Kitaaba Seena'aa ka 2ffaa 21 - Kitaaba Woyyuu

1Iyyoosaafixi du'ee qachaa Daawitii keessa hulee abboonni isaa itti awwaalamanitti awwaalame; bikka isaa ilma isaa Iyyooraamitu mooye.

Iyyooraam Mootii Biyya Yihuuda'aa(Mot. 2ffaa 8:17-24)

2Iyyooraam ilmi Iyyoosaafixii mootiin biyya Yihuuda'aa obboleewwan jaha qaba ture; isaanillee Azaariyaas, Yihi'eel, Zakkaariyaas, Azaariyaas, Mikaa'elii fi Safaaxiyaasiin fa'a; kunniin maruu ijoollee Iyyoosaafixii mootii biyya Yihuuda'aati.

3Abbaan isaanii ijoollee ufiitiif kennaa hedduu birri'ii fi worqii, mi'a gatiin isaa gudda'aatii fi qachoota biyya Yihuuda'aa keessatti ijaaramte isaanii kenne; baallii ufii garuu Iyyooraam ilma isaa ka hangafaa waan ta'eef Iyyooraamii kenne;

4Iyyooraam haga mootummaa ufii jabeeffate obboleewwan ufiitii fi abboota murti'ii ka biyya Israa'eliillee guraade'een fixe.

5Iyyooraam hennaa moowu nama woggaa soddomii lamaa ture; inni Yerusaalemiin keessa jiraata'aa woggaa saddeeti bulche.

6Inni dubartoota Aki'aabii keessaa intala takka fuudhee fakkeenna mootii Aki'aabiitii fi fakkeenna badaa mootota Israa'elii ka biraallee hordofee Rabbiin afo'otti cubbuu hojjate.

7Rabbi garuu mootummaa Daawitii balleessuu hin barbaanne; wonti kun ta'eef Rabbi waan armaan dura Daawitii waadaa galeef fiixaan Daawitiillee uduu adda hin cinne akka mooyan Rabbi waan abdii isaa kennee tureef.

8Bara Iyyooraam mootii ta'eeru keessa Eedoom biyya Yihuuda'aa diddee fottoxxee mootummaa ufii dhaabatte.Ser. Uma. 27:40

9Sababaa kanaaf Iyyooraam ajajoota loltoota ufiitii fi worra gaarii fardaa yaabbatanii lolan qabatee Eedoomitti duule; achitti loltoota Eedoomii marsanii dhayan.

10Mootichi Iyyooraam Rabbii Waaqa abboota ufii ka durii waan dhiiseef hennaa san irraa jalqabee Eedoom biyya Yihuuda'aa irraa gara gara baatee mootummaa ufii dhaabattee haga adhaatitti akka diinaatitti wol laalan; hennama san qachaan Libina'aallee biyya Yihuuda'aatitti kaate.

11Inni deebi'ee gaara Yihuuda'aa irratti hulee waandhi tolfamaan itti waaqeffamu hojjate; worra Yerusaalemiin keessa jiran akka achitti sagadan taasisee banii Yihuuda'aallee dogoggorse.

12Kanaan maayessa raattichi Eeliyaas xalayaa «Rabbi Waandhi Daawitii abbaa keetii, ‹Ati karaa abbaa keetii karaa Iyyoosaafixiitii fi karaa Aasaa mootii biyya Yihuuda'aatiin waan hin deemneef,

13ati garuu karaa mootota biyya Israa'eliitiin waan deemteef, akkuma mootiin Aki'aabi godhe worra Yihuuda'aatii fi worra biyya Yerusaalemii keessa jiraatan akka waaqa tolfamaa waaqeffatan taasiftee obboleewwan tee ta sirra woyyaa ta'an waan ajjeefteef,

14Rabbi banii keetii fi ijoollee tee, haawwota manaa teetii fi waan ati qabdu maraa balaa gudda'aan dhaya.

15Atillee dhukkuba guddaa madhumaaniitiin qabamtee haga madhumaan kee si keessaa bawuutitti dhibee badaa kanaan rakkatta› siin jedha» jedhee ergeef.

16Worra Itoophiya'aa ka galaana biratti quphatanii jiraatan bira worri Filisxeemiitii fi worri biyya Arabaa jiraata'aa turan; Rabbi isaan akka mooticha Iyyooraamiin lolan taasise.

17Isaanillee biyya Yihuuda'aatitti duulanii mana mootumma'aa maraa diiganii saaman; meeshaa mooti'ii ka mana mootumma'aa keessa jiru saamanii mucaa maandha'aa Akaazii ilma Iyyooraamii malee haawwota manaa mooti'iitii fi ijoollee maraa booji'an.

18Kanaan maayessa Rabbi dhibee inni hin fayyineen madhumaan isaa dhaye;

19dhibeen isaa haga wogga lamaa waan itti jabaata'aa deemeef madhumaan isaa keessaa bayee akka malee dhibamee du'e; baniin akka tanaan dura seera abboota ufiitiif godha'aa turan san ulfinna isaatiif ibidda hin bobeessine.

20Iyyooraam hennaa mootii ta'u nama woggaa soddomii lamaa ture; Yerusaalemiin keessa taa'ee woggaa saddeeti bulche; hennaa inni du'e eennullee hin gaddineef; qachaa Daawitii keessatti isa awwaalan malee awwaala moototaa biratti isa hin awwaalle.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help