Kitaaba Naahimiya'aa 9 - Kitaaba Woyyuu

Worri Israa'elii Cubbuu Ufii Himatan

1Ji'uma kana guyyaa diddamii arfeesso'ootitti ijoolleen Israa'elii wol gayanii soomaan uffata gaddaa uffatanii daaraa uf irratti firfirsan.

2Sanyiin Israa'elii sanyii gosa biraa irraa uf fooyanii dhaabatanii cubbuu ufiitii fi ka abboota ufiillee himatan.

3Namoonni maruu bakka ufii dhaabatanii kitaaba seeraa ka Rabbii Waaqa isaanii haga sa'aatii sadihii dubbisan; haga sa'aatii sadihii cubbuu ufii himata'aa Rabbii Waaqa ufiitii sagadan.

4Worri Leewwotaa Iyyaasuu, Baanii, Qadimi'eel, Sabaniyaa, Bunii, Sarraabiyaa, Baani'ii fi Kinaanillee waan irra dhaabatamu gubbaa dhaabatanii laagaa gudda'aan gara Rabbii Waaqa ufii iyyan.

5Worri Leewwotaa Iyyaasuu, Qadimi'eel, Baanii, Asabaaniyaa, Sarraabiyaa, Hoodiyaa, Sabaniya'aa fi Fattaayaan akkana jedhan. «Dhaabadha'aatii Rabbii Waaqa keenna ka bara baraa eebbisaa'a,

maqaan kee ka ulfinna, eebbaa fi galata maraa

irra ol ol jedhe haa eebbifamu! jedhaa'a» isaaniin jedhan.

Faatee Aagi'ii

6Kanniin maraan maayessa baniin Israa'elii,

«Sima calla'atu Rabbi;

Samii,

Samii Samii gubba'aatii fi

duula isaanii maraa,

lafaa fi waan lafa irra jiru maraa,

galaanaa fi waan galaana keessa jiru maraa uumteerta;

maraa jiraachifteerta,

duultonni Sami'ii maruu sii sagadan.

7Ati Rabbi Waaqa;

Abraamiin filattee

Uurii biyya Kaladaawotaa keessaa isa fiddee,

8maqaa isaa «Abrahaam» jetteen.

Garaan isaa si afo'otti amanamaa akka ta'e argitee

lafa Kana'aanii, Keexotaa, Amoorotaa,

Feerzotaa, Iyyaabusootaatii fi lafa worra Gergesenootaa

isaa fi fiixaa isaatii kennu'uuf waadaa galteef,

Ati waan qajeelaa taateef dubbii ufii dubbatte raawwatte.

9«Uduu isaan biyya Misirii keessa jiran

rakkinna abboota teennaa argite;

uduu galaana diimaa bira jiran iyyansa isaanii dhageette.

10Akka isaanitti uf jajan waan beetteef

Fari'oon, garboota isaa maraa fi

worra Yihuudii hin taane maraa irratti

baasaa fi maalalee mudhiftee,

akkuma adha argine kana maqaa kee waamsifte.

11Isaan afo'otti galaana addaan qooddee,

galaana jidduu lafa gogaa irra ceeyan,

Diintota isaanii garuu

akkuma dhagaa galaana xiillaa keessatti

gad darbaniititti galaana xiillaa keessatti isaan darbite.

12Karaa isaan deeman isaanii ibsu'uuf guyyaa utubaa duumessaatiin,

halkanillee utubaa ibiddaatiin isaan masakkite.

13Samii irraa gaara Siina'aatitti buutee,

banii keetitti dubbatte,

Murtii qajeelaa, seera michuu dhuga'aa,

ajaja fi seera isaanii kennite.

14Sambata tee woyyittiillee isaan beessifte,

Seera keetii fi ajaja kee karaa

garbicha kee Muuse'eetiin isaan ajajje.

15«Beela isaaniitiif Sami'ii nyaata isaanii kennite,

dheebuu isaaniitiif dhagaa keessaa bisaan isaanii baafte;

lafa isaaniif kennu'uuf isaanii waadaa galte

sanitti akka galan isaan ajajje.

16Garuu isaanii fi abbootiin teennallee guddisanii boonan, lum'a jabaatan,

ajaja kee hin dhageenne, dhagawuullee hin didan.

17Maalalee ati isaanii goote isaan hin yaadanne.

Lum'a jabaatan,

dhara isaaniitiin gara garbummaa

isaanii ka duriititti deebi'u'uuf

bulchaa muudatan.

Ati garuu Waaqa namaa dhiiftu,

arja'aa fi Waaqa namaa araaramtu,

ka daddaftee hin lolle,

ka araara namaaf guddiftu waan taateef isaan hin ganne.

18Hennaa fakkeenna Waatiyyo'oo ka harka ufiitiin bassanii hojjatanii,

‹Waandhi biyya Misiriitii nu baase kana!› jedha'aa guddisanii si aarsan,

19Araarri kee guddaa waan ta'eef

lafa gammoojji'ii keessatti isaan hin dhiifne.

karaa isaan deeman akka isaan masakkuuf guyyaa utubaan duumessaa,

halkan utubaan ibiddaa isaan biraa hin fagaanne.

20Hafuura kee mishaa akka isaan barsiisu isaanii kennite.

Mannaa nyaatan isaan hin dhoogganne, dheebuu isaaniitiif bisaan kenniteef.

21Lafa gammoojji'ii keessatti woggaa afurtamaaf isaan soorte.

Isaan womaa hin dhabne,

uffanni isaanii hin moofne,

lutti isaaniillee hin iitofne.

22«Moototaa fi worra Yihuudii hin taane

addaan qoqqooddee isaanii kennite.

Mootii Haseboonii,

lafa Seewoonii,

Mootii Baasaaniitii fi lafa Aagii dhaalan.

23Ijoollee isaanii akka urjii Sami'ii baay'eessitee,

lafa abboota isaanii akka dhaalaniif,

isaanii waadaa galte sanitti isaan galchite.

24Ijoolleen isaaniillee lafa san itti galtee dhaalte

worra Kana'aanii ka biyya san keessa jiraatan isaan afo'otti salphifte.

akka fedhan haa isaan godhani'iif worra san mootota isaaniitii fi worra Yihuudii hin taane ka biyya san keessa jiraatan dabarsitee isaanii kennite.

25Qachoota dallawa dhaga'aa qabdu, lafa gabbattuu michuu,

manniin waan mishaa uf keessaa qabu,

boolla qotame ka bisaanii,

hulee woyini'ii, mukkiin ejersaatii fi mukkiin hedduu,

ka daraaraa isaa nyaatan dhaalan;

Nyaatanii quufanii, furdatanii, mishooma kee gudda'atti gammadan.

26«Garuu isaan worra tole hin jenne turan,

si didan,

seera kee uf duubatti gatan.

Raattota tee ta akka isaan

gara kee deebi'aniif isaanii raagan ajjeesanii

guddisanii si aarsan.

27Kanaafuu ati dabarsitee diintota isaaniitiif isaan kennite,

isaanillee isaan rakkisan;

hennaa guddisanii rakkatan sitti iyyatan,

Atillee Sami'ii isaanii dhageette.

Ati waan guddiftee namaa dhiiftuuf

bulchoota diintota isaanii jalaa isaan oolchan isaanii kennite.

28Haga hara baafatan

deebi'anii waan hamaa si afo'otti hojjatan.

Atillee harka diintota isaaniititti isaan dhiifte.

Isaanillee isaan bitan

Hennaa isaan deebi'anii sitti booyan

Sami'ii isaanii dhageettee

akka araara kee gudda'aatitti

isaan hambifte.

29Akka isaan gara seera keetii deebi'aniif

isaan gorsite.

Isaan garuu uf jajan, seera keellee hin raawwanne.

murtii qajeelaa namni ittiin jiraatu irratti ka'anii yakka hojjatan,

seera kee dudda itti kennan, lum'a jabaatan, si hin dhageenne.

30Ati garuu woggaa baay'ee isaanii obsite.

Karaa raattota teetiitiin Hafuura keetiin isaanitti radde,

isaan garuu si hin dhageenne.

Kanaaf worra Yihuudii hin taane ka biyya san jiraatanitti

isaan kennite.

31Ati garuu Waaqa arja'aa fi ka namaa dhiiftu,

araarri keellee guddaa waan ta'eef isaan hin balleessine, isaan hin dhiifnelle'e.

32«Ammallee Waaqa keenna!

Ati Waaqa waadaa namaa galte eeddu,

Waaqa gudda'aa fi sodaatamaa'a,

bara mootota Asoorii irraa jalqabee

haga adhaa rakkoo nu'uu fi mootota keenna,

bulchoota keenna, gadoota keenna, raattota teenna,

abboota teennaa fi banii kee

maraa irra gaye akka waan diqqa'aatitti hin laalin.

33Waan nu irra gaye maraafuu ati qajeela'a.

nu cubbuu hojjanne, ati garuu waan dhuga'aa hojjatte.

34Mootonni, bulchoonni,

gadoonninii fi abboonni teenna seera kee hin eenne;

seeraa fi ajaja ati isaan gorsite hin dhageenne.

35Mishummaa kee guddaa san,

lafa gabbattuu michuu

bara mootummaa isaaniititti isaanii kennite keessatti

si hin waaqeffanne,

hujii hamaa hojjatan irraallee hin deebine.

36Kunoo nu adha garboota;

lafa ati abboota teennaa kennite irrattillee garbootuma.

Lafti tun ta ati daraaraa isi'ii haa nyaatani'iif abboota teennaa kennite.

37Eebba lafa tanaa sababaa cubbuu keennaatiif

mootota sanii kennite;

Isaan hunna keennallee bita'aaran,

horii keennallee akkuma fedhan godhan,

kanaafuu nu'u rakkoo guddaa keessa jirra.» jedhanii kadhatan.

Banii Waan Barreeffametti Wolii Galan

38Waan ta'e kana maraafuu nu seera wolii galte'ee barreessina; bulchoonni, Leewwonni teennaa fi gadoonni teenna chaappa'aan mirkaneessan.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help