 Waan keetii fi barumsa kee midhaassii qabi; kanniin irrattillee jabaadhu kana yoo goote ufii fi worra si dhagayanillee hin oolchita.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help