1Worri Filisxeemii hulee Suukooti jedhamtee beekkamtu Yihuuda'atti lolaaf wol gayanii Aazeeqa'aa fi Efersidaamiin jiddu'utti quphatan.
2Saa'olii fi worri Israa'eliillee wol gayanii dhooqa Eela'aatitti quphatanii worra Filisxeemiitiin lolu'uuf yaa'an.
3Worri Filisxeemiitii fi worri Israa'elii gaara gamaa fi gamanaa irra hiriiranii dhaabatanii turan; isaan jidduu dhooqatu ture.
4Gooliyaad namni biyya Geetii worra Filisxeemii keessaa ka hojjaan isaa ciqilee jahaatii fi taakkuu tokkoo jabaan gara isaanii dhufe.
5Inni gulloo sibiila diima'aa mata'atti godhatee uffata sibiilaa uffatee ture; madaalliin sibiilaa ka inni uffateeru saqilii shantamii torba.
6Luka isaa irra gambaallee sibiilaatitu jira; woraanni sibiilla diimaa irraa hojjatame gurmuu isaa irra jira.
7Soomayyuun woraana isaa akka soomaya jirbi'iin dhayaniiti. Madaalliin woraana isaa saqilii torba; namni isa woliin lolu isa afoo deema.
8Inni dhaabatee duultota worra Israa'eliititti, «Amma isin duulaaf wonti asitti wol geettaniif maal godhu'uuf? Ani nama Filisxeemiiti; isin garboota Saa'oliiti; eeganaa isin keessaa nama naan loluu danda'u tokko filadha'aatii inni gara kiyya dhufee naan haa loluu.
9Yoo inni naan lolee na ajjeese nu garboota teessan taanee isin jalatti bulla; yoo ani isa mooyadhee ajjeese garuu isin garboota teenna taatanii nu jalatti bultan jedhee dhaadate.
10Namichi worra Filisxeemii sun, «Ani adha duultota worra Israa'eliititti dhaadadhee nama naan lolu tokko naa kennaa!» Jedhe.
11Saa'olii fi worri Israa'elii maruu haga dubbii kana dhagayan guddisanii sodaatanii hollatan.
Daawiti Naannoo Duula Saa'olii Keessatti12Daawiti ilma Isseyii nama gosa Eefraata'aa ka Beeteliheemii Yihuudaa keessa jiraatuuti; Isseyi ilmaan saddeet qaba; bara Saa'ol mootii ta'u Isseyi umuri'iin nama guddaa ture;
13Ilmaan Isseyii gugurdoon sadiin Saa'oliin woliin duula dhaqan; maqaan ilmaan duula dhaxxee ka hangafaa Eeliyaabi, ka lammeesso'oo Aminaadaab ka sadeesso'oo ammo Saama'a.
14Daawiti nama maraa keessaa quxisu'u; ijoolleen sadiin gugurdoon Saa'oliin faanaa lolaaf bayan.
15Daawiti hoolota abbaa ufii tissu'uuf gara Beeteliheemii deddeebi'a.
16Namichi worra Filisxeemiillee ganamaa fi galgala dhufa'aa haga guyyaa afurtamaa mudhata'aa dhaadata'aa ture.
17Isseyi ilma ufii Daawitiin «Hamaamoo woddame iifii kudhanii fi hudhaamoo kudhanii qabadhuutii obboleewwan tee ta hulee lolaa jirtuu fidi.
18Shalalaa keree kudhanii kanallee qabadhuutii ajajaa loltuu kumaatitti fidii kennii waan obboleewwan tee keessa jiran gaafadhuutii deebi'i;
19Saa'olii fi ijoolleen sunniin worri Israa'eliillee dhooqa Eela'aatitti wol gayanii worra Filisxeemiitiin wol lola'aaranii» jedheen.
20Daawiti ganamaan ka'ee hoolota nama tissutti kennee waan Isseyi isa ajaje harkatti qabatee deeme worri Israa'elii lolaaf laagaa ufii ol qabanii uduu dhaadata'aaran Daawiti hulee lolaa gaye.
21Worri Israa'eliitii fi worri Filisxeemii wol lolu'uuf wol bira gayaniiran.
22Daawiti meeshaa ufii worra meeshaa eegutti kennee gara hulee duulaa fiigee waan obboleewwan ufii gaafate.
23Uduma inni isaan woliin qaaqa'aaru namichi ani worra Filisxeemii ka biyya Geetii duultota worra Filisxeemii keessaa bayee waan inni dubbate sanillee Daawiti dhagaye.
24Worri Israa'elii maruu haga namicha san argan guddisanii sodaatanii isa biraa dheessan.
25Worri Israa'elii, «Nama gaafuu Israa'eliin miidhu'uuf bawu kana argitanii? Nama nama kana ajjeese mootichi hin duroomsa; mucattii ufii itti heerumsiisa; worra Israa'elii keessatti maatiin abbaa isaa gibira akka hin gabbarre bilisa taasisa» woliin jedhan.
26Daawiti worra isa bira jiruun, «Nama nama Filisxeemii kana ajjeese nama waan hamaa worra Israa'elii irraa fageessuu maaltu ta'a? namichi duultota Rabbii jiraata'aa rakkisu fafichi worra Filisxeemii kun eennu?» jedhee isaanitti dubbate.
27Baniin nama nama kana ajjeesee waan kanatu ta'a jedhanii akkuma duraa san itti himan.
28Obboleessi isaa ka hangafaa Eeliyaab uduu Daawiti namoota woliin dubbata'aaru dhagayee Daawititti aaree, «Maaf as dhufte? hoolota hagoo lafa udumee keessatti eennutti dhiiftee garana as dhufte? ani uf jajuu keetii fi hammeenna onnee keetii hin beeka; ati woraana kana laalu'uuf dhufte!» jedheen.
29Daawiti «Ani maal godhe? Kun waan gudda'aa mitii?» jedhe.
30Daawiti isa irraa gara nama biraa garagalee gaafima san gaafate; isaan woma duraa san jedhanii deebisaniif.
31Wonti Daawiti jedhe hin dhagayame; namoonni hagoon waan Daawiti jedhe dhagayanii Saa'olitti himan; Saa'olillee nama itti ergee Daawitiin waamsise.
32Daawiti Saa'oliin «Waan isaatiif ennullee hin sodaatin; ani garbichi kee dhaqee namicha Filisxeemii saniin lola» jedheen.
33Saa'ol Daawitiin «Ati waan daa'ima taateef, inni garuu ijoollummaa ufii irraa jalqabee nama lolaa waan ta'eef dhaxxee nama Filisxeemii saniin loluu hin dandeettu» jedheen.
34Daawiti Saa'oliin «Ani garbichi kee hennaa hoolota abbaa kiyyaa tissu leencinii fi yeyyiin dhufanii yoo fudhatan;
35Ani faana fiigee dhayee afaanii buusisiisa'aa ture; yoma inni natti deebi'e kokkee isaa hudhee qabee ajjeesa;
36ani garbichi kee ka leencaa fi yeyyii dhawu namicha Filisxeemii faficha kana waan duultota Rabbii jiraata'aa kana tuttuqeef akkuma busaawaa hoolota nyaachu'uuf dhufu san godhe isallee akkasuma godha;
37Daawiti Rabbiin leencaa fi yeyyii jalaa na baase namicha worra Filisxeemii kana jalaallee na baasa jedhe; Saa'ol Daawitiin «Deemi Rabbi si woliin ta'aa» jedheen.
38Saa'ol Daawitiin uffata ufii itti uwwisee, gulloo ufii ka sibiila diimaa irraa hojjatame itti godhee uffata sibiila irraa hojjatame ka lolaa itti uwwise;
39Daawiti uffata akkanaa kana uffatee waan hin beenneef guraadee ufii uffata uffate gubba'aan hidhatee ka'ee deemu'uunii wollaale; kanaafuu Daawiti Saa'oliin «Uffata akkanaa kanniin waan uffadhee hin beenneef kanniin maraa uffadhee loluu hin danda'u» jedhee uffata sanniin maraa mulqate;
40ulee ufii fudhatee dhagaa ququunqoo shanii laga keessaa filatee fudhatee korojoo hennaa hoolaa tissu qabatu keessa kaayatee gara namicha worra Filisxeemii dhaqe.
Daawiti Gooliyaadiin Mooyate41Namichi Filisxeemii sun gara Daawitii dhufe; loltuun isaallee afoo deema'aa ture.
42Gooliyaadi Daawitiin guuttatee laale; inni daa'ima diimaa bifa bareedu ture; Gooliyaadi hin tuffateen.
43Namichi Filisxeemii sun Daawitiin, «Ani sare'ee ka ulee qabattee natti dhuftuuf?» jedheen; namichi Filisxeemii sun maqaa waaqolee tolfamaa ufii sanniiniin Daawitiin abaare.
44Filisxeemichi sun Daawitiin «As koottu foon kee allaatti'ii fi busaawa'aa kennaa» jedheen.
45Daawiti ammo Filisxeemichaan, «Ati guraadee, ebo'oo fi woraana qabattee natti dhufta; ani garuu adha maqaa Rabbii loltoota Israa'elii ka ati itti dhaadattuu saniin maqaa Rabbii Gooftaa loltoota kanniiniitiin sitti dhufa.
46Rabbi adha akka ani si mooyadhu godha; ani si dhaya morma kee si irraa mura; reeffa worra loltoota Filisxeemii allaatti'ii fi busaawaa lafa irra jiraatuu kenna; kunillee Waandhi Israa'elii akka jiru akka beettu,
47Baniin kunillee Rabbi akka guraade'ee fi woraanaan fayyisu akka hin taane akka beekuu fi lolli ka Rabbii waan ta'eef Rabbi akka nu isin mooyannu godha» jedheen.
48Namichi worra Filisxeemii Daawitiin miidhu'uuf hennaa gara isaa dhufe Daawiti Gooliyaadiin lolu'uuf gara hulee lolaa fiige.
49Daawiti harka ufii korojoo keessa kaayee dhagaa takka keessaa fudhatee furaanfurrisa keessa kaayee darbatee kallachaan itti galche; dhagaan kallacha keessa seene innillee kallachaan kufe.
50Akkaataa kanaan Daawiti namicha Filisxeemii san furaanfurrisaan dhagaa darbatee dhayee ajjeesee mooyate; Daawiti guraadee harkaa hin qabu ture.
Worri Filisxeemii janni isaanii akka du'e haga argan hin dheessan.
52Achiin maayessa worri Israa'eliitii fi worri Yihuuda'aa ka'anii ililfata'aa dhaadata'aa worra Filisxeemii haga biyya Geetiitii fi Asqaloona'aa isaan ari'an; reeffi worra Filisxeemii keessaa biyya Sha'aaraa'imii irraa jalqabee haga biyya Geetiitii fi Aqaaroonii worri karaa irratti dhayaman karama irratti kufe.
53Worri Israa'elii worra Filisxeemii ari'uu dhiisanii gara qe'ee isaanii deebi'anii qe'ee isaanii saaman.
54Daawiti mataa namicha Filisxeemii san qabatee gara Yeruusaalemii dhufe; woraanaa fi wontee ufii garuu daasema keessatti dhiise.
Daawiti Gara Saa'olii Dhaqe55Saa'ol hennaa Daawiti gara namicha biyya Filisxeemii dhaqu argee, ajajaa loltootaa Abeeneriin, «Mucaan kun ilma eennuuti?» jedheen; Abeenerillee, «Mootii kiyya! ani lubbuu teetiin kakadhee ilma eennuu akka ta'e hin beeku» jedheen.
56Mootichi «Mucaan kun ilma eennuu akka ta'e gaafadhu» jedhee isa ajaje.
57Kanaafuu Daawiti hennaa Goliyaadiin ajjeesee gara hulee loltoonni jiraatanitti deebi'e; Abeener isa simatee gara Saa'olii fideen; hennaa san Daawiti mataa Goliyaadii harkaa qaba ture.
58Saa'ol «Ati mucaa nana ilma eennuuti?» jedhee isa gaafate; Daawiti «Ani ilma Isseyii hojjataa kee ka Beeteeliin keessa jiraatuuti» jedhee deebiseef.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.