Dubbii Nagayaa Ka Maatewoosii 17 - Kitaaba Woyyuu

Bifti Yesuusii Jijjiirame(Mar. 9:2-13; Luq. 9:28-36)

1 26:37; Mar. 5:37; 13:3 Guyyaa jahaan maayessa Yesuus Pheexroosiin, Yaaqoobii fi obboleessa Yaaqoobii Yohaannisiin hojja isaanii qabatee gara gaara dheera'aatitti ol isaan baase.

2Phex. 2ffaa 1:16-18 Innillee isaan afo'otti jijjiirame; fuulli isaa akka adu'uu ife; uffanni isaa adii weeccaa ta'e.

3Hennama san dimmaa Muuseenii fi Eeliyaas Yesuusiin woliin uduu dubbatan argan.

4Achiin maayessa Pheexroos deebisee Yesuusiin akkana jedhe, «Gooftaa kiyya! as jiraachuun nuuf misha'a; yoo fedha kee ta'e asitti daasee sadihii tokko si'iif, tokko Muuse'eef, tokko ammo Eeliyaasiif haa ijaarruu» jedheen.

5Mat. 3:17; 12:18; Mar. 1:11; Luq. 3:22 Uduma inni kana dubbata'aaru, duumessi ifaa isaan golge. Duumessa san keessaan laagaan, «Ilmi kiyya ka ani itti gammaduu fi jaaladhu kanaa isa dhagayaa'a» jedhu dhufe.

6Darasoonni isaa guddisanii waan sodaatanii turaniif kana dhagayanii nayanii isa afo'otti gad kufan.

7Yesuus gara isaanii dhiyaatee harkaan isaan tuttuqee, «Ka'aa; jabaadhaa'a; hin sodaatinaa'a!» isaaniin jedhe.

8Isaanillee ol jedhanii yoo laalan Yesuusiin malee nama tokkollee hin argine.

9Hennaa gaaraa gad bu'an Yesuus, «Ilmi namaa haga du'aa ka'utti waan argitan kana eennuttillee hin himinaa» jedhee isaan seere.

10Mil. 4:5-6 Darasoonni isaa, «Eegasuu barsiisoonni Seera Muuse'ee duraan dursee Eeliyaas dhufuu barbaarchisa maaf jedhan ree?» jedhanii isa gaafatan.

11Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe, «Eeliyaas waan maraa hule'etti deebisu'uuf firrisee dhufa.

1211:14; 14:9,10 Ani ammo akkana isiniin jedha; Eeliyaas duraanuu dhufeera; namoonni isa hin beenne, akkuma fedha isaanii isa godhan. Maarre Ilmi Namaallee harka isaaniititti hin rakkata» isaaniin jedhe.

13Luq. 1:17 Hennaa san darasoonni akka Yesuus waan Yohaannisii cuupha'aa isaanitti hime qaabatan.

14Gara gumi'ii hennaa deebi'an namichi tokko dhufee, Yesuusiin afo'otti jilbiiffatee,

15«Gooftaa'a, mucaa kiyya naa fayyisi; inni dhukkuba gaggabdo'oo waan qabuuf guddisee rakkata'aara; hennaa hedduu ibiddaa fi bisaan keessatti kufa.

16Ani gara darasoota keetii isa fide, isaan ammo isa fayyisuu hin dandeenne» jedheen.

17Yesuus deebisee, «Isin dhaloota daba'aa fi worra hin amanne nana! Haga yoomii isin woliin jiraadha? Haga yoomii isinii obsa? mucaa gara kiyya fidaa'a!» jedhe.

18Yesuus jinnii san teedeffatee mucaa keessaa baase; mucaan hennama san irraa jalqabee fayye.

19Achiin maayessa darasoonni isaa hojja ufii gara Yesuusii dhufanii, «Nu maaf jinnii baasuu dadhabne?» jedhaniin.

2021:21; Mar. 11:23; Luq. 17:6; Qor. 1ffaa 13:2 Yesuusillee akkana jedhee isaanii deebise, «Sababaa amantiin keessan diqqaateef malee ani dhugamaan isiniin jedhaa, uduu amantii diqqoo haga gumaa heexo'oo qabaattanii gaara kanaan, ‹Asii ka'ii achi deemi!› yoo jettan inni hin deema; Wonti isiniif hin danda'amne hin jiru.

21Jinniin akkanaa kun kadha'aa fi soomaan malee hin bayu» isaaniin jedhe.

Yesuus Ammallee Waan Du'aa Fi Du'aa Ka'uu Ufii Dubbate(Mar. 9:30-32; Luq. 9:43-45)

22Hennaa Galiilaa keessa deddeebi'an Yesuus, «Ilmi Namaa harka namootaatitti dabarfamee kennama,

23isaanillee isa ajjeesan; guyyaa Sadeesso'oo du'aa hin ka'a» isaaniin jedhe. Darasoonni guddisanii gaddan.

Waan Kaffaltii Gibira Mana Woyyu'uu

24 Ser. Ba'u. 30:13; 38:26 Yesuusii fi darasoonni isaa hennaa Qifirnaahoomiin gayan worri gibira mana woyyu'uu guuran gara Pheexroosii dhufanii, «Barsiisaan keessan gibira mana woyyu'uu hin kaffaluu?» jedhaniin.

25Pheexroos, «Ee, hin kaffala» isaaniin jedhe. Pheexroos gara manaa dhufee uduu isatti hin dubbanne Yesuus dursee, «Simoon, maal sitti fakkaata? Mootonni biyya lafaa qaraxa yookaan gibira eennuun irraa guuran? Nama biyya ufii irraa moo nama biyya biraa irraa guuran?» jedhee isa gaafate.

26Pheexroos deebisee, «Nama biyya biraa irraa guuran» jedheen.

Yesuus deebisee, «Namni biyya isaanii bilisa ta'a kaa!

27Rom. 14:13; Qor. 1ffaa 8:9,13 Haa ta'uu ammo akka isaanitti gufuu hin taane, gara galaanaa deemiitii siiboo gara galaanaa darbi qurxummii dura qabde afaan isi'ii hennaa bante meetii keessatti argitaa; meetii san fuudhii Naa fi ufiillee kaffali!» jedheen.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help