Gara Worra Galaatiya'aa 5 - Kitaaba Woyyuu

Wolabummaa Kiristoosiin Argamu

1Wolabumma'aan akka jiraannuuf Kiristoos wolaba nu baase. Eegasuu jabaadha'aa dhaabadhaa'a! Deebitanii qambara garbumma'aatiin hin qabaminaa'a!

2 2:21; Hu. Er. 15:1 Eeganaa ani Phaawuloos akkana isiniin jedha; yoo gadoomtan Kiristoos womaa isin hin fayyadu.

3Seera maraa akka raawwatu dirqamni irra jira jedhee worra gadooman maraa tokko tokko isaaniitittillee akkasuma ragaa baya.

4Worri Seeraan qajeellota ta'uu barbaaddan Kiristoosiin irraa fooyamtanii badhaadha Rabbii irraa kuftaniirtan.

5Rom. 5:1; 8:25 Nu Ayyaana amanti'iitiin abdii wolabumma'aa waan eeggannuuf.

66:15; 3:28; Rom. 2:26; Qor. 1ffaa 7:19; 13:2 Jaalala amantii Yesuus Kiristoosiin ta'e hujuu malee, gadoomuun yookaan gadoomuu dhabuun waan hin fayyanneef.

7Isin akka mishaa fiiga'aa turtan; garuu dhuga'aaf akka hin ajajamne eentu isin dhoogge?

8Sossobbiin akkanaa kun ka isin waame irraa miti.

9Qor. 1ffaa 5:6 Raacitiin diqqoon dukkuussii maraa hin bukeessa.

10Waan adda ta'e horoma akka hin yaanne, ani Gooftaa waan keessaniif hedadheera; eennullee ka isin raasu yoo jiraate murtee ufii argata.

116:12,14; Qor. 1ffaa 1:23 Haa ta'uu ammo, obboleeyyan tiyya! haga ammaa ani uduu waan gadoomu'uu himee silaa haga ammaa maaf na ari'an? Eeganaa gufuun fannoo Kiristoosiitiin kara'aa dhooggameera.

12Worri isin jaanjursan sunniin gadoomuu callaa uduu hin ta'in, uf irraallee haa muranii.

13 Qor. 1ffaa 8:9; Phex. 1ffaa 2:16; Phex. 2ffaa 2:19 Obboleeyyan tiyya! Isin wolabumma'aaf waamamtaniirtan; ammoo wolabumnaan keessan foonii akka sababaa hin kennine. Haa ta'uu ammo isin akka garbootaa wolii ta'aa'a.

14Ser. Lew. 19:18; Rom. 13:8-10; Mat. 22:37-40 Seerri maruu dubbii tokkoon waan raawwatamuuf innillee, «Goshoo kee akka uf jaalattutti jaaladhu!» ka jedhu.

15Haa ta'uu ammo isin uduu wol ciniintanii fi wol nyaattan akka wol hin balleessine uf eegaa'a!

Hujii Ayyaanaatii Fi Hujii Foonii

16 5:25; Rom. 7:6; 8:4-5; Phex. 1ffaa 2:11 Haa ta'uu ammo akkana jedha; Ayyaana Woyyu'uun jiraadhaa'a; hawwii foonii sirima hin raawwatinaa'a.

17Rom. 7:15-23; 8:6 Fedhiin foonii fedhii Ayyaanaatiin waan wol faalleessuuf kunniin lamaan waan wol mormaniif kanaafuu waan jaalattan godhuu hin dandeettan.

18Rom. 8:14; 6:14 Yoo Ayyaana Woyyu'uun masakkamtan ammo, Seeraa gad hin jiraattan.

19 Qor. 1ffaa 6:9-10; Qol. 3:5 Hujiin foonii addaata'a; innillee seebaruu, battaa'ummaa, wol hoossuu,

20Mudh. Yoh. 21:8; Qor. 2ffaa 12:20; Qor. 1ffaa 11:19waaqa tolfamaa waaqeffatuu, falfaluu'u, diinummaa, wol mormii, hinaaffaa, loluu'u, uf jaalachuu'u, wol fooyuu'u,

21Rom. 13:13; Efe. 5:3,5; Qor. 1ffaa 6:9-10; Qol. 3:5-6; Mudh. Yoh. 22:15 gumbisuu'u, machii, jireenna adaba hin qabnee fi ka kanniin fakkaatu; akkuma kanaan dura isinitti hime, worri waan kana godhan horoma jeennata hin galan.

22 Efe. 5:9 Daraaraan Ayyaanaa ammo jaalala, gammachuu, nagaya, obsa, arjummaa, mishooma,

23Xim. 1ffaa 1:9 amantii, gara laafumma'aa fi uf qabu'u; seerri waan akkanaa kanniin dhooggu hin jiru.

242:19; Rom. 6:6; 8:9 Worri ka Yesuus Kiristoosii ta'an, hawwii hamaa foon isaanii woliin fannisaniiran.

255:16; Rom. 8:4-5 Yoo Ayyaana Woyyuu keessa jiraanne, Ayyaanuma kanaan haa jiraannuu.

26Filph. 2:3 Ufii wolitti kakka'aa, hinaaffaa duwwa'aan akka uf hin janye.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help