1Bara Akaaz ilmi Iyyoo'aataamii akaakayyichi Ooziya'aa Yihuudaa irratti mooye Resiin mootii Sooriya'aa ture; Pheqaan ilmi Roomeeliyu'uu mootii Israa'elii ture; isaan lachuu lolaaf gara Yerusaalemii yaa'an; garuu mooyachuu hin dandeenne.
2Mana Daawitiitiif, «Sooriyaanii fi Efreem wolii galaniiran» oduu jedhu mootiin biyya Yihuuda'aa hennaa dhagaye, inninii fi baniin isaallee nayanii onneen isaanii akka muka bubbeen raafteetitti raafame.
3Rabbi Isaayyaasiin akkana jedhe «Atii fi ilmi kee Sha'aaryashuub Akaaziin wol gayu'uuf karaa gara maasaa namicha uffata miicuu fiduu gara qaccee haroo gubba'aa bayaa'a;
4akkana jedhiin «uf eegi; lash jedhi; hin sodaatin; worra akka muka ibidda keessatti gubatee aaruu ta'an kanniin Sooriya'aa fi Na'aasoon, lola ilma Roomeeliyu'uutiin hin shibbiraayin; onneen keellee hin dadhabin» jedha'aa isatti himaa'a.
5Sooriyaa, Efreemii fi ilmi Roomeeliyu'uu si balleessu'uuf akkana jedhanii dhara si irratti mari'atan,
6«Yihuudaa haa qabannuu; haa bittinneessinuu; isaan adda qoodannee haa bulchinuu; ilma Xabi'eelii irratti haa moosifnuu»
7Rabbiin maraa olii garuu akkana jedha,
«Mariin isaanii kun hin ta'u;
sirima hin ta'u;
8mataan Sooriya'aa Damaasqo'o,
mataan Damaasqo'oo Resiiniin waan ta'eef;
woggaa jahaatamii shanii keessatti
baniin Efreemii hin bittinnaaya;
banii ta'uun isaaniillee hin hafa.
9Mataan Efreemii Samaariya'a;
mataan Samaariya'aa ilma Roomeeliyu'uuti;
eeganaa yoo amantii keessanitti jabaattanii dhaabachuu baattan
sirima dhaabachuu hin dandeettan.»
10Rabbi ammallee Akaaziin akkana jedhe,
11«Ol samii irraa ta'ee'e gad lafa jalaa akka malkata sii kennu Rabbiin Waaqa kee kadhadhu.
12Akaaz garuu, «Malkata naa kenni jedhee hin kadhadhu; Rabbiin hin qoru» jedhe.
13Isaayyaasillee akkana jedhe, «Isin mana Daawitii, dhagayaa'a; obsa namaa qoruun keessan hanqatee, obsa Waaqa kiyyaa qortanii?
14Kanaafuu Gooftaan inninuu malkata isinii kenna; kunoo durbi duudaan hin ulfoofti; ilma dhiiraa deetti; maqaa isaallee Amaanu'eel jettee itti baafti.Mat. 1:23
15Inni umurii waan misha'aa fi waan hamaa addaan baafatu yoo gaye, dhadha'aa fi damma nyaata.
16Biyyiti mootota lamaanii ta ati uduu daa'imni waan misha'aa fi waan hamaa hin beekin sodaatte lafa onaa taati.
17Rabbi haga worri Yihuuda'aa worra Efreemii irraa fooyamee jalqabee rakkoo tanaan dura ta'ee hin beenne sitti, banii kee jiddu'utti, mana mootummaa abbeetiitittillee fida; kunillee mootii Asoorii sitti fida jechu'u.»
18Hennaa san Rabbi laggiin biyya Misirii ka fagoo jiruu tiisisa; ardii Asoorii irraallee kinniisa fiiqu'uun waama.
19Isaan maruu dhufanii dhooqa gammoojji'ii keessatti, holqa dhaga'aa keessatti, hulee qoreen itti baay'atee fi boolla bisaanii maraa keessatti quphatan.
20«Gaafas Rabbi mullaacii laga gamaa kireeffateen jechuun mootii Asooriitiin rifeensa mata'aatii fi ka miila keessanii, akkasuma areeda keessanillee haada.
21Bara san nama tokkoo raada takkaa fi hoolota lamatu hafaaf.
22Sababaa baay'inna aannan isaan kennaniitiif dhadhaa nyaatan; worri biyyaa ka hafan maruu dhadha'aa fi damma nyaatan.
23Bara san huleen woyinii kuma tokkoo itti dhaaban ka meetii kuma tokkotti bikkamu maruu qore'ee fi qummuuddu'utu itti marga.
24Qoreenii fi sokorruun waan lafa san dhossaniif buundhe'ee fi woraana qabatanii gara lafa sanii seenan.
25Qore'ee fi qummuudduu sodaachu'uun, gara tulloota tanaan dura qotto'oon qotanii turanii maraa ammaa achi hin deemtu; huleen sun garuu hulee horiinii fi hoolonni itti burraaqan ta'a.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.